08/08/2024
Cool Pic👩❤️👨
Waanti barbaachisaan ati qabaachuu qabdu Obsadha!
08/08/2024
Cool Pic👩❤️👨
13/01/2024
🛑 GORSA WARRA UMRIIN 35 FI ISAA OL JIRUUF
Gorsa jalqabaa:
Waggaa waggaan kooba/Hijaama gochuu qabda, yoo dhukkubni sitti hin dhaga’amne ykn dhukkubni kamiyyuu yoo sitti hin dhaga’amnellee.
Gorsa 2ffaa:
Yeroo hunda bishaan yoo dheebuun sitti hin dhaga'amne ykn si hin barbaachifnellee dhugi...
Rakkoon fayyaa guddaan, irra caalaan isaa hanqina bishaanitiin dhufa 👇
Gorsi 3ffaan:
Yeroo baay'ee hojiin sitti baay'atullee ispoortii hojjadhu... Deemsa qofaan yoo ta'ellee qaama sochoosuun barbaachisaadha Yookaan dambalii.. ykn ispoortii gosa kamiyyuu hojjadhu
Gorsa 4ffaan:
Xiqqooma nyaadhu.
Akka ilmi Adam Luqaimat jedhutti isa fannisu, Araada nyaataa garmalee dhiisi, sababni isaas gonkumaa waan gaarii hin fidu.. Of hin mulqin, garuu baay'ina isaa hir'isi
Gorsa 5ffaa:
Hanga danda'ametti itti fayyadama konkolaataa hir'isaa ... waan barbaaddaniif miila keessaniin ga'uuf yaalaa Masjiida, suuqii, nama daawwachuu...ykn kaayyoo biraa kamiyyuu.
Gorsa 6ffaa: .
Aarii irraa fagaadhaa...Mufannaa dhiisaa...Waan tokko bira darbuuf yaalaa.
Haala nama aarsu keessa of hin galchin. Hundi isaanii fayyaa hir’isuun ulfina lubbuu nama irraa fudhatu
Gorsa 7ffaa:
Akkuma jedhamu.. Maallaqa kee aduutti dhiisi.. gaaddisa keessa taa'i.
Ofii fi namoota naannoo kee jiran hin daangessin.. Maallaqni akka ittiin jiraatuuf hojjetame malee akka ittiin jiraattu miti.
Gorsa 8ffaa:
Gad of qabuu..sana booda gad of qabuu..maallaqa, ulfina, aangoo fi dhiibbaa..wanti hundi of tuulummaa fi of tuulummaadhaan manca'a..
Gad of qabuun nama jaalalaan sitti dhiheessudha... Waaqayyos hiree kee ittiin ol kaasa.
Gorsa 9ffaa:
Rifeensi kee yoo halluu Adii ta'e, kun dhuma jireenyaa jechuu miti.
Kanaa mannaa, jireenyi fooyyaʼaan akka jalqabame ragaadha. abdii gaarii qabaachuu, yaadannoo wajjin jiraachuu.
🌹 Gorsa dhumaa 🌹
Rabbiin Kadhachu gonkumaa hin dhiisin
Dr. Eenyuun akka ta'e dagadhe dhiifama.
Galatooma
Share godha
02/11/2023
FAAYDAA TEMIRA/TIMIRAA IJAA SAAYINSITIIN
1). Fayyummaa Sammuu Ni Dabala
2). Jajjabina Lafee Dabaluuf
3). Fayyummaa Tiruu Eeguuf
4). Dhiibbaa Dhiigaat Too'achuuf
5). Madda Anniisaatiif
6). Dhibee Kintaarotiif
7). Jajjabina Ilkaaniitiif
8). Fayyummaa Garaachaa Eeguuf
9). Cirracha Hadhooftuu Nurraa Ittisa
10). Furdina Dabaluuf
11). Haadholi Ulfaatiif baayyee Gaarii
12). Dhibee Afuuffee Fincaaniitiif
13). Kolositeroolii Hir'isuuf
14. Miiraa feedhii walqunnamtii dhiiraa dabaaluf
15). Gogiinsa Garaa Nurraa Ittisa
16). Hir'inna Nurraa Ittisa
17). Haadha Ciniinsuu Irra jirtuuf turtii Ciniinsuu xiqqeessuuf
18). Bareedina Qensaatiif
19). Dhibee Xanmaddee Mormaa Ittisuuf
20). Gogiinsa Hidhii Ittisuuf
21). Dhibee Allargikiitif
22). Humna Nuu Dabala
23). Fedhii Walqunnamtii Saalaa Dabaluuf
24). Carraa Dhibee istrooki/ Itita dhiigaa Nurraa Ittisuuf
25). Dhibee Garaa Kaasaa/Teessisatiif
26). Fayyummaa mar'imaaniitiif
27). Dhukkubbii Onneetiif
28). Fayyummaa Gogaa Keenyaa Ni Dabala
29). Bullaa'insa Nyaataa Ni si'eessa
30). Kaanseri/Cawwee Garaa Nurraa Ittisa
31). Dhukkubbii Yeroo Marsaa Laguutiif
32). Dhibee Gaggabdoof
33). Rifeensa Akka Hin Bubuqaaneef/Harcaaneef
34). Fayyummaa Narvii Ni Dabala
35). Vaayitaaminoota Akka A, C, B1, B2 kan badhaadhe
36). Amiino Asiidii 23 ol ofKeessaa qaba
37. Faayiberiin Kan Badhaadhe
38). Ayirani,koopari fi seeliniyuum of keessaa qaba
39). Cirracha Kalee Ittisuuf
Nagaan mara keessaniifiyyuu haa ta'u...jirtuu maatiin biyyattii kanaa martiyyuu.
