Diakon Daniel Mamo Page

Diakon Daniel Mamo Page

Share

Photos from Diakon Daniel Mamo Page's post 12/09/2025

Mataa yohaannisa naa kenni!

Fulbaana 2

“Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala.”
— Mat. 11:11

Lallabaa lallabdoota qulqullu .

qulqullu yohannis cuupha osoo hin dhalatiin kaase erga boqotee booda Kan lallabaan irra adda hin baane.

1. lallaba qulqullu yohannis lafa onaa keessatti.

lafa onaa keessa. Lafa onaa Kan jedhame laphee namoota dha. Lapheen namota sagalee waaqayyoo irra fagaate Kan ture dha. ebbi waaqayyoos addunya irra erga Adda bae bubbuleera. Lafti onaan biqiloota magarisa fi bakka gogaa ta'e dha. Mukkeens hin argaman. Bakka aduu fi bubbeen itti heddumatu bakka gubaa dha. Yohannis lafa onaa kana keessa sagaale dhgeesiseera. lafa onaa Kan jedhame laphee dhala namati.

2. Sagale yonnis gadameesa haadha isaa keessatti.

yohannis yeroo gadameesa haadha isaa keessa jirutti qulqullettin dubaroo maariyaamin yeroo argutti "sagalee guddaadhan iyye" ture.

qulqullun yohannis lallaba Kan eegale gadamessa haadha isaa keessa osoo jituti. Kan nama dhibu immo kabaja fi ulfinni durboo maariyaamif ta'u maalu lallaba wangeela nu barsiise dha.

3. Akka dhalateen afaan abba isaa banaameera.

beekamu qulqullun gabri'eelin lubichi zakkariyaasin "Amma kun ta'utti duuda taata" jedhe tureera.

isaa ga'ee qulqullun yohannis yeroo dhalatutti, maqaan akka mogaasuuf abba isaa gaafatani. Abban isaas akka isaan kobbe fi waraaqata kennanif gaafate.

maqaa mucaa isaa "yohannis" jedhe mogaasun dhuma irratis afaan isaa banameeraf (luqa 1:57-64). Kanaafu akkuma dhalateen yohannis ammas taanan lallaba gudda irra jira.

4. Yohaannis miinze iyyesus kiristoos yeroo ta'etti.

beknu kitaabni qulqullun fakkenyaan dubbata. Iyyesus kiristoos mushurra, mana amanta ykn amaantootni immo misirro, akkasumas qulqullun yohannis miinze jedhameera. Hikkan minzee maal akka ta'e Kan wallaale hin jiru. Iddo mushurraan hin jirretti miinzeen hin jiru.

5. Lallaba yohannis erga mormi isaa citee booda.

yohannis erga du'ees lallaba isaa hin dhiifne. Qulqullun yohannis sabaaba inni lallaba "obbollessi haadha mana oboleessa isaa akka hin fuune" jedhu lallabeen mormi isaa citteti. Motichi heerodsi jedhamu sababa sirbaatin morma qulqullu yohannisin kuchisiiseera.

qulqullu yohannis erga cittes hin boqonne. Akkuma ishee duraatti barsiisu itti fuftee male. Mormi yohannis harka heroodiya keessaa ba'uun qillensa irra balaliitetti. Isheenis taate kana yeroo agartu baay'ee naate.

qulqullu yohannisis "yaa heerodsi dhugumaan siin jedha haadhi mana obboleessa kee siif hin eeyamamne, dhiisi" jechuun dubbateetti. Mataan yohannis yeroo goftaan dabra zaayiti irratti duuka bu'oota isaa waa'ee dhufaati isaa lammaf barsiisa jirutti dhufte jilgeenfattettif.

Chaanali keenya subscribe gochuu hin hiraanfatina!

https://youtu.be/ztFnb8Qc_yI?si=Lc28NzZ5oLqswKcb

“Wangeela lallabuu kootiin of jajuu hin danda'u; kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!”
— 1Qor. 9:16

Daniel Mamo

Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami

​YouTube — Subscribe —AlatinosTube

Telegram — Join — AlatinosTube

Photos from Diakon Daniel Mamo Page's post 10/09/2025

"Bara kanaaf dhiisiif" (luq 13:8).
🌼🌼🌼🌼🌼🌻
Bagaa ittin isiin ga'e baga waliin nu ga'e.
⏭2️⃣0️⃣18⏮
Wangeela luqaas 13:6-9

Fakkenyaa kana itti hime ( luqa 13:6). Gooftaan keenya iyyesuus kiristoos baratoota isaa ta'e waara barumsa isaa dhaggesfatan hunda Yeroo barsisutti akka isaanif galuuf jedhe Fakkenyaan barsiisa ture. Qote bulaa sanyiidhan, haadhooli raaciitidhan, daldalaatoota immo qarshidhan, dhala Nama biqiltuudhan, amanti ija sinaaficaatin fakkese barsiisun amala isa dha. Kuta wangeela kana keessati gooftan keenya iyyesuus kiristoosin fakkenya biqiltuutu tokkon barsiisera.

