Madda Oddeffanno Amantaa Ortodooksii

Madda Oddeffanno Amantaa Ortodooksii Hunduumti Keenya mootummaa Waaqayyoo argaachuu amaantati cimne kadhachuu somuudhaan ergamoota kabajuu akkasuma Maariyaam.

Qulqulluu Amaanu'eel (Amaanu'eel Waaqayyo nu waliin jira jechuudha)Ayyaana waggaa Qulqulluu Amaanu’eel baga geessan!
07/11/2025

Qulqulluu Amaanu'eel (Amaanu'eel Waaqayyo nu waliin jira jechuudha)
Ayyaana waggaa Qulqulluu Amaanu’eel baga geessan!

05/11/2025
Kabaja!!! πŸ₯°πŸ₯°πŸ₯°πŸ₯°Waaqayyo isiin haa kabaju πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
24/08/2025

Kabaja!!! πŸ₯°πŸ₯°πŸ₯°πŸ₯°
Waaqayyo isiin haa kabaju πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

Baga Ayyaana Filsaatatiin isiin gahee πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
22/08/2025

Baga Ayyaana Filsaatatiin isiin gahee πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

21/08/2025

Adoolessa 7β€οΈπŸ™
13/07/2025

Adoolessa 7β€οΈπŸ™

05/07/2025

Wangeela Mat 7:1-6
Waa'ee Namatti Faraduu Fi Waa'ee Isa Qulqullaa'aa Eeguu
1 IYesus, "Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa! 2 Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti isiniifis in safarama.

3 Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu? 4 Yookiis attamitti obboleessa keetiin, 'Lakkii huuba ija kee keessaa siifan baasa' jetta ree? Kunoo, utubaanoo ija kee keessa jiraa!

5 Ati of hin arginee nana, duraan dursitee utubaa ija ofii keetii keessaa baasi, isa booddee huuba ija obboleessa keekeessa jiru, hubattee baasuu in dandeessa. 6 "Foon aarsaadhaaf qulqullaa'e sarootaaf hin kenninaa! Callee keessan akka isaan hin dhidhiinnetti booyyee dura hin buusinaa! Isinumatti garagalanii isin in kukkutu'o" jedhe.

02/07/2025

Yaaqoob 2:14-26
Yaa obboloota ko! Namni tokko, "Ani amantii qaba" jedhee, hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu immoo] hin qabu yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree? Amantiin inni jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree ? 15 Fakkeenyaaf obboleessi tokko obboleettiin tokkos bututtuu in uffatu akkasumas guyyaa guyyaatti nyaata ga'u hin argatan ta'a;

16 isin keessaa tokko immoo,waan namummaa isaaniif barbaachisu utuu hin kenniniif, "Nagaadhaan dhaqaa isinitti haa ho'u, quufaas!" yoo ittiin jedhe, bu'aa maalii qabaaf ree? 17 Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha.

18 Namni tokko garuu, "Inni tokko amantii qabaatee, inni kaan immoo hojii gaarii yoo qabaate maal ta'a?" in jedha; ani immoo, "Ati amma amantii qabaachuu kee hojii gaarii malee na argisiisi! Ani immoo amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan sin argisiisa. 19 Waaqayyo tokkichi akka jiru ati in amanta mitii? Ba'eessa goote! Isa kana hafuuronni hamoonni iyyuu in amanu, in roqomus.

20 Namicha gowwaa nana! Amantiin hojii gaarii yoo argisiisuu dhaabaate, waa'ee kan hin baafne1 akka ta'e beekuu in barbaaddaa?" nan jedha.21 Abrahaam abbaan keenya ilma isaa Yisihaqin, iddoo aarsaa irratti yeroo dhi'eesse, hojii isaatiin qajeelaatti lakkaa'ame mitii ree?

22 Kana keessatti amantiin isaa hojii isaa isa gaarii wajjin wal gargaaraa akka ture, amantiinis hojiidhaan fiixaan akka baafame in argita. 23 Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa, "Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaa'ameef" jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo jedhamee in waamame.

24 Egaa namni amantii duwwaadhaan utuu hin ta'in, hojii gaariidhaan qajeelaatti akka lakkaa'amu in argitu.25 Akkasuma Rahaab ejjituunis yeroo warra ergamanii dhufan sana simtee, karaa biraa akka ba'an goote, hojii gaariidhaan qajeeltuutti lakkaa'amtee turte mitii ree?

26 Akkuma dhagni hafuurri keessaa ba'e, du'aa ta'e akkasuma amantiin hojii gaarii hin argisiifne du'aa dha.

02/07/2025

WDB Wiirtuun Harargee Lixaa Faaruu Albeema Guutuu Qopheessan Dhiyeenya Qabatanii Dhiyaachuuf Jiru

Baga ittin isiin gahee.
28/06/2025

Baga ittin isiin gahee.

Address

Finfinnee
Addis Ababa

Telephone

+251917657585

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Madda Oddeffanno Amantaa Ortodooksii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Madda Oddeffanno Amantaa Ortodooksii:

Shortcuts

Share

Category