Iciti dhuga

Iciti dhuga Sena

07/06/2022

Yakka Ergaa Raawwatanii Booda Sababa sobaa dhiyeeffachuu
Obboleeyyan Yuusuf Yuusufin eelatti erga gatanii booda wanta gochuu qabanii fi rakkoo himachuu qaban itti yaadan. Mee haa ilaallu:
“Galgala booyaa abbaa isaaniitti dhufan” Suuratu Yuusuf 12:16
Kana jechuun obboleeyyan Yuusuf, erga Yuusufin eela keessatti darbanii booda galgala irratti booyaa fi gadda isaanii mul’isaa gara abbaa isaanii dhufan. Imimmaan isaanii feekidha(sobadha). Garuu diraamaa uumu fi oduu isaanii Ya’aquubif dhugaa akka ta’e mul’isuuf wanta tokko gochuu barbaadan.
Eeyyen, akkuma maatiin hundu beeku imimmaan miidhamaa dhugaa agarsiisuuf ragaa ta’uu hin danda’u. Mee Shureyh Al-Qaadi irraa taatee beekkama tokko haa kaasnu. Shureyh seenaa Islaamaa jalqabaa keessatti qaadi (abbaa murtii) beekkamaa ture. Jireenya isaa ilaalchisee seenaa baay’etu gabaafame. Gaafa tokko dubartiin takka booyaa gara Shureyh dhufte. Waan yakkamteef bootte isatti himatte. Dubartiin garmalee haa boottu malee, Shureeyh cal’isee taa’e. Inumaa barattoonni isaa mararfannaa ishiif waan agarsiisuu dideef ni qaana’an. Dubartiin erga deemte booda barattoonni akkana jechuun isa gaafatan: ‘Yaa Shekha maaliif xiqqomallee taatuu ishiif hin mararfannee? Ishiin hiqqifatte booyaa turte. Tarii miidhaan wayii ishiitti hojjattamuu danda’a.’ Shureyhis akkana jechuun deebisee: “Obboleeyyan Yuusufis hiqqifatanii booyaa turan, garuu badii kan hojjate isaanuma. Murtii keenya miira irratti osoo hin ta’in dhugaa irratti hundeessina.’ Boodarratti dubartiin boottu tuni yakkamtu taate argamte.
Kanaafu, namni booyinsaan sobamu hin qabu. Nama tokkoof murteessu ykn nama tokkorratti murteessu yoo barbaade, jalqaba ragaa fi dhugaa barbaadu qaba. Booyinsi yakka ta’uu ykn ta’uu dhiisuuf ragaa akka hin taane seena obboleeyyan Yuusuf irraa ni baranna.
“Ni jedhan, ‘Yaa abbaa keenya! Wal dorgomuuf Yuusufin meeshaa keenya biratti dhiisnee deemne. Ergasii jeedalli isa nyaatte. Osoo nuti warra dhugaa dubbatu taaneyyu ati kan nu amantuu miti.’”

20/05/2022
05/05/2022
04/04/2022

As wr wb RAMADAN kariim

03/11/2021

Egereen Ummata Tigraay Riifireendemii Walabaatin Murta'a jedhan Jeneraal Tsaadiqaan Gebratinsaayi.

https://tinyurl.com/4fd8x5ea

Address

Harargee
Addis Ababa
HARAMAYA

Telephone

+251943290590

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Iciti dhuga posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category