27/11/2021
Jesus is love
" Ayyaanni Waaqayyoo Kristos Yesusiin waan isiniif kennameef, ani yeroo hundumaa sababii keessaniif Waaqayyo koo nan galateeffadha."
27/11/2021
02/05/2021
Sanbanni erga darbee, jalqaba torbaniitti barii [gaafa Sanbata guddaa], Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaan awwaalicha ilaaluu dhaqan*. Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa garagalche waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e. Bifni isaa akka bakakkaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture*. Warri eegdonni awwaalichaa isa sodaachuu irraa kan ka'e rom'anii, akka waan du'anii ta'an. Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, “Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa! Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa kaa'amee ture iyyuu ilaalaa*! Ammas dafaa dhaqaa bartoota isaatti, ‘Inni du'aa ka'eera, kunoos, inni isin dura Galiilaa in dhaqa, achitti isa in argitu’ jedhaatii himaa! Kunoo, ani isinitti himeera” jedhe*. Yommus isaan sodaa fi gammachuu guddaadhaan awwaalicha keessaa ba'anii, bartoota isaatti himuudhaaf in fiigan. *1 HoE 20:7; 1Qor 16:2; Mul 1:10 *3 17:2; HoE 1:10 *6 12:40; 16:21; 17:23; 20:19 *7 26:32; Yoh 21:1-23 Kunoo, Yesus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate; isaan immoo itti dhi'aatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif.
Wangeela Maatewos 28:1-9
Sanbanni erga darbee, jalqaba torbaniitti barii [gaafa Sanbata guddaa], Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaan awwaalicha ilaaluu dhaqan*. Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa garagalche waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e. Bifni isaa akka bakakkaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture*. Warri eegdonni awwaalichaa isa sodaachuu irraa kan ka'e rom'anii, akka waan du'anii ta'an.
Wangeela Maatewos 28:1-4
Namni yaadni garaa isaatii akka qullaa'u jaallatu, haasaan isaas gurra namaatti kan tolu, fira mootii in ta'a*. *8 Iyo 4:8-9 *9 14:21; 19:17 *10 26:20 *11 Far 101:6; Qol 4:6 Namni dhibaa'aan, “Leenci ala jira, yookiis karaa gubbaatti nan du'a ta'a” in jedha*.
Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera. Kanaafis lafti yoo diddiiramte iyyuu, tulloonnis hurgufamanii galaana walakkaa yoo buufaman iyyuu, nuyi hin sodaannu. Bishaanonni isaa huursanii yoo hoomachaa'an iyyuu, tulloonnis raafamuu isaatiin yoo roqoman iyyuu, [Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira, Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya*!] *3 27:1 Lagni bishaan isaa mandara Waaqayyoo gammachiisu tokko jira, mandarattiinis iddoo buufata aabbaa ishee qulqullooftuu dha*. Waaqayyo ishee keessa waan jiruuf hin sochootu, Waaqayyo ganameeffatee ishee in gargaara. Sabni lafa irraa dheekkamanii in wacu, mootummoonnis in socho'u; Waaqayyo sagalee isaa in dhageessisa, laftis in baqxi. Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira, Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya! *4 Isa 33:21-22; His 47:1-12 Kottaa, wanta Waaqayyo hojjetu, badiisa isa sodaachisaa inni lafatti fidus ilaalaa! Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha, iddaa in cabsa, eeboos in hurreessa; inni konkolaataa harkifamu ibiddaan in guba*! “Dhiisaa, gab jedhaa, ani Waaqayyo akkan ta'e beekaa! Ani saba lafa irraa gidduutti ol kaafameera; ani biyya lafaa keessatti ol kaafameera!” Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira, Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya! *9 Isa 2:4
Macaafa Faarfannaa 46:1-11
1. Yaa waaqayyo hundi keenya
Garaa keenya siif in kennina
Galatas siif dhi’eessina
Humni kee dhuma hin qabu,
Laftii fi waaqni siif dhugaa ba’u
Kan kee hundinuu dhugaadha,
Kirubeel Suraafel
Faarfannaan si jaju,
Hoosaa’inaa yaa qulqulluu
Gooftaa lubbuu,
Humnii fi ogummaan keeti’o
2. Yaa Gooftaa ifa kan jaallattu,
Atoo waan asi jiru iyyuu beektaa,
Ijoollee kee hin irranfattu
Hojii isaaniis hin tuffattu,
Horii kee irree keetti in baatta,
Isaan baattees tabba in baatta,
Ilma kee ergitee isaanis nu furte,
Yeroo hundumaa
Hafuura kee nuuf ergiitii
Isaanis nu geggeessi. 3. Nu eebbisi nu jabeessi
Ayyaanaan fuula kee mul’isi,
Kan si jaallatanuu hundaaf
Maqaa kee faarfachuu in feena,
Gulanas si galateeffanna
Afaan qulqulluu fi haaraadhaan
Kirubeel Suraafel
Ergamootaa wajjin,
Hoosaa’inaa yaa qulqulluu
Gooftaa lubbuu,
Humnii fi ogummaanis kan keeti.