Ega erga wangeela luqaas boqoonna 13 lakk 6-9tti jiru hubachuuf:-
1. kan jedhame eenyu?
💠Biqiltu kan jedhame dhala Nama dha (mat 21:19). Biqiltuun ni biqila, baala ni baafata, baalli isaa immo kan inni gargaaru akka inni sanyi ykn firii kennufi dha.

muka kana dhabe enyu dha?
💠 Biqiltu kan jedhamu dhala Nama akka ta'e ilaallera. Abban biqiltu kana eenyu dha yeroo jennu immo, dhala Nama kan uume eenyu dha jechu isaati. Kanaafu dhali Nama kan uumame waaqayyon (yoh 1:2). Kanaafu waaqayyoo akka nuti firri ykn waan gaari hojjennuf addunya kana irratti nu uumeera.

kan jedhame maali?
💠 Muki tokko kan dhabbatu akka sanyi ykn firii kennufi dha. Kanaafu akka fakkenya kanaati firi kan jedhame hoji gaari nuti amantaadhan agarsiifnu jechu dha. Hojiin gaariin kunis hoji afuura qulqullu jedhamun ni beekama ( galata 5:22). Gooftaan keenya Yeroo muka baala qofa qabdu kana ilaale firii irra dhabu, eegdoota isatin muraati gara ibiddatti darbadha jedheerani. maare ega namni amanti qofa qabaate hojii gaari hin qabaanne gara boolla ibiddati ni darbatama jechu isaati.

jechuun ho maal jechu dha?
💠 Baala jechuun amanti hoji gaari hin qabne jechu dha. Biqiltuun tokko baala baaye waan qabuuf faayidaa qaba jechuuf nama hin dandeesisu. Baalli sun yoo firri kenne qofa dha kan faayidaan isa hubatamu. Gooftan keenya wangeela maatiyoos 24: 20 irrati akka dubbatetti "baqachuun keessan waqtii ganna akka hin taane jabadha kadhadha" kan inni nuun jedhe. Kana jechuun isaa, akkuma beekamu qote bulaan sanyi midhani kan fachaasu arfaasa yoo ta'u sanyin kun biqile kan inni baala kennu immo waqti gannati. Waqti ganna keesa firiin hin jiru. Waqtiin kun waqtii firii osoo hin taane waqtii itti baalli mul'atu dha. Kana jechuun isaas " isiin dhali Nama hundumti keessan yeroon ani miti dhufu hin beektaniiti, baala kan jedhame amnti qofa osoo hin taane firi kan jedhame hoji gaari Amantaan mul'atu raawadha na eega jechu barbaadeeti. Ani yeroon dhufu jechun isaa immo "Yeroo ani ergamaa koo ergee luubu fi foon keessan gargar baasu ykn Yeroo duutan hin beektaniti waan ta'eef ani amamnta qaba jechuun qofa osoo hin taane qalbi jijjirannan firi 30,60 fi 100 buusa na eega jechu dha. Amantan hojin hin mul'ane mata isatin kan du'e dha jedhe akkuma qulqullu yaa'iqoob dubbate, lamaanu Wal faana mul'achu akka qabu kutaan wangeela kun nuti hima jechu dha.

kana kan eegu eenyu dha?
💠biqiltu kana kan eegu immo ergamoota waaqayyoo dha. Dhalli nama kan eegaman fi fuula waaqayyoo kan ilaalanif ergamoota mata isaani akka qaban kitabni qulqullun ni dubbata ( mat 18:10). Namni tokko akkuma dhalateen ergamaan lama ni ramadamaaf. Ergamaan kunis kan bita fi mirga jedhamuun ni beekamu. Ergamoonni kun Hoji nuti guyya guyyan hojjenu kan nuuf galmeessani dha. Yoo nuti waan gaari hojjene ergamaan mirga nuuf kataba. Yeroo nuti waan yaraa hojjenne ergaman bita galme isaa ni galameessa.

sadi deddebi'un isaa maal ibsa?

💠 Abban bilqiltu dhaabe kun Wagga waggadhan si'a sadi itti deddebi'un muka kana akka isheen firii kennite ilaaleera.

jechun maal jechu dha? Akkuma armaan olitti dubbachuuf yaale muka jechuun dhala Nama, muka kana kan dhaabe waaqayo ta'u isa hubannerra.

sadi jechuun immo sadarka dhali nama keesa darbu jechu dha.

nama sadarka umuri sadi qaba. Isaanis bara , bara fi bara jedhamu. Waaqayo bara umuri keenya kana sadan kana keessatti dhufe firii nurra ni barbaada. Wagga tokkoffan ykn bara dargaggumma keenya waaqayo dhufe yoo firii nurra dhabu, baraa dhufu yoo firii isaan irra argadhe dhufeen nan nyaadha jedhe ni abdata. akkasumas yeroo waagga lammaffatis dhufe nurra dhabu waagga sadaffatti nu beellama. Haaluma kanaan Wagga sadaffaas yeroo dhufe firii nurra barbaadu nuti gaddun ni deebi'a. Ergamoota isaas akka nuti boolla ibiddati gatani ni ajaja.

