Institute of Oromo Studies

Institute of Oromo Studies Research on Oromo Culture

‎Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo'annoo OromooGodina Wallagga lixaa bulchiinsa magaalaa Gimbiitti ijaarsi mana jireenyaa ha...
22/08/2026

‎Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo
Godina Wallagga lixaa bulchiinsa magaalaa Gimbiitti ijaarsi mana jireenyaa harka qalleeyyii jalqabsiseera.

Inistitiyuutichii Godina Wallagga lixaa bulchiinsa magaalaa Gimbii ganda Colli Mikaa'elii keessattii ijaarsaa mana jireenyaa harka qalleyyii jalqabsisee jira.

Sagantaa kana irratti kan argaman Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo Obbo Zinaabuu Asraat, mootoo " nama gargaaruuf nama ta'uu qofti ga'aa dha" jedhuun Inistiitiyuutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo ijaarsa manneen jireenyaa harka qalleeyyii kana qarshii miliyoona tokkoo fi kuma dhibba lamaa oliin magaalaa Gimbii ganda Colli Mikaa'el keessatti jalqabsiisee jira jedhan.

Mootummaan harka qalleyyii deggeruu irratti xiyyeeffannoo addaa keennuun sirna akka ta'uuf hojjechaa jira. Kun immoo duudhaa walgargaarsaa Oromoo duraa irraa kan maddee dha. Oromoon dur Buusaa Gonofaatiin walgargaaraa ture. Kun sirna Gadaa irraa kan maddee dha. Amma Buusaa Gonofaan sirna ta'ee itti hojjetamaa jira. Kana malees kenna tajaajilalammummaanis sirna ittiin harka qalleyyii gargaaran akka ta'uuf jajjabeeffamuu qaba jedhan. Obbo Zinaabuun.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Gimbii Obbo Fayyeeraa Abboomaa, bara kana magaalaa Gimbiitti hojiin Kenna tajaajila lammummaatiin bal'inaan hojjetamaa akka jiru eeranii, guyyaa har'aa kana immoo ganda Colli Mikaa'elitti mana harka qalleyyii ijaarsa isaa jalqabsiisaa jirra jedhan.

Bulchaan bulchiinsa godina Wallagga lixaa obbo Taliilaa Tarrafaa gama isaaniitiin, yeroo ammaa kana mootummaan hojii kenna tajaajilalammummaayiif xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjechaa jira. Guyyaa har'aa kana immoo magaalaa Gimbii ganda Colli Mikaa'elii keessatti mana jireenyaa harka qalleyyiif ijaarsa isaa jalqabsiisaa jirra jedhanii, nama mana hin qabne mana ijaaraniifii itti galchuun gammachuu guddaa namaa kenna. Kanaaf immoo Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo ijaarsa manneen harka qalleyyii kana faayinaansiin deggeraa jiru galateeffataniiru.

Konfaransiin Paartii Badhaadhinaa Gamtaa Aadaa 2ffaa  kurmaana 4ffaa bara 2018 gaggeeffamee jira. Gamtaan Paartii Badhaa...
18/08/2026

Konfaransiin Paartii Badhaadhinaa Gamtaa Aadaa 2ffaa kurmaana 4ffaa bara 2018 gaggeeffamee jira.

Gamtaan Paartii Badhaadhinaa Aadaa 2ffaa Gamaggama Rawwii hojiifi konfaransii kurmaana 4ffaa bara 2018 Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeessee jira.

Konfaransii kana irrattis Daarektarri Olaanaa Giddugala Aadaa Oromoo Adde Makkiyaa Jamaal, Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo Obbo Zinaabuu Asraatfi Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Giddugala Aadaa Oromoo Obbo Salamoon Fayyee argamaniiru.

Konfiransii kanaa irraati gabaasni raawwii hojii Paartii bara 2018fi akkasumas gabaasni Komishinii inispeekshinii fi Naamusa dhiyaachuun irratti mariin gaggeeffamera


17/08/2026
03/08/2026
Dhaabbii  Ashaaraa magariisaa gaggeeffamee Suuraan .
03/08/2026

Dhaabbii Ashaaraa magariisaa gaggeeffamee Suuraan .

Hojjattoonniifi hoggantoonni Inistitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo Godina Shawaa  Lixaa Aanaa Walmaraatti  Hawaasa n...
03/08/2026

Hojjattoonniifi hoggantoonni Inistitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraatti Hawaasa naannichaa waliin sagantaa dhaabbii Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo milikeessuuf biqiltuuwwan garagaraa dhaabani.

Hojjattoonniifi hoggantoonni Inistitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo dhaabbii Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkooti biqiltuu dhaabamuu irratti hirmaatan.

Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo obbo Zinaabuu Asraat Oromoon qabeenya uumamaa kunuunsuun gamatti duudhaa ganamaatti deebi'uun Itoophiyaa magariisaafi badhaatuu dhaloota dhaalchisuuf hojiin eegalame biqiltuu dhaabuu qofaan osoo hin taane kunuunsuun itti fufa jedhan

Ashaaraan Magariisaa hojii har’aa qofa osoo hin taane ashaaraa dhaloota boruuf kaa’amudha. Ashaaraa magariisa baroota darbe dhaabbateen jiruuf jireenya hawaasa keenyaa jijjiiruun danda'ameera jedhan

Biqiltuun tokko mallattoo abdii, gaaddisa egeree fi kennaa dhaloota har’aa irraa gara dhaloota egereetti darbuudha.

Oromoon uumaafi uumamaaf bakka guddaa qaba. Madaala uumamaa eeguuf kan isa dandeessisu beekumsaafi falaasama guddaa kan ...
03/08/2026

Oromoon uumaafi uumamaaf bakka guddaa qaba. Madaala uumamaa eeguuf kan isa dandeessisu beekumsaafi falaasama guddaa kan qabudha. Bu'uura madaala uumamaa kan ta'e biqiltoota kunuunsuun dhalootaaf galaa qopheessa. Biqiloota kunuunsuun; biyyee, bishaaniifi qilleensa kunuunsuu waan ta'eef.

Kanaaf Ashaaraan Magariisaa duudhaa ummata Oromoo waliin walqabata; yaadamni misooma magariisaa Sirna Gadaarraa madde. Kana qabatamaan hojiirra oolchuun magariisummaa manca'ee ture bakkatti akka deebi'u taasifamaa jira. Kunis hirmaannaa ummata bal'aan dhugoomaa jira.

Biqiltuu dhaabuufi kan dhaabbate kunuunsaan guddisuun Aadaa Oromooti. Oromoofi biqiltuun hidhata guddaa qabu. Oromoon mukeen gurguddaa akka manguddootti; mukkeen xixiqqaa akka daa'ima isaatti ilaala.

Ulfaawwan akka Bokkuu, Siinqee, Horooroofi kkf mukarraa hojjetamu. Gama biraan meeshaaleen mana keessaa, qonnaa, ijaarsaafi kkf. mukarraa qophaa’u. Oromoon tajaajila adda addaaf muka yoo muru biqiltuu haaraa dhaabuun bakka buusa. Mukni jallaan osoo jiruu sorooroo hin muru; mukaafillee safuu qaba.

Kanaaf, biqiltuufi Oromoon hidhata guddaa qabu. Yoo dhaabus kabajaani; yoo guddisus ija finnaatiini!

19/07/2026

Address

Addis Abeba
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Institute of Oromo Studies posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share