Hard working

Hard working

Share

Work

26/05/2024

Wantoota an waggoota sadan darbe
dura akka bilchinatti ilaalaa ture keessaa,
Har'a akka wallaalummaatti kanin ilaalu baay'eedha.

Tarii bilchinni koo har'aas waggaa muraasa
booda, Wantan ani yaadadhee itti kolfu ta'uu danda'a. Kana irraa ka'ee yoon ilaalu,
umrii dabaluun sirriidhuma.

Yeroo itti hubannoo baay'ee dabalu qaba.
Garuu umurii dabaluun qofti mataa isaatti hubannoon inni dabalu baay'ee xiqqoodha.

Qalbeffannaa fi yaaliin hin jiran yoo ta'e,
waggaan bilchina fidee dhufu hin jiru.
Namoota gurguddoo xobbummaa
fokkistuu wajjin jiraatan baay'ee
argaan oola.
Maalan jechuu barbaade seetani

Hubannaa fi amala abbaatu fooyyessa
malee, guyyaan badaa hin fooyyessu.
JOIN ♥ SHARE JOIN SHARE
👎👎👎👎👎👎👎👎 JOIN SHARE
https://t.me/publicgoal2
https://t.me/publicgoal2 ☘☘☘☘☘☘☘☘☘☘😁☘☘☘☘😁☘

19/05/2024

Boqonnaa malee fiigaa
Jireenyakoo guutuu
Guyyaa jala hojjachaa
Halkan eeguun hattuu
Matoora itti bitadhee
Eelaas itti qotuun
Dawaas ittiin godhaa
Ciiqooniis hin nyaattuu
Ergas gabayaa geeysee
Yeroo birriin dhuftu
Mucaa kiyyaaf ergaa
Kan Yunivarsiitii baratuuf.

https://t.me/publicgoal2

Ja'a qoteebulaan
Himatee rakkoo isaa
An caatii kanaaniin
Ilmaankoo barsiisaa
Mootummaaf kafalaa
Gibiraas qiyaasaan
Oso naaf godhuu qabuu
Mootummaan deeggarsa
Qaraxa narra kaayee
Maaf cal je'ee usaa???

https://t.me/publicgoal2

Mootummaas haa ta'u
Ykn nama dhunfaa
Sababa caatiitiin
Harargeetu kufaa
Jettanii hin yaadinaa
Yaa ummata doofaa
Hoggantootni harageetoo
Uffattanii suufa
Deemuu malee arra
Maalif dhabdan qufaa???
Ummanni wahi beeytaniif
Of dura isin oofaa
Isin garuu milishumaan
Ummata ganda keeysa oofaa
https://t.me/publicgoal2

Jaalattuus jibbituus
Tiqqaas ta'u guddaan
Dhugaan lafa jiru
Kaleeysaas dheengaddaas
Biyya Ethiopia 🇪🇹 ♥
Ja'amtu tana hundaaf
Qamadiifi buna caalaa
Galii caatii fidaa
Feetus ni fudhatta
Yofeetes ni diddaa
Haragee fi caatiin
Akka dhiigaaf hiddaa
Tahuu beekaa caatiin
Biyyaaf lafee dugdaa.

https://t.me/publicgoal2
https://t.me/publicgoal2

How to apply to Luiss University | Luiss 21/09/2023

Look this opportunity

How to apply to Luiss University | Luiss If you’ve made the choice to start or further your academic career at Luiss, you can find an overview of the application procedure here.

Hard working 18/09/2023

Dirty hand ✋ is a sign of clean 💰 money 💰

Hard working Work

24/07/2023

Faayidaa Dinnichaa
-----
• Bareedinaa fi fayyaa gogaatiif gaaridha.
Dinnichaan nyaachuu bira dabree yoo dinnichaa dheedhii daakhanii dammaan erga walitti laaqan booda fuulaa fi gogaatti khan dibamu yoo ta'e gogaa fi fuula bareechuu bira khutee lallaafisuuf illee ni fayyada. Khana malees bishaan inni kheessatti miichame gogaa bakka gubaterratti Khan dhangalaafnu yoo ta'e dafee akka fayyuuf gargaara

• Gogiinsa garaa garaa ittisuuf fayyada
• Warra ulfaatina dabaluu barbaadaniif gaaridha
• Dhiibbaa dhiigaa xiqqeessuuf gargaara
• Fayyaa sammuu kheenyaatiif baayyee barbaachisaadha
• Dhibee onnee haga tokko qolachuuf nu fayyada
• Dhaangaalee nyaataatiin badhaadhaa
Fayyaa hin dhabinaa

24/07/2023

Ulaagaalee Hojiin gaarii Rabbiin biratti fudhatama Argatuun.

Dalagaan gaarii nama rabbiin biratti namarraa fuudhamuuf ulaagaa sadi (3) guutuu barbaachisaa
1,Iimaana qabaachuu
2,Ibaadaa isaa rabbiif jechaa qulqulleessuu (Al-iklaasu) ykn namni na haa arguufi na haa dhaga'uuf osoo hin taane Rabbiif qofaaf hojjechuu fi
3, Seera Rasuula Rabbii Sallaallahu Alayhi Wasallam hordofuu dhaa.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Addis Ababa