05/10/2023
Amme mahamad
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Amme mahamad, College & University, Babbile, Addis Ababa.
05/10/2023
17/11/2022
"Shaneen garee namoota nagaa ajjeesuufi gidirsu malee kaayyoo ifa ta'e hin qabu" MM Dr. Abiyi Ahmed
..
MM Dr. Abiy Ahimad haasaa mana maree bakka bu'oota ummataaf taasisaniin akka jedhanitti, gareen maqaa Shaneen of gurmeessee jiru namoota nagaa ajjeesuu, saamuufi gidirsuu malee kaayyoo ifaa hin qabdu jechuun dubbatan. Maqaaf nan qabsa'a jedha malee tooftaa qabsoo kan hin hubanne, namoota deggertoota paarti biroo ta'uu isaanii qofaaf kan ajjeesuudhas jedhan.
Gareen kun dhala namaaf kabaja kan hin qabne, maallaqa fidi jechuun dirqisiisee kan nama saamuufi nama ajjeesuudha. Kanneen kana godhan kun dhala namaarraa uumaaman jechuun nama rakkisa kan jedhan muummichi ministeeraa Dr. Abiyiin, maqaa ummata Oromoon of-moggaasee socho'us hawaasa naannoo Wanciitti beenyaan kennameefii misoomni pirojektii turisizimii hojjetamaa jiru akka hin milkoofneef qabeenya gubuufi saamuun misoomni akka hin milkoofne taasisaa jira jedhan.
Qabeenyaa ummatichaa gubaa, mana isaatti ajjeesaa, kan ilaalcha biraa qabu ajjeessaa qabsoo ummatichaa milkeessuun hin danda'amu.
Gareen kun waan barreeffamee ittiin hogganamu kan hin qabne, kan hogganaa hin qabne, kaayyoo hin qaban. Garee saamichaafi ajjechaaf gurmaa'eedha jedhan.
Ta'us kaayyoon qabaachuun gocha kanarraa of deebisani karaa nagaa akka qabsaaโaniif ammas karri keenya banaadha jedhan.
Mootummaan Federaalaafi naannoo Oromiyaa garee kana dhaabamsiisuuf hojii balโaan hojjetaa tureera. Ammas rakkoo kana furuuf qindoominaan hojjechaa jirra kan jedhan muummichi ministeeraa, hawaasni keenyas garee kana dhoksuu dhiisee of keessaa saaxiluu qabas jechuun dhaamaniiru.
03/12/2020
๐๐ฎ๐ซ๐ญ๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ง ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐ง๐ข ๐๐๐๐๐ซ๐ฌ๐ฎ ๐ฃ๐๐ง๐ง๐๐ ๐๐๐๐๐ง๐ง๐๐
Koreen hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walgaโii idileessaa boru gaggeessuu ni eegala
Koreen hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walgaโii idileessaa boru gaggeessuu kan eegalu taโuu ibsame.
Korichi walgaโii idileessaa Sadaasa 25, 2013 gaggeessuu eegaluun ajandaawwan garaagaraarratti ni mariโata jedhameera.
Koreen hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa dhimmoota waqtaawaa fi biyyaalessaarratti mariโachuun kallattii ni kaaโa jedhamee kan eeggamu taโuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa olaanarraa argame ni agarsiisa.
OBN Afaan Oromoo Oromia Broadcasting Network (OBN) is a leading public media headquartered in Adama, Ethiopia. It broadcasts independent news, educational, and entertainment programs in 17 local languages & three international languages on OBN Cyber Media, Radio and TV.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Addis Ababa