23/09/2026
Ijoollee fi Dargaggoo Irratti Hojjachuun Abdii fi Hegeree Waldaa K. fi Biyyaa Ijaaruudhaa!
***Sagantaa marii fi leenjii tajaajila ijoollee fi dargaggootaa guutuu biyyaalessaa, WKWWMYI Qajeelcha Tajaajila Ijoollee fi Dargaggootaatiin qophaa'e irratti, daarektarootaa fi ambaasaaddaroota tajaajilichaa Sinodoosota gara garaa irraa dhufan waliin yeroo eebbifamaa dabarsineerra.
Sagantaan kun Giddugala Leenjii Hundagaleessa Guddinaa Tumsaa keessatti kan gaggeeffame yoo ta'u, marii, muuxannoo waljijjiiruu, leenjiiwwan dandeettii cimsuu fi kadhannaa waliinii gaggeessineerra. Akkasumas, hojiiwwan tajaajilichaa gara garaa keessatti bu'aa gaarii sinoodoosota galmeessisaniif ragaan galataa fi badhaasni kennameera.
Leenjii fi marii kana booda, hirmaattonni Godaanbaa Masaraa Mootummaa (National Palace Museum) fi Inistiitiyuutii Intelejensii Artifishaalaa Itoophiyaa (Ethiopian Artificial Intelligence Institute) daawwataniiru. Leenjii waa'ee Intelejensii Artifishaalaa erga argatanii booda daawwannaan kun hubannoo fi beekumsa dabalataa akka argatan isaan gargaareera.
Hunda caalaa, waggoota afran darban keessatti sadarkaa biyyaalessaa, Afrikaa fi addunyaa irratti waliin hojjechaa turre, akkasumas bu'aawwan tajaajila hundagaleessaa galmeeffameef Waaqayyoon galateeffanna. Geggeessitoota, daayirektaroota, ambaasaaddaroota, dhaabbilee michuu fi hojjettoota tajaajilichaa hundaaf tumsa, deeggarsa, obbolummaa fi hojii garee cimaa nuuf gootaniif garaa guutuudhaan isin galateeffadha. 🙏
Daayirektara haaraa Qajeelcha Tajaajila Ijoollee fi Dargaggootaa, Obbo Efreem Taarikuu, bara tajaajilaa eebbifamaa, bu'a qabeessaa fi ayyaana Waaqayyootiin guutame akka qabaatan hawwa. Hundi keenya isaan waliin taanee guddina hundagaleessa ijoollee fi dargaggootaa caalaatti cimsuuf akka hojjennuuf haa kadhannu.
Ulfinnii fi galanni Waaqayyoof haa ta'u! 🙏
''Wanta hundumaa Waaqayyotu uume;
wanti hundumtuu Isaan in jiraata;
wanti hundumtuu Isaaf in jiraata;
bara baraan Isaaf galanni haa ta'u! Ameen!'' Room. 11:36
***
***
***በኢ/ወ/ቤ/ክ/መካነ ኢየሱስ የልጆችና ወጣቶች አገልግሎት መምሪያ በተዘጋጀው ሀገር አቀፍ የልጆችና ወጣቶች አገልግሎት ምክክርና ሥልጠና ከሁሉም የቤተ ክርስቲያኒቱ ሲኖዶሶች ከመጡ የልጆችና ወጣቶች አገልግሎት መሪዎችና በጎ ፈቃድ አምባሳደሮች ጋር መልካም የኅብረትና የሥልጠና ጊዜ አሳልፈናል።
በጉዲና ቱምሳ ሁለንተናዊ የሥልጠና ማዕከል የተካሄደው መርሃ ግብር ምክክርን፣ የልምድ ልውውጥን፣ የአቅም ግንባታ ሥልጠናን፣ ጉብኝቶችንና የጸሎት ጊዜን ያካተተ ነበር።
በተጨማሪም ለአገልግሎቱ ላበረከቱት አስተዋጽኦና በሥራቸው የተሻለ አፈጻጸም ላስመዘገቡ ሲኖዶሶች የእውቅናና የምስጋና ሰርተፊኬቶችና ሽልማቶች ተበርክተዋል።
ከምክክርና ስልጠናው በኋላ፣ ተሳታፊዎች የብሔራዊ ቤተ መንግሥት ሙዚየምንና የኢትዮጵያ አርቴፊሻል ኢንተለጀንስ ኢንስቲትዩትን ጎብኝተዋል። በአርቴፊሻል ኢንተለጀንስ ዙሪያ ስልጠና ከወሰዱ በኋላ ያደረጉት ጉብኝት ተጨማሪ ግንዛቤና የቴክኖሎጂ እውቀት እንዲያገኙ አግዟቸዋል።
ከሁሉም በላይ፣ ባለፉት አራት ዓመታት በሀገር አቀፍ፣ በአህጉር አቀፍና በዓለም አቀፍ ደረጃ አብረን ለሠራናቸው ሥራዎችና ለተመዘገቡት የሁለንተናዊ አገልግሎት ውጤቶች እግዚአብሔርን አመስግነናል። ለመሪዎች፣ ለዳይሬክተሮች፣ ለአምባሳደሮች፣ ለአጋር ድርጅቶችና ለሁሉም የአገልግሎቱ ባልደረቦች ላደረጋችሁልን ትብብር፣ ድጋፍና ወንድማማችነት ከልብ አመሰግናለሁ። 🙏
አዲሱ የመምሪያው ዳይሬክተር አቶ ኤፍሬም ታሪኩ በእግዚአብሔር ጸጋ የተሞላ፣ የተባረከና ፍሬያማ የአገልግሎት ዘመን እንዲኖራቸው እመኛለሁ። ሁላችንም ከእርሳቸው ጋር በመተባበር የልጆችና ወጣቶችን ሁለንተናዊ እድገት እንድናጠናክር እጸልያለሁ።
ክብርና ምስጋና ለእግዚአብሔር ይሁን! 🙏
''ሁሉ ከእርሱና በእርሱ ለእርሱም ነውና፤ ለእርሱ ለዘላለም ክብር ይሁን፤ አሜን።'' ሮሜ 11:36
***
***
***
***
A Blessed Time of Fellowship, Consultation, and Training 🙏
I had a blessed time of fellowship with Children and Youth Ministry leaders and volunteer ambassadors from all EECMY Synods during the National Children and Youth Ministry Consultation and Training, organized by the EECMY Department of Children and Youth Ministry at Gudina Tumsa Wholistic Training Center.
The program included consultation, experience sharing, capacity-building training, and prayer. Appreciation certificates and awards were also presented in recognition of contributions to the ministry.
Following the consultation and training, participants visited the National Palace Museum and the Ethiopian Artificial Intelligence Institute, gaining additional insights through the visits and AI training.
Above all, we thank God for the work we accomplished together over the past four years at national, continental, and global levels. I sincerely appreciate all our leaders, directors, ambassadors, partner organizations, and ministry colleagues for your cooperation, support, fellowship, and strong teamwork. 🙏
I wish the newly elected Director of the Department of Children and Youth Ministry, Mr. Ephrem Tariku, a blessed, fruitful, and grace-filled season of service. May we all continue working together to strengthen the wholistic development of children and youth.
All glory and praise be to God! 🙏
''For from Him and through Him and for Him are all things.To Him be the glory forever! Amen.'' Romans 11:36