26/08/2023
Bosonni fi Iddoowwan Misooma Paarkii Biyyaalessaatti olguddachuun Plaaniin isaanii Presedant Bulchaa Godina Shawaa Lixaa Obbo kenname.
Hagayya 20/2015 Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataan Hundeeffama Paarkii Bosona Jibaat fi Cillimoo akkasumas Ikkoo Turiizimii Simbirroo bargaa sababeeffachuun Presedaanti Shimallis Harkaa fudhan.
Akka Naannoo Oromiyaatti Paarkiiwwan Biyyaaleessaa 24 fi Ikkoo Turizimii 18 keessaa Paarkiiwwan 2 fi Ikkoo Turiziimiin Tokkoo Shawaa Lixaa keessatti kan argamanii fi Sayit Palaaniin isaaniis Kabajamoo Presedaantii ShimmallIs Abdiisaan Kabajamoo bulchaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataatti kennan
Innisheetiviiwwan Mootummaan Naannoo Oromiyaa iitti xiyyeeffatee hojjetu keessaa DameenTuriizimii Xiyyeeffannoo Olaanaa qaba.
Jibaat Shanan
31/07/2023
"Siyaasaa fi hammeenya isaa
Namni suuraa armaan gadii irratti argitan kun Koloneel Ibiraahim Shemseddiin jedhama.
Bara 1995 preezdaantiin Sudaan Umar Hasan Al-Bashir shira xaxuudhaan himatamee mana hidhaatti darbatame. Pireezdaantiin Sudaan Umar Hasan Al-Bashir, "Koloonel Ibiraahim eessa dhaqe?" gaaffiin jedhu uummata irraa isaan cinquu jalqabe. Gaaffiin kun kan isaan cinqe Pireezdaantii Umar deebii akkas jedhu deebisan!
"Bara 2008tti koloneel Ibraahim Shamsedin sababa balaa xiyyaaraatiin du'uu isaa ummataaf beeksisan"
Garuu dhugaan jiru waan biraa ture Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Ibraahim Shemseddiin hin duune!!
Umar Hasan al-Bashir mana hidhaa dhoksaa lafa jalaa, addunyaa irraa adda baafame lafa jalatti isa hidhee, koloneelli kun mana hidhaa lafa jalaa jiraachuu itti fufe. Gidiraa fi rakkina hedduu dandamatee dhumarratti yeroo Umar al-Bashir teessoo irraa gadhiisu Koloneel Ibraahim lubbuun akka jiru addunyaan beekte.
Namoonni siyaasaa akka malee gara jabeeyyiidha.Umar Hasan al-Bashir kana godhe.Innis dabaree isaatiin shira bara sirna isaatiin hojjateen mana hidhaa galeera.
"Qodaa itti safarteen siif safarama" kan jedhameefis kanaafi.
Namoonni siyaasaa biyya keenyaa, Aanaa hanga Godinaa, Godinaa hanga Naannoo, Naannoo hanga federaalaa, eegdota teessoo mootummaa, miidhaa ummataa bara aangoo keessanitti raawwataa jirtan na amanaa, bor guyyaa biraa akka Umer Bashir ta'a.
Maddi: Sudan news
Bara Waaqayyoo aangoo isiniif kennetti hojii gaarii kan Waaqayyoo fi namni jaallatu hojjedhaa darbaa. Galgala keessanis of jalaa hin balleessinaa jechuu barbaanna!"
Madda: Tadele Fekadu TD