# Egaa Kana jechun isa ega dargaggumma , bara namumma keessa dabarre Yeroo nuti jaarsomnu Waaqayyo amanta hoji gaarin ibsamu Yeroo nurra dhabu ni gadda. Yeroo kanaas gadde hin dhisu, mura gara ibiddatti darbadha jedha ergamoota isaati hima male. Kun immo waaqayyoo dhali nama amanta hoji gaarin ibsamu yoo hin qabaannne, dhuma irratti, ergaamoni lubbu isaani akka gara si'oolitti darbatamu ibsuf barbaadetu.

kanaaf dhiisif jechuun ho?
💠 Jechi kun mata dure barumsa keenya ture. Bara kanaaf dhiisif jedhe kan kadhate eegdota biqiltu kanaati. Kan dhiisuuf immo abba biqiltu kana waaqayo dha. Bara kana kan jedhame immo sadarka umurin dhala Nama keeasa jiru dha. nuti sadarka umuri isa kam keess jirra? Kanaafu akkuma abban biqiltu kana waagga sadiif itti deddebi'uun biqiltu kana irra firi dhabe itti gaddee, akka isheen buqqate gara ibiddatti darbatamtuuf eegdota muka kanaatin ajajamte, nutis yoo firii hin laannu taane waaqayo akkasuma nuun jedha.
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
hubatamu qqbu, eegdootni biqiltu kana, biqiltu kana akkuma ajaajamanin ishi jedhani buqisuun ibiddatti ni gatna hin jenne. Kan isaan ajajaman buqisani akka gatani dha. Garuu isaan deebisani "lakki bara kanaaf dhiisif" jechun abbaan muka kana dhiifama akka taasisuuf kadhataniru. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaale, eegdotni ergaamoota waaqayo akka ta'an ilaallerra.
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
ergamoonni nuuf ni kadhatu kan jettu man ni amantaa qulqullettin barsiistu sababa kanaaf akka ta'e hubatamu qaba. Ergamoonni dhala namatiif waaqayyo akka umurii dabaluuf ni kadhatu. Kan isaan dabalata umuri nuuf kadhatan akka nuti umuri sana ittiin Addunyaa gammachifnuuf osoo hin taane qalbi jijjiranne firi buusnufi dha.
⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️
kunis bara dhufu mukni kun yoo firi latte jedhani dha kan isaan itti gaafatamumma fudhatan. Yoo firi hin laanne ta'e garu lubbu keessa fuudhuudhan gara ibidda si'oolitti akka darbatan waaqayo aangoo kenneraf. Nuti kana hubachuun qalbi keenya haa jijjirannu.

kana ofi keenya mee of haa gaafannu.

1. Bara darbe keesa ani baalan ture moo, baaluman koo bilchaate firii kennerra?

2. Baraa dhufu ho firi buuusufan qopha'a jira mo, caluma jedhen bara haara simadha.

Waaqayo Galaton haa ta'u
Durboo maariyaamif ulfinni haa ta'u
Ulfaata fanno isaaf kabajni haa ta'u ameen.

1/1/2017

Chaanali keenya subscribe gochuu hin hiraanfatina!

“Wangeela lallabuu kootiin of jajuu hin danda'u; kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!”
— 1Qor. 9:16

Cubbuu "-" amantii "+" jaalala "×" Kan qabdu rakkataaf "÷"

°°°°°°°°°°°{~~~~}°°°°°°°°
¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤
°°°°°°°°°°°°~~~~°°°°°°°°°
D/n Daneil Mamo
~°°°°°>>>>>°°°°~~
¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤
>°°°°~~~~

Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami

​YouTube — Subscribe —AlatinosTube

Telegram — Join — AlatinosTube

Photos from Diakon Daniel Mamo Page's post 29/08/2025

Waldaa Sillaasee
One step
Keep it up

Afaan ofiin barachuun
Warrota afaanin badan deebisa

26/08/2025
24/08/2025

+ qulqullu (81)

➜ 46'n kitaaba kakuu moofa
➜35'n kitaaba kakuu haara

Kitaabni qulqullun kakuu moofa qabiyyeen bakka shanitti qoodama፦

1 /Kitaaba seera
2/Kitaaba seena
3/Kitaaba faarfanna/ beekumsa
4/Kitaaba Raaji

KITAABA KAKUU MOOFA QABIYYER BOQONNA ISAANIN

Kitaaba ooriti saddettan

< BOQONNA>
1] Seera uumama --- (50)
2] Seera ba'uu ------ (40)
3] Seera lewoota ------- ( 27)
4]Seera lakkoofsa ------ ( 36)
5]Seera k.deebi ------- (34 )
6>kitaaba Iyyaasu -------- (24)
7>kitaaba a.murti------- (21)
8>kitaaba ruut -------- (4)

