Yaadde beekta garuu…?
Guyyaa tokkoo jechi kee yeroo dhumaatiif tahuu akka danda’u!🧏♂️
Kudhaama jaalala
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kudhaama jaalala, Dubai, Abu dhabi, Addis Ababa.
07/03/2026
Abdii Raggaasa 🫢🫢 sorry 🙏
Ilmi namaa hiree isaaf kaawwamte jiraata, Kanaaf dhiisa namatti hin murteesina aangoo murtii laachus hin qabnu waan taheef.
…
Namni diina qabu maaltu akka isa duuba jiru sababa hin beeknef wal kabajanii jiraatu garuu nama jaalattu biratti gaafa guyyaan gurraachifte qirraarii irraa qallatta 🤷♂️
.
Inni gogaa namaa isa gubate deebise biqilchu sirraa fagaatin 🤲
.
Fayyaa hin dhabina ✌🏿
01/03/2026
Seenaan jaalalaa hundii gammachuudhaan kan Yaadatamu miti 🫰🏿
24/01/2026
Namummaan daangaa hin qabu laga nama ceesisa malee.💪💪✌️
Biyya Abbaan Qabeenyaa meeqa keessa jiru keesBiyya Abbaan Qabeenyaa meeqa keessa jiru keessatti, Biyya Hayilee Garba Sillaasee hoteela abbaa Urjii baay'ee keessatti ijaaree uummata sana yaadatee hin beekne keessatti, Magaalaa Mangiftiin Koriidarii keessatti ijaaree Smart City moggaasee isa kana hin yaadanne keessatti Joon Daani'eel kophaa isaa Pirojektii bishaan dhugaatii namoota 10,000 ol fayyadamaa taasisu hojjate. Kana namummaan!satti, Biyya Hayilee Garba Sillaasee hoteela abbaa Urjii baay'ee keessatti ijaaree uummata sana yaadatee hin beekne keessatti, Magaalaa Mangiftiin Koriidarii keessatti ijaaree Smart City moggaasee isa kana hin yaadanne keessatti Joon Daani'eel kophaa isaa Pirojektii bishaan dhugaatii namoota 10,000 ol fayyadamaa taasisu hojjate. Kana namummaan!
17/01/2026
Artiisti Natsaannat Warqinaan boqote
Finfinnee, Amajjii 8, 2018 (FMC) – Artiistii gameessi Natsaannat Warqinaan dhibee tasaa isa mudateen addunyaa kanaraa du’aan boqote.
Sagantaa tapha maatii("Yebeeteseb Caawataa") jedhuun miidiyaalee garaagaraarratti kan beekamuu fi diraamawwanii fi fiilmiiwwan hedduu hojjechuun beekamtii olaanaa kan horate Artiisti Natsaannat Warqinaan har’a addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.
Akkasuma hojii ogummaa aartii garaagaraarratti taatoo fi qopheessaa ta’uun hojjechuun nama dinqisiifannaa olaanaa horatan turan.
Artiisti Natsaannat qoosaa fi qophiilee bashannansiisoo Teeleeviizyiiniin dhiyeessuun, akkasumas hojiilee beeksisaa bifa addaan hojjetuun beekama.
Artiist Natsaannat bultii ijaaratanii abbaa ijoollee 3 turan.
13/01/2026
Gurbaan Adoonaay jedhamu Kun dhugamatti guddinna namaa nama fedhuudha.
Bara namni ofiif qofa beekkamtii barbaadutti kunoo gurbaa kana Erga gaafa ishowspeed Ethiopia dhufa jedhameetii Isa Ethiopia kana bilbila bareedaa lama biteef, tokko live'n kan dabarsu tokko kan harkarratti hidhatee comment'n dubbisu. Biratti immoo uffataaf waan si barbaachisu jedhee Kuma dhibba harkatti kenneef. Akka inni onnee godhattee Isa eegu taasise. Har'a kunoo fidee Isa biraan gahee hotel gurguddaa hunda ishowspeed waliin seenee ija addunyaa kumaatama live daawwatan duratti fataa jechaarti waan English'n rakkise malee...
