Duniya is the temporary

Duniya is the temporary

Share

05/05/2025

Maqaan isaanii ja'ama. Sheikh Muhammad Zabuur barsiisaa darasoota 3000 oliiti.

Sheikh Mohammadzabuur kan dhalatan Aanaa Daaroo Labuu toora Miliqaayeeti, abbaan isaanii Yuusuuf yoo tahu, gosaan Ituu Baaye dha. Taligni jiddu gala jireenya Maatii isaanii horsiisee bulaa waan turaniif hogu umriin Sheikh Mahammadzabur 8 tahu maatiin isaanii gara Aanaa Bookhetti godaanuun Bookhee qubatan. Abbaan Sheikh Muhammad Zabuur Barnoota Diin Islaam ilmi isaa akka baratu fadhii guddoo qaba ture. Fadhii abbaa isaanii dhugoomsuuf jacha Sheikh Muhammad Zabuuriis joollummaa isaaniirraa barachuu eegalan. Maatiin isaanii Bookheeti haa godaananii qubatan malee sheikh Mahammadzabuur sanuma duraahuu joolummaan diin jala iddoo adda addaati goodaanu jalqabee ture. Barnoota isaaniifiis Hararghee Lixaa,Hararghee Bahaa,Arsii fi Baalee faa keeysa naannawuun waggaa 34f oliif barnoota diin Islaam dhandhamatanii erga guutatan booda majliisa gadi dhaaban. Abbaa Ulamaa'ii Muftii Sheikh Aadam Tuulaa fi Bukhaarii Zamanaa Sheikh Ahmad Watar irrattiis baratanii turan.

Sheikh Muhammad Zabuur rakkinaa fi cinqii Imala Ilmii keeysatti isaan mudatteef osoo harka hin kennatin barnoota isaanii akka gaariidhatti xumuruun Hararghee Lixaa Waaccuudha tti Majliisa (caayaa Diin Islaamaa) dhaabuun barsiisuu eegalan. Yeroo ammaa darasoota 4000 oliitu isaanirratti barata. Erga majliisa isaanii kana waccuutti gadi dhaabanii darasoota hanga arraa isaanirraa ilmii unate k*m dhibbaan yoo tilmaamaman malee rabbumaan haa lakkaa'u. Waggaa 6n darbe kana keessa qofa darasoota isaan irratti barachaa turan kan ulamaa'ii gurguddoo (Sadarkaa Sheikh Mmdzabur) tahan 58 ol Naannoo oromiyaa iddoo adda addaa keessatti majliisa gadi dhaabaniifi akka qubsiisan oddeefannoon isaanirraa arganne ni mul'isti.

Majliisoota Oromiyaa keeysa jirurraa baay'ina darasoota isa keeysatti baratuutiin Majliisni Sheikh Muhammad Zabuur sadarkaa 1ffaarratti arkama..

05/05/2025

we back after 10 months!

Alahamdullihah🙏

Photos from Duniya is the temporary's post 13/07/2024

!!

Taatee addaa halkan kana yeroo salaata ishaa sagalee guddaan bakka garaa garaa hedduutti dhaga'ame waan hawaadha bu'ee dha. Bakki itti bu'ee Godina Jimmaa Aanaa Maannaa ganda H/Qananii Eddoo addaa Abaaloo jedhamutti bu'ee. Sagaleen dhaga'ame kunoo isa kana maalummaa isaa rabbiin qofatu beeka.

Garuu waan uumame kana qaamoleen nageenyaa fi Koreen qindeessituu aanaa Maannaa eddochatti argamanii adda baafatanii kan jiranuu dha. Kanaafuu qaamoleen hawaasaa bakka adda addaa jirtanu waan argameen ala odeeffachuun akka burjaajii keessa hin galle isin beeksifnaa. Nagaan naaf jiraadhaa!

Haa ta'u malee wanni Kun Hojii Kaaliqaati, waan ta'eef gara isaatti deebi'uun, araarama isa irra barbaadu nufeesisa yaa ikwaanii kiyyaa.😴

26/04/2024

Allaahu akbar

11/02/2023
08/02/2023

White challenge
Adii uffanna
Adii dubbanna
Adii ufadhaadhaa jedhe irra caalaa ufftaati ergamaan Kenya Nabi Muhammad
[S.A.W]

10/01/2023


Fayyaan faaya rabbiin fayyaa isinii
Kenne ilmoo fayyaatis isiinii ha kennu
Amen

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Deeffoo
Addis Ababa
GALAMSAO