➜Kitaabota seena
9> 1ffaa saamu'eel ------ (31)
10 < 2ffaa saamu'eel-----( 24)
11< 1ffaa mootota------ (22)
/2ffaa mootota ------ (36)
12< 1ffaa seena baraa----(29)
/2ffaa seena baraa------(36)
13

"Jawwichis Dubartiittiirratti ni aare!" Mul Yoh 12:17 B/saa Daani'eel Maammoo 23/08/2025

Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.
Mulʼata 12:17

ከዚያም ዘንዶው በሴቲቱ ላይ ተቆጥቶ ከትሩፋን ዝርያዎችዋ ጋር ሊዋጋ ሄደ። እነርሱም የእግዚአብሔርን ትእዛዛት የሚጠብቁና ስለ ኢየሱስ በታማኝነት የሚመሰክሩት ናቸው።
የዮሐንስ ራእይ 12:17

"Jawwichis Dubartiittiirratti ni aare!" Mul Yoh 12:17 B/saa Daani'eel Maammoo Namni kamuu Sababa afaanitiin dhiisee ba'uu hin qabu. Afaan Oromiffaatin tajaajila guutuu kenninee ishee hin darbineef ...

YAA DURBOO MAALIN SI FAKKEESSINA? Durboo maariyaam Uumama guyya 2ffaan ni fakkeefamti (uum. 1:2). 23/08/2025

Barnoota walitti fufiinsa!

DUBBI FAYYINA/ነገረ ድህነት/



Barumsi kun kan kuta kutaan dhiyaatu yoo ta'u, kan inni of kessati qabatu ( hikko dubbi FAYYINA, baruumsa dubbi FAYYINA mana amanta Ortoodoksi tewaahido keessatti, fayyinni kara eenyuu fi enyuuf ta'e?, fayyuuf maaltu barbaachisa? kan jedhan) fedha waaqayyo yoo ta'e waalin ni ilaala. Waaqayyo kara hunduma keenya barsisuun feedhaf jaalala isa haa ta'u.

DUBBI JEDHU AKKA BARSISAA MANA AMANTA KIRISTANAATI BARSISOONI MANA AMANTA AKKA BU’URATI JECHA ISAN ITTI FAAYADAMANI DHA. FAKKENYAAF, DUBBI QULQULLOOTA, DUBBI FAAYINA, DUBBI MARIYAAMI, DUBBI AMANTA FI KKF DHA.

(FAYUU) JECHUUN MAAL JECHU DHA?

FAAYINA JEDHU IMMOO DHUKKUBA KEESA FOONI FI LUBBU IRRA FAYYUF HIKA KAN TAU DHA. KANAFUU FAAYINA BAKKA LAMATTI QODNE ILAALU NI DANDENYA:

1. FAYYINA FOONI:-

GOSA KANA KUTA KITABA QULQULLU IRRATI IDDO BAAYEETTI YEROO INNI KATABE JIRU NI ARGANNA; FAKKENYAAF:

NOHI BADIISA BISHAANI IRRA HAFE (S.UM 6:9)

LOOXI BADIISA ABBIDAA IRRAA HAFE (S.UM 19)

NIIIMIYAN LAMXI IRRA FAYE (2MOT 5:6)

KUN FAYYINA YEROO FI ADUNYA TI. FAAYINA FOONI KEESATI CUBAMAANIS QULQULLUNIS FAYYU NI DANDAA. BARA KAKUU HARA KEESSATI GOOFTAN KENYA EYESUS KIRISTOOS YEROO BARSISA TURETI FAYINA LUBBU IRRA CAALAATI AGARSIISAA TURE.

2. FAYYINA LUBBU

NAMA CUBBU YEROO HOJETE JEDHUTI YOO GARA WAAQAYYOTI DEBI'E QALBI HIN JIJIRANE TA'E NAMA DHUKKUBSATE DHA.

KEENYA ADDAM WAGA 5500 DHUKKUBA LUBBU KEEESA TURE. WAAQAYOS WAADA WAAN ISAAF GALEF GAAFA YEROON ISAA GA'U DURBA IRRA DHALATE NU FAYISE JEDHE AKKUMA Q/PHAWULOOS DUBATE (GALAATIYA 4:4).

ABBA KEENYAF FAYINI KAN TA:EEFI SABAABA INNI FEDHA QALBI JIJJIRANNA AGARSISEEF, JECHI SAMI FI LAFA KANA UUME NAMA TAE FAYISERANI.

NAMNI CUBBU HOJETU DUE JIRA JEDHE QULQULLU YA'IQOB AKKUMA DUBATE (YAIK 1:15), CUBBU IRRA OF EEGU QABNA. DU'I LUBBU CUBBU HOJECHUN KAN DHUFU YOO TAU, BU'AAN ISAA KAN BEEKAMU YEROO LUBBU FI FOON KEENYA GARGAR BAATU TA'A.

QULQULLICHI LUQAAS HOJI EERGAMOOTA 2:47 IRRATTI Gooftaanis warroota fayyyuu qabaniif guyya guyyaan isaanirratti dabalaa ture, JEDHE DUBATE, NUUTIS FAAYINA KEENYAAF CAARAQU QABNA.

