D Zgreat

D Zgreat Teacher

05/04/2022

Lakkoofsi Shan yookan Shaneen ( 5 ) maali? Oromoo biratti akkamitti ilaalama ? Dhugaa 15 obsaan dubbisaa!

® -Oromoon Gadaa shan qaba

1-Gadaa Birmajjii
2-Gadaa Duuloo
3-Gadaa Meelbaa
4-Gadaa Michillee
5-Gadaa Roobalee.
® -Oromoon hortee shan qaba.
1-Maccaaf Tuulama
2-Ituuf Humbannaa
3-Raayyaaf Asaboo
4-Sabboof Goona
5-Sikkoofi Mandoo
® -Oromoon bokkuu shan qaba.
1-Bokkuu Biifaa
2-Bokkuu Dikaa
3-Bokkuu Horaa
4-Bokkuu kallachaa
5-Bokkuu Roobaa.
® -Oromoon Yaayyaa shan qaba
1-Bannoo Galeessa
2-Boruu Biloo
3-Galleen Annoo
4-Golloo Goboo
5-Mannee Leeqaa Jaarsoo
® -Oromoon Odaa shan qaba
1-Odaa Bisil
2-Odaa Bulluq
3-Odaa Bultum
4-Odaa Nabee
5-Odaa Roobaa
® -Oromoon seera Walaabuu shan qaba
1-Seera Tajoo
2-Seera Faanoo
3-Seera Innoo
4-Seera Irroo
5-Seera Latoo
® -Oromoon Waayyuu shan qaba.
1-Dhaha-dhooftuu
2-Ekera-dubbistuy
3-Huchuu
4-Mallima
5-Qaalluu.
® -Amantiin Oromoo Waaqeffataan daandii shan qaba.
1-Damboomsa
2-Haaromsa
3-Gaaromsa
4-Namoomsa
5-Hundeessa
® -Oromoon mulannoo shan qaba
1-Badhaadhummaa
2-Gaarummaa
3-Gammachuu
4-Mo'aa
5-Namummaa
® -Oromoon ayyaana mo'aa shan qaba.
1-Aarsaa
2-Booranticha
3-Gijaaree
4-Gindiika
5-Urgooftuu Mo'aa.
® -Oromoo biratti mo'aa ta'uun waan shan of keessaa qaba.
1-Arjummaa
2-Dhugaa jaallachuu
3-Gootummaa
4-Haayyummaa
5-Obsa
® -Oromoon seera Gadaa shan qaba
1-Seera Safuu
2-Seera Asaasaa
3-Seera Dhowwaa
4-Seera Basaqqeessaa
5-Seera Gooroo
® -Horri Oromoo kutaa shan qaba
1-Ittisa
2-Baqassaa
3-Faxxaana
4-Naanniga
5-Qaawwaa Eelaa
® Manni Oromoo kutaa shan qaba
1-Goorduba
2-Dinqa
3-Gola mirgaa
4-Gola bitaa
5-Bakka Ibiddaa
Galatoomaa!
Maddi Manguddooti fi Seenaa Bilisummaa Oromoo

23/09/2021

Eebba Karrayyuu...

Miinya tahi!………………………..........ziz
Foduu tahi!………………………..........ziz
Alalaasi!…………………………….......ziz
Alaa gali!………………………….........ziz
Oli reebi!……………………………......ziz
Maatii raaphu!…………...………….....ziz
Gadi reebi!…………………………..…ziz
Karra raaphu!……………………….…ziz
Adaboon gooba!.………………….......ziz
Goobni geerarsa!……………………...ziz
Hurrubni Mirga!………..………….......ziz
Dirreen Dannaba!……...……………..ziz
Simoo ta’i! ………………………….....ziz
Sin simin!……………………………....ziz
Dandoo ta'i! ……………………..........ziz
Sin danda'in! ……….………………....ziz
Doobbii ta'i! …………………...……....ziz
Diina gubi !………………………….....ziz
Guchii ta'i !……………………….........ziz
Baalaan booni !….…….……………...ziz
Citaa ta'i! …………………………......ziz
Gurmuu baasi! ……………………….ziz
Daddaraari! ……………..……………ziz
Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz
Babbaroodi .………………………….ziz
Cibraa dhoosi ……..…………………ziz
Gaara ta'i! ...................………………ziz
Itti jigi!……....................
……………...ziz
Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz
Bal'adhu!…………..…………………..ziz
Fantaallee ta'i!..……………………….ziz
Mul’adhu!......................
………….......ziz
Qabadhu!..........................................qabadhu!

29/04/2021

Jirmicha gaafa baatte eenyuyyu sin gargaarre
Dhiphinati dhiphattes namniyyu siif hin barre
Anaaf garuu jireenya dhiignichi ati lolaafte
Kan namni bira darbe lafan kufee na kaafte
Safuu ×2 jaalala kee maal jedheen baasa gatii dhiiga
Maalinu narraa hin dhumu waluma gala ulfaadhuka

29/04/2021

"Merry x-mass for Christian followers

  shomboqqo miti kan kufi jenne kuffisnu Lata qanai nuuf jiraadhu
22/04/2021

shomboqqo miti kan kufi jenne kuffisnu Lata qanai nuuf jiraadhu

  utuu oromiyaa ta'e yoona tilmaaman namni meeqa du'eera.yaa rabbi kan keenya atumti faradi
22/04/2021

utuu oromiyaa ta'e yoona tilmaaman namni meeqa du'eera.yaa rabbi kan keenya atumti faradi

Command post wallagga irrati malee shawaa irratti hin hojjetu jetti   maal taate kkkkk
22/04/2021

Command post wallagga irrati malee shawaa irratti hin hojjetu jetti maal taate kkkkk

21/04/2021

is the process to influence any thing

16/04/2016

Address

Gimbi Road
Addis Ababa

Telephone

+251967644607

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when D Zgreat posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category