Dr info

Dr info

Share

Allahumma inna asalukal jannah wo-auzubika minanaar!

Photos from Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa's post 11/08/2024
Photos from ‎Markazul hikmaa  مركز الحكمة‎'s post 11/08/2024
07/08/2024

Jannata keessa laga Al-Khowsar jedhamutu jira. Lagni kuni ija lamaan Jannata keessaa gara alaatti gadi dhangala’a. Bishaan achitti walitti qabamu Al-Howdh jedhama. Al-Howdiin kuni dirree Mahshar lafarra ciisa. Lameenuu laggeen Nabi Muhammadiif RABBI badhaasa aakiratti badhaasaaf qopheesse !!

Al-Howdiin kuni osoo siraaxa gama achi hin bahin siraaxaa asitti argama. Namuu laga san habbuuqqatee qoma dheebuun bobahe qabbaneessuuf achitti fiiga. Garuu Ummata Sunnaa isaanii qabate qofaaf hayyamni kennama.

Miidhaginaa fi guddina laga sanii Nabi wayta himan dhagahi;”
Lagni koo Al-Howdh,bal’inni isaa deemsa baatii tokkoo dheerata,bishaan isaa aannan caala addaata. Mi’aan isaa damma caala mi’aawa. Fooliin isaa miskii caala urgaa’a. Hedduminni kubbaayyaa (Glass) isaa baay’ina urjii samii caala. Namni laga san takka habbuuqqate,abadan hin dheebotu “
Jedhan
رواه البخاريّ

!!! Yeroo himanuu akkatti namatti tolu argitee !?

“ Duniyatti hanga laga sunnaa isaanii dhugdee,aakiratti laga Howdii fi Kowsarii isaanii habbuuqqatta “
Ibnul Qayyim.

Dubbii laggeen lameeniituu sahaabotni Afaan Sayyida Aalamaa Nabi Muhammad irraa dhagahanii gabaasan sahaabota 50 oli ni tahu.
وهذا الخبر بلغ حد التواتر فأصبح قطعي الثبوت!

Karaa isaanii irratti jiraannee
Laga sanirratti isaaniin wal arguu RABBI nuuf haa murteessu.

اللهم صل وسلم عليه بعدد قطرات المطر وعدد حبات الرمل وعدد كيزان حوضه

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Addis Ababa