Haromsa -Tadesse Y Law Office

Haromsa -Tadesse  Y Law Office

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Haromsa -Tadesse Y Law Office, College & University, Finfinne, Bishoftu-Oromia, Addis Ababa.

01/07/2024

Just try your best!

08/12/2023

Nagaa qabduu hordoftoota fuula kanaa, ammas na ofkalchaa isiniin jechuun barbaada!
Eegaa akkuman kanaan dura waadaa isiniif seenee ture, mee waa'ee seeraa irratti waan xiqqoo isiniif qooduu fedha.
$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$
Jechi 'Seera' jedhu ilaalchota, biyyoota fi ogeessota garagaraa gidduutti hiikoo garagaraa qaba. Fkn
# Seera jechuun akka ilaalcha hawaasaatti, haqa, safuu(duudhaa),sababa, sirna fi qajeeltummaa jechuudha.
# Seera jechuun akka ilaalcha seera bastotaatiin, tumaawwan (labsiiwwan) seeraa, dambiiwwan, qajeelfamoota, gochoota, ajajoota fi kkf (Law means Statutes, Acts, Rules, Regulations, Orders, and Ordinances from point of view of legislature).
# Akkaataa ilaalcha Abbaa seeraatiin immoo seera jechuun sirnoota mana murtii, ajajoota, murtiiwwan, ajaja dhorkaa mana murtii illee kan haammatudha jedhama.
Kanaafuu, jechi seera jedhu baayyee bal'aa ta'uu isaa irraan kan ka'e yeroo adda addaa, bakka adda addaa fi hawaasa adda addaa biratti hiikoo adda addaa qaba. fkn Amantii Hinduu keessatti 'Darma' kan jedhamu yoo ta'u, amantaa Islaamaa keessatti immoo 'Hokum' jedhama. Akkasumas afaan Roomaatiin 'Jus' yoo jedhamu, afaan Faransaayiin 'Driot' Arabbiffaan 'Alqaanoon' Turkiin 'Kunoon', Latiniin 'Lagem', Itaaliin 'Legge', Afaan Oromoon 'Seera', Ingiliffaan 'Law' jedhama. Akka waliigalaatti seera yeroo jennu, 'discipline' baayyee bal'aa waan ta'eef afaanii gara afaaniiti, aadaadhaa gara aadaati, amantaadhaa gara amantaati, biyyaa gara biyyaatti hiikoo adda addaa qabaachuu mala.
Eegaa akka waliigalaatti faayidaa seeraa yeroo ilaallu, ilmaan namaatiif karaa tokkoon mirgaa, karaa biraatiin immoo dirqama irratti gatuun fedhiin ilma namaa, garee, hawaasaa, biyyaa daangaa godhachuun wal danda'ee akka jiraatu gochuun hawaasni addunyaa walqixxummaan nagaa fi tasgabbiidhaan akka jiraatuu kan godhudha.
Oromoonis akka sabaati duudhaawwan (safuu), sirnoota (akka sirna Gadaa) uummachuudhaan waggoottan kummaatamaan lakkawwamaniif fedhii, mirga fi dirqama nama dhuunfaa, garee, kutaa hawaasaatii hanga biyyaatti ittiin bulaa dhufee jira. kun immoo akkaataa hiikoo seeraa asii olitti ilaalleen uummani oromoo seera ofii tumatee ittiin kan bulaa ture ta'uu agarsiisa.

23/08/2023

Kabajamtoota hordoftoota fuula kanaa, akkam jirtu? Nagaa keessanii?
akkan waadaa isiniif galee turetti ariitiidhaan dafee dafee dhimoota seeraa irratti hubanoo siniif qooduu dhabuun baayyee harkifachuu kiyyaaf na ofkalchaa jechuun fedha.
Seeraa fi Sirni seeraa 'discipline' bal'aa waan ta'eef haalaan xiinxala bal'aa barbaachisa. Kanaafuu anis amma irraa jalqabee hubannoo seeraa qabu irraa uummata kiyyaaf miidiyaa haawaasaa kana fayyadamuun hangan danda'u qooduuf qophii xumuruu koo isiniif ibsuu fedha.

"The study of the law qualifies a man to be useful to himself, to his neighbors, and to the
public." (Namni ogummaa seeraa leenji'e tokko waan gurguddaa sadiif leenji'a. 1. ogeesssa ta'ee ogummaa kanaan of fayyaduuf, 2. Nama biraa ittiin tajaajiluuf fi 3. ummata bal'aa ittiin tajaajiluuf akka ta'e Thomas Jefferson ibsee ture.

15/06/2023

Kabajamtoota fuula (page) kanaa, akkam oltani? Kaleessa akkuma beekkamu ogummaan qabu bu'uura godhadhee dhimoota seera waliin wal qabatan irratti fuula haaraa banachuun akka itti dhiyaattan idin affeeruun koo ni yaadatama. Akka ka'umsaattis seerri maal jedha ijoo jettu irratti yaada qabadhee skka isin bira gahu waadaa seeneen ture. Tole kun gaariidha. Haa ta'u malee waa'ee seerri maal jedhaa ilaaluun dura garuu qabxiilee armaan gadii kanneen irratti osoo waa jennee jedheen yaade. Isaanis

1. Seerri maali (What is the Law)?
2. Seerri essaa (akkamitti) dhufe (how and from where the Law emerged) the source of Law)?
3. Seerri maalif fayyada (the use of the Law)? kanneen jedhanii fi dhimmoota biroo bal'inaan qabadheen dhiyaadha.
# # # # # #@@ # # # # #@ # #@
Hanga sanatti nagaan naaf turaa!

15/06/2023

Waa'ee seeraa baruuf yoo barbaaddan page kana 'follow' godhaa!
Seerri maal jedha?
Qabannee dhiyaana!

12/06/2023

Hiriyoota koo fi fayadamtooota 'marseriitii' hawaasaa hundaaf dhimoota seeraa fi hawaasummaa tokko tokko irratti hubanoo uumuuf ykn waan qara'e irraa isiniif qooduuf 'page' haaraa kana qabadhee dhufeen jira Marree isinis ergicha 'like, comment, share...' gochuun akka waliif qooddan isin affeera!

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Finfinne, Bishoftu-Oromia
Addis Ababa