ITTI FUUFA........

Gaaffi yoo qabaatan kara imbox kanaa ykn jedhu erguu dandeessu

Daniel m.

Barnoota biroo fi hikka kitaaba qulqulqullu argaachuuf linki armaan gadi gala argadhaa!

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89

Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami
Telgram chaanal:-

https://t.me/alatinostube

Youtube chaanal:-

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89

YAA DURBOO MAALIN SI FAKKEESSINA? Durboo maariyaam Uumama guyya 2ffaan ni fakkeefamti (uum. 1:2). https://www.youtube.com/channel/UCixJsjfc0bNNt9N3cpsm40Q?sub_confirmation=1 'anna kitaaba qulqullu wangeela maatiyoos haara/ kakuu moofa ...

19/08/2025

"Bakka kana jiraachuun nuuf gaari dha" (mat 17:4).

Maqaa abba kan ilmaa kan afuura qulqullu waaqa tokko ameen!

Osoo share hin godhiin* darbite darbite yoo ta'e wangeelaf bakka hin qabdu!

Yoo dubbifte hin xumurtu ta'e, dubbisuu hin eegalin, dubbichi dubbi waaqayyoti, Afuuran eegalame obsaan xumura!

Barnoota gaari!

✅jecha kana kan dubbate dursaa duuka bu'oota kan ta'e qulqullu pheexiroos yoo ta'u, jechichi kan dubbatamef yeroo sanaaf duuka bu'oota isaa walin jirani fi raajoota achiti argaman yoo tae iyyu amma immo kiristaanoota mana kiristaana tabba taaboorin fakkeefamtu keessa jiraniif dha.

✅Bakki jechi kun itti dubbatame tullu taboore irratti yoo ta'u, jecha kana kitaaba qulqullu irratti kan nuuf katabe immo qulqullu maatiyoos dha.

💒Kayyoon barru kana, qulqullu pheexiroos akkuma ifa waaqumma iyyesuus kiristoosin tabba taaboor irratti argee amane, nutis tabba taboorin kan fakkefamtu mana qulqulluma kiristaana kessatti argamuun waaqumma isa "inni ilma waqayyo jiraata isaa bara baraati" jenne dhuga yoo bane ifni waaqumma isa nuuf ifa.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇

“Guyyaa ja'a booddee, iyyesuus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase.” Mat. 17:1

✅Guyya ja'a booda kan jedhe maalif?

💀 Guyyaa 6 booda, Naanoo filiiphiisiyoos qeesariyatti dhuga ba'umsa pheexiros yaadachisuuf jedhetu. Akkuma beekamu enyumaan iyyesuus kiristoos namoota baaye'ef gaaffi ta'a akka ture, har'ars gaafi ta'a akka jiru beekama dha.

keenya iyyesuus kiristoos naanno kana yeroo ga'u barattoota isaa gaafi keessumma isaanitti ta'e tokko gaafate ture. Gaafichis "namni ilma namaatin eenyu jedha?" Kan jedhu ture.

❤Isaanis "namonni tokko tokko eeliyaas warri kaan immo yohannis warri biroon immo musee" sin jedhu jedhaniin.

irratti akka waan tokko hubatan nan barbaada. Innis "namoonni kan jedhaan" jecha jedhu dha. Namooni waa'e iyyesuus kiristoos waan baay'e jechuu ni danda'u.

Isaani
fi nabiyyi jechuu danda'u (warra musilima)
qofa, nama qofa, kadhata keenya (protestant).

❤Warri musilimoota "nabiyyi keenya isaa jallatama" yeroo jedhan

pirotestaanti immo "akkuma warra ayihuudota eeeliyaas, musee, fi yohanis" kadhataa keenya jedhuun.

isaas hojin raajoota "kadhachu ykn araarsu" waan ta'eef, isaanis hoji murtesssu iyyesuus kiristoos waan hin amaneef inni akkuma raajoota kan nuuf kadhatu dha. Nuti garu Waaqayyo isaanitti haa araaramu jenna.

bara duuka bu'ootatti namooni baay'een akkuma maalumma iyyesuusiti dogogora turan ammas namooni baay'een itti dogoggora jiru. Kan nama dhibu garu gaaffin gaafatame duuka bu'oota isaatiin ille hin deebine ture.

kiristoos namni mal akka inni isaan jechaa jiru dogoggora waan ta'ee, dogoggora isaani Yeroo sirreessutti

" immo eenyu naan jettu" jedhe gara isaanitti deebise.

namni jedhu, dubbachuun salphadha. Garu isiin maal jettu yeroo jedhamnu deebi hin qabnu, taanan salphina. Isan keessa garu angaafni duuka bu'oota qulqullu phexiroos yeroo gaaffi kana deebisu "ati masicha, jiraata ilma waaqayyoot" jedhe deebiseen.

irratti qulqullu pheexiroos badhaasa "eebifam,ayyanooma" jedhanamu argateera. Qulqullu pheexiroos phaphaasi isa jalqabaati.

