10/12/2025
Haadha Manaa fi Abbaa Manaa GOWWAA.
Guyyaa tokkoo abbaan manaa gowwaan haadha manaa isaatiin akkas jedhe " harfaasaa dhufu kana gurraa gama-sanaa ciree boqqolloo facaasee yemmuu inni ga'u calleessee gabaatti baase gurguree maallaqa isaatiin farda ittiin bitadhee fardakoo ammoo bakka obciin daakuu kee taa'u kanattan hidhadhaa " jedheen.
Haati manaa isaa " obciinkoo kun ammoo eessa akka taa'uufii " jette gaafatteen. Innis " obciin daakuu kee hala mana-jala ta'aa " jechuun deebiseef. Haati manaa " akkamittiin obciinkoo mana-jalaa taa'ee bokkaan itti rooba, obciinkoo mana-jala hin taa'u , fardikee mana-jalatti haa hidhamu " jetteen . Abbaan manaa akkamittiin fardikoo mana-jalatti hidhamee bokkaan itti rooba? Onciikootu mana-jala taa'aa malee fardikoo bakkuma obcii kanaatti hidhama " jedhaan . Haati manaas " lakki obciinkoo bakka kanaa hin kaafamu fardakee bakka feetetti hidhadhu " jetteen . Abbaan manaas haariidhaan " akkamittiin fardikoo bakka fedhetti hidhama ? " Jechuun haadha manaa isaa reebuu eegale , haati manaas iyyuu eegalte, hollaan hiyya haadha manaa dhaga'uun dirmatanii jidduu seenuun erga tasgabbeessanii walitti haraarauuf madda wal-dhabdee isaanii gaafataniin. Abbaan manaas " karoorakoo gufachiifte " jechuun taateewwan hunda fi dubbii isaanii hunda hollootaaf ibse. Holloonni isaaniis bakka isaanii qaana'anii afaan qabatanii waanti jedhan harkaa badee akkas jeshaniin " gurraan gama sanaa ciramee, gubamee, boqqolloon dhaabamee , qottuun akka qottee sanyii biqille hin balleessine daggalli naanna'ee carabamee qulqullaa'ee barii barraaqa ka'amee qottuun irraa eegamtee, haramamee, gandafamee, gaafa inni suiqqata godhatu ammoo guyyaa murtuu, qamalee,canoo fi jaldeessi halkan ammoo booyyee,karkarroo,waldiigeessa fi dhaddeen irraa eegame,cabsamee,guuramee, fel'amee, gabaatti baafamee gurguramee fi fardii gurguramu barbaadameetu yoo argamee bitama, kun hundi yoo fayyaan jiraate, yoo harfaasaan yeroo isaa eeggatee qulqulluu roobe, yoo qilleensi nagaa ta'e fi karoorri kun hundi isaa hojiirra ooledha." Yoo garaan keessanii fi afaan keessan tokko ta'e Waaqayyo karoora keessan isiniif milkeessa dachas isiniif eebbisaa otoo qaanii kana dhofkattanii wayya " jedhanii gorsanii walitti isaan haraarsanii gara mana isaaniitti deebi'an.
Iddoo nagaa oolaa bulaa!
Yaadannoon isaa Gimmitee fi Salbaameef
Canada Edmonton Alberta December 8-2025