Studies soft ware engineering

Studies soft ware engineering

Share

How to form of interconnect network

18/10/2019

H A R M E E..
............................
Gara laafettii too
harmee haadha firaa.
Najalaa hin booyin
Rabbitu siif jiraa.
Anis haga humna
Hin hafu sibiraa.

Yaa ogeettii tiyya
Doktoraaf maandisa.
Dhibee keessa kootii
Simatu fayyisa.
Yoon ani rakkadhe
Ija keettu dhimmisa.
Galata kee deessee
Akkam jedhee ibsa.

Ati obbolleessa
atis obboleettii.
Mee hagam yaadatta
Seenaa harmee teetii?

Yoo ati manaa baate
hamma ol deebituu.
Ilmi koo maaf ture
Jettee yoo si eegdu.
Garaan ishee hollatee
Mana keessa foolattu.
Yeroo ati biyyaa
Ishee akkas taatu.
Amma hoo akkami
Sila quba qabduu?

Kuun rakkina dheefaf
Harmerraa fagaatee.
Kuun Jallina dheefaf
Harmerraa fagaatee.
isheen gaafa biyyaa
Ati manaa baate.
Hamma ol deebituu
Wanta meeqa taate.

Amma hoo akkam taati
Yeroo ati teettu biyya AMEERIKAA.
Kuunnin ardii EESHIYAA
Kuun gara AFRIKAA.
jettee yoo ofumaa
Gaaffii of gaafatte.
Atuu niyaadatta waan
gaafa manaa baatee.

Hadaraa jaallan koo
Eegalaa ammarraa.
Warri harmeen teessan
Jirtu akka carraa.
Tolchaa kunaanfadhaa
Ammallee hadaraa.
Lammata hin deebitu
Al takka dabarraa.
Eebba irraa fuudhi
Waan qabduun gargaaraa.

Haadharraa fagaate
Oromi horii laalee.
Irraa hin fagaatin
Qaamafi yaadalleen.
Haadha teetif sima
Dunyaan dunyaa caale.

Warri akka carraa
Harmeen hin jirrellee.
Homaa hin yaaddahin
Toltuu kadhuuf Malee.
Araarama kadhuuf
bakkuma maratti
Akka wal agartan
boru jaannatatti.

Guyyaan harra jennaan
Yaadannoo aayyoolee.
Yaada koo isiniif
barreesse anillee.
Dhiifama naaf godhaa
Yoonin dogongoree.

Gobsi Tahir

May ,13/2018

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address

West Shows Zones
Addis Ababa