25/01/2026
Qabeenyaa Misoomawaan Guddina Biyyaatiif Murteessaadha.
♤♤♤♤♤♤♤♤♤
17_5_2018 Aanaa Mi'eessootti Fooramiin Abbootii Qabeenyaa Akka Godina HarargeeLixaatti Qindeessummaa Waajjira Daldalaa fi Investimentii Aanaa Mi'eessootiin Aanaa Mi'eessoo irratti Aanoota jaha [6] irraa hirmaachuun fooramichi gaggeeffamaa kan jiruudha.
Mi'eessoo Aanoota Godina Harargee Lixaa keessaa Aanaa investimentiif Mijjataa ta'e kan bal'ina lafaatiin beekkamu ta'uu bira darbee haala mijjataa kan qabu ta'uu isaa I/GWaajjira Daldalaa fi Investimentii Aanaa Mi'eessoo Aadde Biiftuu Abdoosh dubbatanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Fooramii Abbootii Qabeenyaa Aanaa Mi'eessoo irratti gaggeeffamaa jiru kana irratti argamuun Haasawa baninsaa fi ergaa bal'aa Abbootii qabeenyaa Aanoota Godina Harargee Lixaa 6 jaha irraa hirmaataniif ergaa bal'aa kan taasisan I/G Waajjira Bulchinsaa Aanaa Mi'eessoo Obbo Malkaamuu Giddisaatiin ergaan bal'aan taasifamee jira.
Akkasumaas, I/G gaafatamtuun Waajjira Investimentii Godina Harargee Lixaa Aadde Xuruwarq Mangistuus argamuudhaan dhimmoota investimentiin wal qabatu irratti Abbootii qabeenyaa hirmaataniif ergaa bal'aa taasisanii jiru.
Fooramii Abbootii qabeenyaa Unvestaroota Aanoota 6 kanneen Aanaa Mi'eessoo, Gumbii Bordoddee, Ancaar, Gubbaa Qorichaa, Aanaa Ciroo fi Magaalaa Ciroo irraa Sadarkaa Godinaatti Aanaa Mi'eessoo irratti gaggeeffamaa jiru kana irratti qaamoleen qooda fudhattootaa gahee guddaa qaban argamuun kallattii fuulduraa babal'ina investimentiitiin walqabatee dhimmoota guddina biyyaatii fi bareedina Magaalotaatiin wal qabatee jiru irratti marii bal'aa taasisaa kan jiraniidha.