Yeroo sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif, Awugusxos mooticha biraa abboommiin ba'e. Caafamuun namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereenewos Sooriyaatti abbaa biyyaa turetti ta'e*. Kanaaf namni hundinuu adduma addaan of caafsisuudhaaf gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe. *2 HoE 5:37 Yoseef sanyii mooticha Daawit keessaa waan tureef, Galiilaadhaa mandara Naazireetii ba'ee, Yihudaa keessaa Betlihem mandara Daawit ga'e*. Kaadhima isaa Maariyaamii wajjin caafamuudhaaf dhaqe; isheen immoo ulfa turte*. Betlihem utuu jiraniis, yeroon Maariyaam itti deessu ga'e; angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite. *4 1:27; Mik 5:1; Yoh 7:42 *5 1:27,31
Wangeela Luqaas 2:1-7
Amos ammas, “Waaqayyo akka jedhu! ‘Warri biyya Mo'aab lafee mootii Edoom gubanii nooraa mana diban waan godhataniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu! Kanaaf, ani biyya Mo'aab irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo mandara Keriyot in fixa; warri duulaa utuu wacanii, sagalee fiinoos dhageessisanii, namoonni Mo'aab goolii keessa in du'u. Isa biyya seerratus ishee keessaa nan balleessa, gurguddoota ishee hundumaas isaa wajjin nan ajjeesa’ jedha Waaqayyo” jedhe*. *1-3 Isa 15:1--16:14; Er 48:1-47
Macaafa Amos Raajichaa 2:1-3
Barri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati, “Anatti hin tolan” ittiin jettus utuu hin dhi'aatin, bara dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu! Aduun, ifni, jiini, urjiinis utuu hin dukkanaa'in, bokkaa booddeedhaanis duumessi utuu hin dhufin, uumaa kee yaadadhu! Yeroo sanatti harki kee warri si eegaa turan, miillan kee warri ciccimoonis in hollatu; ilkaan kee waan muraasataniif nyaachuu in dadhabu, iji kee inni ilaalaa tures in dimimmisaa'a; yommus gurri kee lamaan dhaga'uu in dadhabu, ilkaan keetiin yommuu waa nyaattus sagaleen isaa hin dhaga'amu, namoonni yeroo simbirri wacutti in ka'u, sagaleen faarfannaa isaanii garuu sitti hin dhaga'amu. Yommus ati irraan-olee adeemuu, karaa irratti wanta sitti bu'us in sodaatta; rifeensi mataa keetii akka daraaraa mata-bokkee in ta'a, caaroon kee akka kan qorophisaa in dadacha'a; kajeellaan kees in hadooda; kana booddee iddoo boqonnaa bara baraa in dhaqxa, warri siif boo'anis karaa irra asii fi achi in yaa'u. Kanaafis bu'aa dhagna keetii keessaa wanti akka fo'aa meetii irraa hojjetame utuu hin citin, inni akka harkee warqee irraa hojjetame utuu hin cabin, wanti akka gomboo, burqaa bishaanii biratti utuu hin hurraa'in, inni akka geengoo ittiin bishaan boollaa waraabanis utuu hin cabin uumaa kee yaadadhu! Biyyoon gara biyyoo isa irraa dhufeetti deebi'uun, hafuurri immoo gara Waaqayyo isa isa kenneetti deebi'uun hin hafu*. Lallabichi, “Wanti hundinuu waa'ee hin baasu! Dhugumaan waa'ee hin baasu, waa'ee hin baasu” jedhe*. *7 3:20-21; Uma 3:19 *8 1:2
Macaafa Lallabaa 12:1-8
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the school
Telephone
Website
Address
07