13/01/2026
Qarshii Mil 60 ol baasii godhee kan intala warra gimbii fuudhaa jiru kun mucaa warra naqamteeti, jaarsatti heerumte malee dargaggeessa mitii, kun yoona jaarsa tokko dhalchuu hin dandeenye ykn kan rifeensi irra hin jirre wayiiti warri jettan nagaan oolaa,
mucaan dargaggeessa qabrar jedhe kan daa’immummaan fuudhaa jirudha.
Ani kan gammachuun natti dhagahame record gabbaraa kan jaarsoliin qabamee ture dargaggeessaan cabuu isaati , dargaggeessis yoo hojjete jaarsolii olitti gabbaree fuudhuu akka danda’uun hubadhe, dargaggoonni baga gammanne record jaarsoliin qabamtee turte gara dargaggootaatti deebiteetti, mucaan kun diaspora wayiiti yoo ta’e garuu biyya Inni jiru sanatti nu fudhadhaa pass port qabna.
Kan kanaan alaa Wallaggi biyya bunaa fi biyya warqeeti , Warqee kanuma ofii oomishan uffatan bunaa qaban irraa xiqqooshee yoo gurguratan konkolaataa miti elekoptarii bituu danda’u.
Waan elekopterii bittanii fuudhaa malee ni hin hambisnee fi fedha fuudhuu keenyaa hin cufneefiyyuu galatoomaa.
Shamarraniif dhaamsa 🤭🤭
Obboleettiiko akka Fenet Gemechu naafis konkolaataan fi warqeen bitamuu qaba jettee hin didiin, dhiirri ammaa ofiyyuu warqee ta’eera. Ni jaallatta taanaan yoo inni waan maatiikeef kennu hin qabu ta’eyyuu itti heerumi.. dhiirrii ammaa 98% ol konkolaataa erguu miti jaarsa erguufuu humna hin qabu,
Ani eenyuu gadi jettanii miira keessa hin galiinaa, yoo inni hin qabu jedhes rakkoo hin qabu na jaallatta taanaan jedhaa, maatii keessan immoo amansiisaa mucaa ani jaalladheeru na jiraachiisuu Nama danda’udha garuu waan ittiin jaarsummaa erginu dhabnee jedhaa.
Garuu garuu garuu dhiira hojii hin qabne fi fedhii hojii hin qabnetti akkasumas dhiira suusii qabutti hin heerumiin hiyyummaatti hafta. Nagaa dhabda dhumarra wal hiikta, mucaakee fudhattee daandiitti baata ykn warrakeetti galta.
hojiin kabajaa hojjadhu isatu mataa akka ol qabattee demtu si taasisa.
Arfaasa qotan malee birraa maal aramatuu, qeerrummaan horan malee fuudhan maal nyaatu jedhu mitiree..🙄
12/01/2026
Yoo dhiiraaf tolte,
galaa siif hojjata;
Yoo dhiira qoccolte
galaa si godhata...✍️
..
Abbaan Chala Bultume rasaasa 57 moo 7’n du’e?” mormiin jedhu bu’aa maal qaba? Xiyyeeffannoon keenyas maaf kana ta’a? Torbaanis haadu’u torbaatamaan, altokkoof du’eera mitii? So xiyyeeffannoon keenya, “Gootni sun eenyuun du’e, maaf du’e?” jechuu maaf hinta’u? Nama altokkoof du’e baay’ina rasaasa inni ittiin du’ee lakkaa’uun maal nuuf godha? Maafis mormii kaasa?
Qooda kanaa, “Eenyutu a-jjeese, maaf ajjeesan?” jennee utuu gaafannee, maatii Leenci kun keessaa dhalate salphumatti barra jechuudha; xiiqiin yoom akka keessa bulte. Akka ilmi abbaa caalu dhalatu. Waa’ee abbaa, ilma caala nuti beekamoo?!
Ilmoon Leencaa Leencuma! Qeerransoon qeerransuma!
Caalaa Bultume Kaleessaas, Har'aas Goota Goototaati.
