25/09/2026
Hojjetoonni Inistitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo guyyaa kabajaa Ayyaana Irreechaa bara 2019 kabajamuu sababeeffachuun marii geggeessan.
Ayyaanni irreechaa faajjii nagaafi jaalalaa bu'uura tokkummaafi miidhaginaa, waloomaafi kabajaa kan ta’e dhaadannoo '"Irreechi Waliigaltee Biyyaalessaaf" jedhuun kan kabajamu irratti Inistitiyuutichii mari'ate.
Marii kana irratti haasaa kan taasisan Daayirektarri Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo Dr. Dirribaa Tarrafaa Uummanni Oromoo ayyaanota waliin kabajatu keessaa Irreechi tokko ta'uu, calaqqee sirna Gadaa ta'e karaa aadaa, duudhaafi safuusaa eeggateen akka kabajamuuf mariin kun barbachisuu ibsuun, Irreechi Uummata Oromoof mallattoo tokkummaafi walooma guddaadha jedhan.
Ayyaana Irreechaa addunyaaf beeksisuu irra darbee madda dinagdee ta’uun carraa hojii uumuun galii dabalataa biyyaaf maddisiisaa jiraas jedhan. Dr. Dirribaan
Kanaaf Irreechi dirree araaraa, galataa, nagaa, tokkummaa, waloomnifi tokkummaa obbolummaa dagaagsuu, hawaasummaa cimsuu, hariiroo saboota biyya keenya Itoophiyaafi Addunyaa jabeessuu keessatti ga'ee guddaa qaba.