Mohammed ukasha
ummata jalatama oromo
23/07/2024
irraa gara
fi Abba qabeenyaa ta'uu!
Mucaan Suuraa irratti argitan kun maqaan dhaloota isaa (Raangoo) jedhama dhalataa Yugaandaa yoo ta'u, daa'ima Waggaa 11ti. Namoonni hedduun sababa ijji isaa gurguddaa ta'een itti qoosu ture. Mana barnoota keessatti ijoolleen bifa isaatiin tuffatanii itti qoosuus ture. Namoonni naannoo isaa hedduun, "Ati Ampuuliidha, Ati maraatuudha, Fuulli kee baayyee nama jibbisiisa..." Jedhanii Uumama Waaqayyoo isaaf kenneen isa xiqqeessanii Aarrabsu ture.
Mucaan kun garuu Uumama Waaqayoo isaaf kennetti fayyadamee Tiitookii irratti viidiyoo garaa garaa gadhiisuu jalqabe. Guyyaa tokko utuu itti hin yaadin sagalee isaa qofa fayyadamuun Tengee Tengee jedhee Viidiyoo daqiiqaa 5 hin geenye tokko Post godhe. Viidiyoon isaa kunis Namoota miliyoona 120 daawwatame. Nama beekkamaa hordoftoota hedduu qabu ta'e. Mucaan kun har'a namoota dur isatti qoosanu hunda caaleera, Dhaabbilee fi kaampaaniin gurguddoon Addunyaa kanaa mucaa kanaaf doolaara Kumaatamaan Kaffalanii beeksisa hojjechiisaa jiru. Mucaan Xiqqoon kun Yeroo kana Biyyoota Addunyaa hedduu keessa naanna'ee Bashannanaa jira. Fakkeenyaaf biyyoota inni Daawwate keessaa Dubaa'i, Iraan, Indiyaa fi Ameerikaan isaan muraasa. Gurbaan kun yeroo gara biyyoota kanaatti imalu namoota gurguddoodhaan keessummaa kabajaa ta'ee simatamaa jira
Biyyoonnii fi Hoteelonni gurguddoon Addunyaa kanaa maaloo gara biyya keenyaa Koottu jedhanii mucaa Kanaaf affeerraa godhaa jiru. Maqaan isaa yeroo ammaa, Rango Tenge Tenge Jedhamun beekkama, tiiktookii irratti hordoftoota miliyoona 7 ol qaba, Instagramii irratti hordoftoota miliyoona 2 Ol qaba. Haadhaa fi Abbaa isaatiif mana jireenyaa gamoo anbaa darbii 2 ijaaree jiruu Qananii jiraachisaa jira. Maqaan arrabsoo duaanii hundi yeroo kana jijjiiramee amma warqii Afrikaati jedhamaa jira. Warri dur isatti qoosan hundi amma ijaan isa arganii suuraa wajjin Ka'uuf hawwu.
Yeroo waa namaan jettu arrabakee eeggadhu. Akka bor wanti si gaabbisiisu hin uumamne of Eegi!
Egereen ilma namaa hin beekkamu. Namni ati amma of biratti ilaaltee tuffattu tarii bor guddatee nama ati Ijaan arguu hin dandeenye ta'uu danda'a ta'a. Via Tadele Fikadu
07/04/2024
Dubbisaa adaraaππ©
Gurbaa kana waliin akka sabaatti baay'ee rakkanne. Church'n banadha nagargaaraa jennaan tole jedhanii namoonni muraasni gargaaranii banate. Xiqqoo yaalee "Oromoo waanin ta'eef namni Church koo dhufuu dide, nan kasaare" jedhee Macaafa qulqulluu irran kan hafe meeshaa Church keessa jiru mara gurguree cufe jedhan.
Xiqoo turee "Haati manaa kiyya.... " minamin jedhee Live Of-ajj**su malee nuun jedhe, "Yaa Rabbi nuuf oolchi" jennee osuma kadhannuufii joolleen itti dhihoo jiran deemanii shuguxxii irraa fuudhani. (Innis dafeema itti kenne garuu Shuguxxicha π)
Booda Hamilee isaa deebisuuf jecha Gofund me'n banameefii qarshiin walitti qabameefi. Dubai iyyuu deemee fataa jedhe. Single tokkos gidduumaan nutti gadhiise. Tole jenne! Osuma ilaalluu Pastoriin yeroo tokko Churchii banatee ture mana Farsootii Live nuuf seenuu eegale. Irra deddeebii Farsoo jajuu eegale. Moqq jedhee warra qarshii walitti isaaf qabe arrabsuu eegale. Samoona kana immoo Amantaa Musiliimaa xiqqeessuu akka ajandaatti qabatee dhufe.
Akka sabaatti kana hunda isa waliin mankaraarre. Amma garuu nugaheera! Waaqayyo silaa dideera, Sabni biroo gurbaa kana tolaan nurraa fudhatu yoo jiraate haa kennamu. π
Sena Abdisatu barreesse. Natamacha'eeraππ
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Website
Address
ADISABAB