10/01/2026
Warri Sooddoon Guraageedha jettan koottaa kana dubbisaa!
Tuulamni Ijoollee sadii qaba.Isaanis Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namooti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagayan akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoon ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaatiin moggaafatee irra jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo; Odituu, Ummee(Tum’e) fi Liiban jedhamu. Isaan kunniinidha kan har’a sadan sooddoo jedhamanii beekaman. Lafti Sooddoo naannoo Shawa kibba lixaa, Kibba laga Hawaas (Awaash)irraa hamma Arsiisi fi daangaa naannoo uummattoota kibbaa ga’a. Karaa kaabaa immoo Bachoofi Galaan, Kraaaa lixaa, Waliisoo wajjin wal daangessa.
Giddu galli siyaasaa fi amantii Odaa Nabee yoo ta’u,giddu galli heeraafi seera kan itti tumaniifi labsii labsan Odaa kallachaa jedhama. Aanoti Sooddoo ,Daacii , Walisoo, Tolee, bu’ii, Qarsa Maalimmaan fi Soddoo Daacii yemmuu ta’u karaa ba’aatiin Maqii dugdaa, karaa kibbaatiin, aanaa bu’iitiin daangeffama. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalle Sooddoon ilma daaccii yeroo ta’u, Daacciin Ilmaan sadii godhate sadan sana keessaa inni tokko Sooddoo dha. Isaan kaanimmoo Galaaniifi Aboo jedhamu.
Goototni ilmaan Oromoo lakkaa’amanii hindhuman. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti Taddeesee Birruu, Abdiisaa Aagaa, Waaqoo Guutuu, Oliiqaa Dingilii fi kan kana fakkaatan yeroo mara kaafna. Egaa goototi kunniin, Ilmaan Oromoo fi lafa Oromiyaa naannoo adda addaarratti kan dhalatan ta’uun beekamaadha. Akkuma kana ilmaan Oromoo damee Tuulamaa warra sadan sooddoorraa goototi dhalatanis hedduudha.
Bara Xaaliyaaniin biyya keenya weerarte gootummaa olaanaa raawwatanii diina biyya weeraruu dhufe wajjin kokkee walqabanii gootummaa isaanii kan mirkaneessan ilmaan Oromoo baayi’ee maqaa dhahuun ni danda’ama.Abdiisaa Aagaa,Jeneraal Taaddasaa Birruu Oliiqaa Dingilfi isaan kaanis maqaa dhahuun ni danda’ama. Gootota Oromoo dame Tuulamaa ilmaan sadan Sooddoo keessaa hedduu maqaa dhayuun ni danda’ama. Duula Xaaliyaanii 1ffaa fi 2ffaa irratti kan hirmaateefi
05/01/2026
Seexanni gammoojjii isa nuugii baate dhiise, isa mooyyee baatu dhaha jedhan.
.
Namni gaafa dhimma jiraachuf jiraachu dhabu jidduutti fala wallaalee, sana booda tarkaanfii barbaade ofirrattis, namarrattis kan fudhatu jaalate miti jireenyatu dirqamsisa.
.
Dhimmi obboleessi qanaanii dubbate kun waanuma kanaan dura suuraa media irraa deema ture ragaa faana dhiyeesse. Laphee fi garaa isheerra deemamtee amma dhala dhabuu geessutti,harkaa cabdee aarsaa meeqa itti kanfalaa akka jiraacha turte kan dubbatame.
.
Dubbiin baayyee ulfaata isa nuti maaliif afaan kan bira fayyadame kan jedhuuf deebii hin tahu. Dhugaan ilmoo waaqati rabbiin dhugaa ilma nama hin gatiin🙏
09/08/2025
Namni gaafa sitti dhiyaate si wajjiin nyaatu, gaarumma kee qofa osoo hin taane hammeenyafis akka iddoo guddaa qabu hin dagatin🙏
Caalaa Bultumee🔥💥✅ baga irraa haftee leencakoo🙏
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Culinary Team
Attire
Contact the school
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
12345