13/09/2026
Warqee giraama 70 liqimse....
************
Warqee mormaa giraama 70 ulfaatu hatee qabamee, ani hin agarre jedhe. Poolisoonni garuu ni shakkan, sakatta'anii homaa dhaban. Haa ta'u malee, qorannoo isaanii adda hin kutne. Poolisoota keessaa tokko tarii liqimsee ta'a jedhee yaada dhiheesse. Yaada isaa kana homtuu dura hin dhaabanne. Mirkaneessuuf raajii kaasuuf fuudhanii mana yaalaa geessan. Raajii gaafa kaasisan warqichi marimmaan namichaa keessa jira. Doktoroonnis warqichi bahuus bahuu dhabuus danda'a. Yoo bahuu baate cuqqaalamuu marimmaanii fiduu danda'a. Gaafa kana yaala baqaqsanii yaaluu barbaachisa. Yookin nyaatawwan faayiberiidhaan badhaadheyoo sirriitti fudhateefi dhangalaa'aa sirritti yoo fudhate milkaa'ee bahuu danda'a jedhanii itti himan. Poolisoonnis muuzii 40, wantoota faayiberiidhaan badhaadhe fi lazatives bitaniifii akka inni nyaatu gochuudhaan sagaraa isaa hordofuutti ka'an. Warqichis booda ni bahe.
Wanta jajjaboo nyaata hin taane liqimsuun cuqqaalamuu marimaaniif nama saaxiluu danda'a.