04/04/2023
Imallikee goda Begii
Karaankee dhidheessaa
Aggaammiinkee joobira
Lafa kaayyoo geessaa
Shokokiin faanakee
Battallikee ganamaa
Kaayyoon faayakeeti
Haqa siif amanamaa
Qaxxisni jiruukee
Innati buutee baatuu
Joorrikee dhugaafi
Kan garaa na nyaatu
Ilaa...
Galma dharaa jibbitee
Diiguuf galma shiraa
Oggaa kuftee kaatu
Yartuu yaada hiraa
Baayyeef hin galu
Balaliinkee joobira
Haqa faana kaattee
Si'biqiltuu hamminaa cira!
👉J-o-o-r-a-a-k-o-o-!!
01/06/2022
01/06/2022
03/05/2022
18/11/2021
29/10/2021
26/10/2021
26/10/2021
13/10/2021