'aas abbooliin keenya angoo phaphaasumma yeroo fudhatan "eebbifamo abba abalu" jedhamun kan waamaman kana irra ka'e dha. Maqaa kana kan kennes goofta keenya iyyesuus kiristoosi dha.

Masicha jechuun kan dibame, maqaa waloomina kan ibsu dha. Inni dhugumatti, Ilma waaqayyo, ilma namaatis.

ba'umsa isaa kana gooftaan yeroo dubatu " kan kana siif ibse fooni fi dhiiga nama miti, abba koo isa samiitu siif ibse male" jedhe dubbateera.

👉Egaa guyya ja'a booda kan jedhame guyya qulqullu pheexiroos "ati jiraata ilma waaqayyo kiristoosi dha" jechuun maqaan "atti kan eebbifamate dha" jedhamu kaasne hanga guyya har'atti yeroo lakkofnu dha (mat 16:12-17), dubbisa guutu isaa asi irra dubbisa.

✅maalif duuka bu'oota kana sadan qofa fudhatee gara tabba taabor irratti ol ba'e? Akkuma beekamu gooftan keenya yeroo gara tabba taaboritti ol ba'u baratoota isaa 12 keessa 3 qofa fudhe olba'era. Isaanis pheexiroos, yaa'iqoob fi yohhanis dha. Sababiin sadan isaani kana fudhe olba'eef akka arman gaditti ilaalla:-

1 bu'oonni kunniin goofta baay'e jaallatu ture.

👉Pheexiroos ani iddo keen du'a jedheran, iyyesuus kiristoos yaa simoon ilma yoona na jaallatt? Yeroo jedhuniti, akkan si jaaladhu atu bekta jedheerani.

2. dhekkama fi ariifata waan ta'eef.

👉Amalli pheexiroos keessa tokko ariifachu fi dhekkamu dha. Amalli kun immo nama afuuran dursamu biratti hin barbaachisu.

firii fooni akka ta'e qulqullu phaawuulos nutti hima. Kana kan rawwatus mootuma waaqayyoo akka hin galle ni dubbata. Marre goftan keenya amala akkasi pheexiroos irra mulquuf gaara taabor irratti olbaasera. Ifti Waaqumma iyyesuus kiristoos Yeroo ifufitti firiin fooni kun irra baqatera.

3 fi beekamti baaya' hawwu ture.

👉Fedhin yaa'iqoob fi yohannis mirga fi bita iyyesuus kiristoosin ta'u ture. Guyya tokko haadhi isaani maariyaami kan jedhamtu gara fuula iyyesuus Kiristoos deemun, ijoole laman qaba, tokko mirga tokko immo gara bita naaf ta'i jette kadhate. Egaa kadhannan kun hawi akka isaan kooti bita fi moti mirga ta'uti. Kadhana kanas gooftan Yeroo deebisuuf "wanta kadhatan hin beektan" jedhe debiseerafi.

✅Maalif tabba taaboriin filate?

A. dubbatame akka raawatuuf.

👉qulqullichi daawitti faaru isaa irratti "taaboori fi armooniyeema maqaa keetin ni gamadu" jedhe akkuma dubbatame, guyya kanatti Tabbi taaboota ifa argite hin beekne gamadetti waan ta'ef.
B darba darboo qaba waan ta'eef.

Tabbi taaboor fakkenyaa maalitin kan fakkeefamtu dha?

1 qulqullu ni fakkefamti.
👉Yeroo tabba olbaanu ni dadhabna. Garu tabba kana olbaane yeroo fixe isaa irra teenyee adunyaa asi gadi ilaallu keessi keenya ni gammada. Sababiin isaas lafa teenye kan ijaa keenyaan arga hin turre mataa tabba irra teenye waan agarruf.

👉Wangeellis akkuma tabba kanaati. Waangeela yeroo barrannu, dafe nuuf hin galu, dubbisuun isaa nu nuffisiisa, hikkan isaa nuuf hin galu. Sabaabin isaas Tabbi laphe keenya wan ni dhiibuf. Garuu haluuma kana keesa baane waaqayyotti dhiyaacha deemun, sirritti cimne yoo sagale isaa baranne iccitin kitaaba qulqullu nuuf gala.

nuti kanaan dura hin hubanne nuuf ifa, wanti fago irratti nutti mul'achu hin dandeenye nutti dhiyaata akka mul'atiti, wanti baaye nuuti dhiyaate arguuf nu rakkisus nurra siqsisuun akka hubannu nu taasisa, yeroo kanas keessi kenya ni gamadda.

2 waawayyo tabba taaborin ni fakkattii

👉gara tabba yeroo ol baanu dafqa xuruurfacha, aara galfacha fi miilli keenya qore fi dhagaadhan dhaanama qormaata adda adda keesa darbuuni dha. Bineensonni adda addaa Yeroo tabba kana baanu nutti dhufu ni danda'u. Yeroo asi ol adeemnu lafti nuun sigigaachun gadi deebi'uun jiraachu dand'a. dhagaan gaara gubbati asi gadi nuti konkolaachu ni danda'a ta'a. Egaa sooda kana osoo hin ilaalin erga tabba olbane booda gamachuun nutti dhaga'amu gudda dha. Tabba sana irra teenye gadi deeb'uun ille namatti hin tolu.

