Cimaa ta'uu yoo barbaadde kophaa falmachuu baradhu.
✍️✅
Naol page life
The official page fan's Naol page fan's
21/06/2025
Kufuu kee caalaa shakkuu keetu abjuu kee borii dukkaneessa.
24/05/2025
Yaaddee beektaa?
*kan fiigee tokkoffaa baasu miilla, kan warqii godhatu morma
*kan qopheessu ishee koshiinaa keessaa, kan tiippii fudhatu ishee dhiyeessitu
*kan ala bulee humna harkisu diishii, kan manaa geeraru tv
*kan jecha badu harraba, kan buruqee dhiigu mataa
Furmaata fakkeenya 12:2 waaqayyo hin farada.
15/05/2025
Maaltu Abdii akkas nama kuta garuu?
Kisaara guddaa? Jaalallee ofii dhabuu? Sadarkaa of ajjeessun kan si ga’ee maaloodha laata caala?…hundaafuu warri qaqqabdanii lubbuusaaa oolchitan galatoomaa 🙏
12/05/2025
Ce'uuf yaalee
Riqicha dhabulee
Ka'uuf yaalee
Uleen Koo cabulee
Deemsa hin dhaabu
Dideen fiigaa
Lakkii hin gaabbuu
Barruun kankoo
Coobbsuus dhiiga
Qabadheera imalakoo
Karaa dheeraa
Akkan haalee kakadheera
Imaana Koo bara eelaa
Karaan dhaaphuu
Jechoota Kee walit guuree
Harkan laadhu
Gochoota keef qalbii hiree
Na jifatta Akka diinaa
Gammachuu koof of ciniinaa
Natti tuulta jechaa hamaa
Na baleessuuf natti gamaa
Gaddaa koodhaaf gammadaa
Yoon gammadee gaddaa buufata
Argachuu koof of dhiphistee
Namaan ooddee yaada kuufta
Anis godhe jirukankoo si takaalu
Faana kankee kutii egeen si hordofa
Gammachuu keef gaddeen
Miidhama keef sitti kolfa.
.....................
................ ✍️part 1🥰🙏
28/04/2025
Jireenyi carraadhaa
Buutee baateef mitii
Namatti hinaafanii
Daangaa dhiibuu mitii
Atis carruma kee
Hojjattee jiraattaa
Kana Osoo beettuu
Guyyuu hidhii nyaattaa
Ani garuu dhiisee
Buusee baasee yaadee
Jireenya miidhagaa
Jiraachuun barbaadee
Gadda ofirraa dhiisee
Gammachuun filadhee
Wolaloo miidhagaa
Barreessuuf jaalladhee
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍 ❤ 🗨️ ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ
15/07/2024
Ilmoon Dhiiraa Dhiiruma 💪
Obsinet Lammaa Magarsaa Qoruumsa Kutaa 8 Qabxii Olaanaa Parcentile 99.9 Fiduudhaan Akka Finfinneetti Qabxii Olaanaa Lammaffaa Fiduudhaan Maatii isiitiifi Oromoo Boonsitee Jirti. Jabaadhu Qaxalee 🙏
05/06/2024
Amo & lami
Naf jiradha obboollootakooo
02/06/2024
Congratulations qaaliikoo 🙏🙏🙏Waan hundumaa yeeroo isaatti bareechee kan nu milkeesse waaqayyo haa galatoomu.
Urjii waliin guyyaa har’aa bultii dhaabbachaa jirra.
Bor haa deebisu!
-
Silaa,
Gogaa jiidhaatti maru
Mana ganamaan haru,
Firaafii alagaa baru!
Silaa,
Bobaa fagootti hin fiigan
Qe'ee ofirratti hin diigan!
Silaa,
Gorsa alagaa baqatu
Dutna firaa abdatu!
Silaa,
Alagaa fuula hoosisu
Qe'eetti garaa deebisu!
Garuu,
Karaa baasu hin barre
Gogaa jiidhaatti hin marre
Fira diinomu hin beekkanne
Aantee jiraatu hin eegganne
Isuma taa'anii fannisan
Buusuuf ofum rakkisan,
Qe'eettis gaaffii harkisan!
Ammahoo!?
Waan darberraa maal baratan,
Maal dhabanii maal argatan!?
Ijaaruree qe'ee diigan,
Deebisuuree nagaa dhiiban?
..
Fira kaleessaa- alagaa har'aa,
cabsuu qofaaf mijeeffatu
...Moo...
Eenyummaa hin fudhanne,
kan ormi ittiin abaaru,
qe'ee ganamaa sirreeffatu?
Naol Sanyi Regasa kutaa 2ffaan itti fuufa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Contact the school
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
KEP