22/09/2022
Tuujii anawer
Allahamduliliah
22/09/2022
Hin aarin! Hin dallanin. Gaafa aarte hariiroo gaarii qabdu balleessita, nama bira dabartee Rabbii keetillee fitti mufachiisuu malta. Booddeen nama aaree hin bareeddu. Osoo dallansuun cabsitee si hin dhaabne, dursii dallanuu dhaabi. Yoo dallante ammoo daangaa Rabbii ka diigame sirreessuuf, Aqiidaa fi Diin kee kan itti duulaa jiran jiraachisuuf dallani.
20/09/2022
Yeroo ati rakkattee Du'aa'ii godhattu cufa Rabbiin osoo beekuu "gabricha kiyya maaltu rakkise?!" ja'ee Malaa'ikoota gaafata. Malaa'ikoonni hundi "Yaa Rabbi rakkoo isaa sumaatu beekaa, isa furi, isa gammachiisi" ja'anii deebisan. Akkasitti Rabbiin, isa furee, isa gammachiisa.
Warra Rabbiin halkan arraa furmaataan isaan gammachiisu keessaa tokko sihaa godhu!
Sihaa furu!
Sihaa gammachiisu!
Dhukkubbii garaa keessaa hunda Rabbi sihaa fayyisu!
Jiruu Gammachuu Jiraachuuf Dhaamsa 10 nan kana Narraa fudhadhu
1. Ganamaan Lafaa ka'ii Salaata subhii salaati.
2. yeroo obboleysa keetiin walitti Dhufte Seeqi.
3. Yeroo Obboleysa keetiin wal Agarte Dura nama Salaamtaa ja'uunii tahi.
4. Yeroo namni haasawu sirritti caqasi, Haasawa namaa hin murin.
5. Obboleysa kee yeroo yaamtu maqaa isaa (Maqaa inni jaalatuun) yaami.
6. Obboleysa keetiif kabajaa inni haqa Godhatu kenniif.
7. Xiqqaattus Obboleysa keetiif Hadiyyaa (Gift) Qophessii Kenniif.
8. Obboleysa kee yoo jaalatte 'Sin jaaladha❤' Jedhii Ibsiif.
9. Yoo namni Waa sitti Balleessee, Irra dabriif (Dhiifama Godhiif)
10. Yeroo Namni tokko waa siif Godhe (tola sitti oole) Galatoomfadhu (Jazaakallaah ja'iin)
Rabbiin Anaa fi isniifis Haalaaf Amala Gaarii nuuf haa kennu. Aaaamiiin ... Aaaamiiiin ...
SHARE waliif godhaa
Ka Salaataniif, ka Soomananiif, ka dirmachiifatan, ka qodhaa godhaniif, ka gorra’aniif, ka yaammatanii kadhataniis Rabbuma. Kan addunyaafi Aakhiraa, jireenyaafi du’a, Jannataafi Azaabaas harkaa qabu Rabbi. Kan gannaa bonatti nu ceessise, kan dhukkubaa fayyaatti geesse, kan hiyyumaa durummaatti nu fidu, kan gabrummaa bilisummaa nu badhaasu Rabbuma. Kana hunda Anbiyaan, Jinniin, Malaa’ikaan, Mukaafi Dhagaanis nuuf godhuu hin dandahan, kanaaf Rabbi qofa gabbarra. Rabbi ammoo karaa ifii keenyaa bocanne ykn aadaa abbootarraa dhalleen osoo hin taane, karaa Nabi Muhammadﷺ nu barsiise qofaan gabbarra. Islaama malee amantiin tuun marti Rabbi biratti fudhatama hin qabdu. Gaafa karaa Islaamaa dhiisnee karaa biroo qabanne, gaafa gorsa Shari’aa dhiisnee gorsa birootin Rabbitti dhihaatuu yaadne Shirkii hojjanne jechuudha. Shirkii jechaan Rabbii tokkicha cinaa waa godhanii gabbaruudha, galata Uumaaf male uumamaaf kennuudha.
* وَلَقَدْ أُوحِيَ إِلَيْكَ وَإِلَى الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكَ لَئِنْ أَشْرَكْتَ لَيَحْبَطَنََّ عَمَلُكَ وَلَتَكُونَنَّ مِنَ الْخَاسِرِينَ*
*(Yaa Muhammad) Dhugatti gara Keetii fi gara warra Si dura turaniittiis “yoo Rabbi waliin waan biroo gabbarte dalagaan kee ni bada, warra hoongawan irraa taata” jechuun Wahyiin godhame*
A-zZumar 65
19/09/2022
Guyyaa Qiyaamaa namni akkaan natti dhihaatu nama Salawaata narratti buusuu heddummeesu jedhan Nabi Muhammadﷺ
[Tirmizii 484]
Yaa nama milkii duniyaa fi Aakhiraa barbaaddu Sunnaa hordofi, ergamaa Rabbii irratti akkaan Salawaata buusi.
*إنَّ أولى النَّاسِ بي يَومَ القيامةِ أَكْثرُهُم عليَّ صلاةً*
الراوي : عبدالله بن مسعود
19/09/2022
Karaan Jannataan dhaqan Karaa Tokko qofa inniis Nabii Muhammad Hordofuudha! Isa Hordofuuf Ammoo Isa Baruun Dirqama Taha!
Salallah 🌹Hu Aleeyhi Wassalla 🌹
Arif ....
Harki kee siif bahuu jiraata akka ati Nabiyyii Aalamaa ﷺ irratti buufte.!
19/09/2022
Rabbiin Nabi Yuusuf (AS) eela keessaa baasee, Nabi Muhammad (SAW) roorroo qureeyshii jalaa baase, ni dandahaa rakkoo hunda keessaa si haa baasu!!!
Yaa ergamaa Rabbiiﷺ akkamitti Salawaata Isinirratti buufna? Isinii fi maatii teessan(Ahlul-Beyt) irratti akkamitti nagayaafi Rahmata buufna” jannaan, akkana ja’an..
*Allaahumma salli alaa Muhammadin wa alaa aali Muhammadin, kamaa salleyta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima Innaka Hamiidun Majiid.
Allaahumma baarik alaa Muhammadin wa alaa aali Muhammadin, kamaa baarakta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima Innaka Hamiidun Majiid.*
[Bukhaarii 3370]
* لَقِيَنِي كَعْبُ بنُ عُجْرَةَ، فَقالَ: أَلَا أُهْدِي لكَ هَدِيَّةً سَمِعْتُهَا مِنَ النَّبيِّ صلَّى اللهُ عليه وسلَّمَ؟ فَقُلتُ: بَلَى، فأهْدِهَا لِي، فَقالَ: سَأَلْنَا رَسولَ اللَّهِ صلَّى اللهُ عليه وسلَّمَ فَقُلْنَا: يا رَسولَ اللَّهِ، كيفَ الصَّلَاةُ علَيْكُم أَهْلَ البَيْتِ؛ فإنَّ اللَّهَ قدْ عَلَّمَنَا كيفَ نُسَلِّمُ علَيْكُم؟ قالَ: قُولوا: اللَّهُمَّ صَلِّ علَى مُحَمَّدٍ وعلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كما صَلَّيْتَ علَى إبْرَاهِيمَ وعلَى آلِ إبْرَاهِيمَ؛ إنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، اللَّهُمَّ بَارِكْ علَى مُحَمَّدٍ وعلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كما بَارَكْتَ علَى إبْرَاهِيمَ وعلَى آلِ إبْرَاهِيمَ؛ إنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ.*
الراوي : كعب بن عجرة.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the school
Telephone
Website
Address
Addis Ababa