👉Ega mootumman waaqayyos akkuma kana tabban ni fakkeefamti. Namni mootumma waaqayyo galuuf yaadu tokko fedhi waaqayyo hunda raawwachu qaba. Fedhiin waaqayyo kun immo of caala nama jaallachu dha. Kana jechuunis aarsa of taasisani obbolesa ofiif of kennu jechu dha. Kunis akkasumatti kan argamu osoo hin taane lagachuun, jilgeenfachun, kadhachuun, kenna kennun fi kan biroodhan kan ta'u dha. Egaa isaan kun har'a namoota baay'eef tabba ta'ani gara mootumma waaqayyotti akka hin gallef rakkisa jiru. Tabba kana irra korre asi gadi addunya kana tuffanne male mootumma waaqayyo galuun ni cima.

3 kiristaanatin fakkeffamti.

👉Tabba taaboor irratti taatewwan ta'an mee yaadadha. Gooftan keenya iyyesuus kiristoos baratoota isaa sadan fudhate erga gara tabba taabor olba'e booda, xiqoo ture immo muse fi eeliyaas dhufani isa walin hasawaniru. Itti fufunis dhuga ba'umsi abba duumeessa keessan "ilmi koo ani jaalladhu isa dha, isa dhaga'a" kan jedhu dhag'ameera. Tullun taabor addate mullatetti. Yaadoota kana gara mana amanta qulqulletitti mee haa fidnu.

👉Mana amanta qulqulletti ishee kakuu haara bakka bu'un duuka bu'oota bu'ootni goofta sadan argamaniru ( phexiroos, yaa'iqoob fi yohannis), akkasumas mana amnta ishee kakuu dura bakka bu'uun raajotni lamaan argaamaniru ( musee fi eliyaas).

mani amanta isheen bu'ura fi dhiiga gooftatin hundufte kun seera raajota fi duuka bu'oota kan fudhatte taate tabba taaaboorin ni fakkefamti. Kan isiin hubachu qabdan mani amanta kan hunda ( kan warra jirani fi du'ani) ta'u ishee dha. Kunis akkamitti dha yoo jedhame, Musee bakka du'ati kaase, eeliyasiin immo bakka biyya jiraatotaa keessa fide taate kana hunda duuka bu'oota isaa fuula duratti agarsiisu isaati. kunis har'a mani qulqullima seera kana akka hoji irra olchituf bu'uura ta'eera. kunis warri jiran warra du'anif, warri du'aan immo warra jiraniif kadhachuun jechu dha.

💀❤"Mana amanta qulqulletti tokkoti ni amanann" jedhani abboni keenya sirna kadhanna isaani keessati nuf katabaniiru. Kunis walitti qabama Qulqullota sami jiraniif fi addunya irra jiraniti. Tabba taabor irratis taaten kun ta'eera.

👉Akkasumas kara gaa'ela Yeroo ilaallu immo mana amanta keessa kan jiran "warra fudhani fi osoo hin fudhin kan jiratani" dha. Mani kiristaana kan laman isaaniti bakka buutu dha. Tabba taabor irrattis museen warra ga'eela hundeefatan bakka bu'ee, eeliyaas immo warra ga'eela maale waaqa isaani qofa tajajiluf ba'an bakka bu'e argamera.

bira immo kakuwwan laman Yeroo ilaallu, musee fi eeliyaas kakuu dura bakka bu'un, duuka bu'ootni sadan immo kakuu haara bakka bu'uun ni fakkefamu. Mana kiristanas kakuwwan kun lamaan ni fudhatti, ittis fayyadama jirti.

✉️“Phexros gidduutti, "Yaa gooftaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha; fedha kee yoo ta'e asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkoos Eeliyaasiif ni ijaarra" jedhee iyyesuusitti dubbate.” Mat. 17:4

✅jecha pheexiroos jedhe me tokko tokkon haa ilaallu.

👉 goofta yoo fedha kee ta'e" jedhe dubbate. jecha baaye gudda dha. Wanti hundu yoo inni jedhe male hin ta'u waan ta'eef waaqayyoon fedha isaa gafate.

kun kadhanna gudda yoo ta'e iyyu kadhannan pheexiroos karaa inni eegen deebi hin arganne. Hawwi isaa kan ture godoo ijaarani museen nyaata sami irra buusafi, eeliyaas immo diinota isaani lolaafi, iyyesuus kirstoos raaji adda adda hojechaafi isaa walin turu dha. Hawwiin kun hawi gaari hin turre. Pheexiroos kayyo iyyesuus kirstoosif gara addunya kana dhufeef hin hubanne. Kanaafu kadhanna yeroo kadhannu akkuma qulqullu pheexiroos jedhe "yoo fedha ke ta'e" ha jennu. Kadhann keenya karaa sadi nuuf deebi'u danda'a ta'a.

kadhanna dafee nuuf deebi'u (gulosi kadhanna akkasi guyyan, torbeen ykn waggan nuuf deebi'u danda'a. Kitaaba qulqullu keesati ilaalu dandeenya. fakkenyaf, Yeroo iyyesuus kiristoos dhukkubsatoota fayyisa ture. kan isaan fayya turanis erga kadhatani booda akka ta'e ni hubanna.)

lammafan immo Kadhanna ture deebi'u dha. ( fakkenyaaf museen kadhanna "yaa waaqayyo fuula ke na agarsisi" jedhu kadhate ture. Waaqayyos kadhanna isa kana du'a keessa kaasee kunno tabba taaboor irratti akka inni fuula isa argu ta'era).

inni sadaffan immo, kadhanna deebi hin qabne dha. (kunis kadhanna obollota keenya wali in wal loola kadhannu, haalo gara keeyachuun kadhanna kadhannu fi kadhaan keenya nama irratti midha akka fiduuf kan kadhannu yoo ta'e kadhannan keenya deebi hin qabu.

haadha yaaiqoobi fi yohhanisiin fudhachu dandeenya. Haadhi isaani kun maariyami jedhamti. Guyya tokko fuula iyyesuus kiristoosun dhabbate ijoolle koo kana laman tokko gara mirga tokko immo gara bita naaf ka'i jeteni turte. Gooftanis wanta kadhatan hin beektan jechuun debiseerafi).

✅ Wanti nuti hubannu inni biroon immo qulqullu pheexiroos anaaf hin jenne "tokko museef, tokko siif, tokko immo eelyasif godo ijaarra" jedhe male anaf, nuyif jecha jedhu hin fayyadmne. Kun immo qulqullu pheexiroos ofittumma akka hin qabne nutti agarsiisa.

Nutoo laata? Meeqaan keenyatu ana qofa, nuyi qofa jecha jira har'a? Ana qofa jechuun jecha seexanati. Qulqullonni hoji gaari ille yeroo ofi hojjetan ani akkasan hojedhe hin jedhani. Kanaaf nuti isaan irra barachu qabna.

💒Gara gudunfa barnoota keenayatti yeroo dhufnu, "bakka kana jiraachun nuuf gaari dha" kan jedhamte mana kiristaana qulqullettin akka dha.

Bakka kanatti iccitiin baaye ni ifu. Icciti shanan utabale amanta, iccitile torban mana amanta kiristaana fi kenna manni amanta haala cimina tajaajila afuura keenyannuuf laattu dha. Iccitin kun namoota baay'ef dhoksa dha. Garu tabba taabor kan jedhamtu gara mana qulqullumma dhufani baravhuun yoo jijirtu jijjiran ifti tullu taabor irrati ife nuufis ni ifa.

Kana hubachu qabdan iccitin kun hundumaf hin ifu. Duuka bu'oota isaa keesa iyyu duuka bu'oota sadi qofaf akka ta'e hubadha. Isaanif malif iffe yoo jenne immo deebin isaa goofta baay'e jallatu waan ta'eef. Bu'an jaalala isaan goofta isaanif qabanis icciti gudda kana akka beekan isaan taasiseera. Nutis iccitin mana amanta kan nu dkokate jiru baayen keenya jaalala wali Kenya fi waaqayyoof waan hin qabnef dha. iccitin kun akka nuuf ifuuf gara mana amanta kiristaanatti yeroo dhufnu waaqayyon jaalachun haa ta' u. Jaalalli walitti qaba seera dha. Namni jaalala hin qabne waayyon hin beeku. Waaqayyo jaalala waan ta'eef, akkuma jedhe duuka bu'aan goofta.

👉 biraas gara tabba taaboor yeroo dhufnu ana qofa kan jedhu dhifne, siif kan jedhu keesa keenyatti qabachun, wantan barabaadu hunda naaf ladhu jechu dhifne yoo fedha ke ta'e jechuun kadhanna waaqayyo jaallatu kadhachu qabna.

Tabbi taabor irratti akkuma beekamu ifni mul'ate kan baye calaqisu fi adi dha. Nutis yeroo gara mana qulqulluma dhufnu uffata keenya addesu qofa osoo hin taane keessi keenyas qalbi jijjirannan addachuun ha ta'u. Yoo akkas goone dhugumatti akkuma qulqullu pheexiroos jedhe "bakka kana jiraachuun nuuf gaari dha" jenna. Nutiis bakka kana kan jedhamte mana kiristaana qulqulletti keessa jiranne, qalbi jijjiranne fooni fi dhiiga isaa akka fudhannuf fedhaaf jaalala isaa nuuf haa ta'u. Waaqayyo nuu barsiiseef galanni haa ta'u Ameen.
Shaari godha joyiniis godha.

Ayaana Gaari!

Daniel m.

Barnoota biroo fi hikka kitaaba qulqulqullu argaachuuf linki armaan gadi gala argadhaa!

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89

Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami
Telgram chaanal:-

https://t.me/alatinostube

Youtube chaanal:-

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address

Addis Ababa