YESUS har'as, boris, bara baraaniyyuu Gooftaadha ❤️
Ameen 🙏🙏🙏
Journalist EbeenEzer Tasammaa
An jaallatameera🥰
13/05/2026
Amanuuf natti ulfaateem Barsiistuukoo 🥹🥹😭😭😭
Kanuma
Egaa Nuyi Waaqayyo nuuf dubbatu, isa nuuf Falmu qabna malee; Waaqa dubbannuufii, Waaqa Falminuufii hin qabnu 🥰
19/03/2026
Kanuma 🥰
Madiinaa hin deemnu;Fayyuuf Ramadan hin soomnu; guyyaatti 5'n hin salaannu;bishaaniinis ala 5'n nafa keenya hin dhiqannu.
hin soomnu;gadaamii hin seennu;muka fannoon hin ammaattabnu;fariisota amantaaf kufnee hin jilbeeffannu
7 eegnee qidaamee hin waaqeffannu;utuu yesus jiruu guyyaatti hin boqonnu;sanbata waaqayyoo yesus qofaa beekna;guyyaaf yeroo hundumaa isatti gammadna
tokko eegnee cuuphaa bishaanii hin fudhannu;fannoo yesus goonee muka mormatti hin rarraafannu;dubbii fannichaarraa yaada keenya hin fuunu;karaa fayyina keenyarraa ija keenya hin buqqisnu.
✅Karaa tokkicha
✅Dhugaa tokkicha
✅Jireenya tokkicha Isa ta'e yesusitti amanna;karumasaa barabaraan jiraanna.
👉“Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
— Yoh. 14:6
👉Isa fayyinni keenya irraa nuuf ta’e abbaa qofaaf
👉isa fayyinni keenya karaa isaa nuuf ta’e ilma qofaaf
👉isa fayyinni isaan hojiitti nuuf hiikame hafuura qulqulluu qofaaf
☝️☝️galanni;ulfinni baraa hanga barabaraatti haa ta’u;ameen.
~~ ⁴ Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko; ⁵ gooftaan tokko, amantiin tokko, cuuphaan tokko. ⁶ Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha, inni waan hundumaa irra jira, waan hundumaan in hojjeta, iddoo hundumaa jiras.
= Gara Warra Efesoon : 4 =4_6
~~ ¹³ Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u!
= 2 Gara Warra Qorontos : 13 =13
nagaa bulaa 🙏
12/03/2026
Eebbifamteetta
'EEL_YKN_TORBAAN_DAANI'EEL_70
========KUTAA 618"FFAA........................
👉 BURJAAJA'INSA ADVEENTISTII HANBISUUF
:_Hiikkaa Subaayee jedhu kana afaan sadiin haa ilaallu:_
✓1"ffaa:_Ingilffaan:_Daniel seventy weeks
✓2"ffaa:_amaariffaan:_የዳንኤል ሰባ ሱባዔ።
✓3"ffaa:_oromiffaan:_Torbaan Daani'eel 70
✅Olbutamuu waldaa kristaanaa(Misirroo kristoos) hordofuun yeroo rakkina waggaa 7 "tu dhufa..... rakkina waggaa 7 kun xumura Subaayee 70ffaa Daani'el jechuudha.. Subaayee kana hubachuuf, Daani'eliin waa'ee bilisummaa(Birmadummaa ) sabasaa Israa'el kadhachaa yommuu jirutti Waaqayyo daani'eliif Subaayee 70 akka ramadee jiru dubbate garuu Masiihichi 69 irratti ajjeefama jedhee dubbate.
✓rom 9:22_27 dubbifadhaa
☝️Kutaa olii kana haala armaan gadiin yeroo Hiiknu👇
70(7,N 70 DAANI'EEL )BAKKA 3"TTI HAA QOQQOODNU:70:_7+62+1
✓“"Irra-daddarbaan raawwatee akka hafutti, cubbuu hojjechuun akka dhaabatutti, yakkaafis dhiifamuun akka argamutti, qajeelummaan bara baraa akka dhufutti, mul'anni, raajiinis mallattoodhaan akka jabeeffamutti, iddoon inni hundumaa irra caalaa qulqulluun dibamee akka qulqulleeffamutti, waggoonni torba si'a torbaatamni saba kee irratti mandara kee ishee qulqullooftu irratti akka darban murtoo ta'eera.”
— Dan. 9:24
:_Subaayee 1=waggaa 7
👉1"ffaa:_subaayee 7=Bara Sabni Israa'el boojuu Baabiloon irraa deebi'anii galanii kaasee hanga Nahimiyaan Dallaa Yerusaalem ijaaree fixutti kan turedha.
☑️ Subaayee 7=7× 7=waggaa 49 jechuudha.
_waggaan 49 baroota nahimiyaan dallaan yeerusaalem ijaaree raawwatedha.
✓“Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba'ee jalqabee, hamma bara geggeessituu isa dibamee moosifameetti waggaa torba si'a torba in ta'a; yeroon isaa yeroo rakkinaa yoo ta'e iyyuu,
Dan 9:25
☝️Asitti gaggeessituu Isa dibamee moosifamee jechuun Biyya Israa'el bakka masihiin dhalatuu jechuudha..... masihiin keessaa ba'u dallaan yeerusaalem waggaa 49 keessatti hojjatame dhumee jechuudha.
👉2"ffaa:_Subaayee 62=Bara Nahimiyaan Dallaa Yerusaalem ijaaree xumuree kaasee hanga ajjeefamuu Masihiitti(yesusitti) kan turedha.
☑️ Subaayee 62=62×7=434
__mandarattiin waltajjii ishee fi qotaa ishee wajjin deebitee ijaaramtee, waggaa torba si'a jaatamii lamaaf dhaabachuuf jirti; egaa kana beeki hubadhus!”
— Dan. 9:25
;hanga yesus fannoorratti ol ba'ee du'utti :_Subaayee 7+ Subaayee 62=Subaayeen 69 ykn waggaa 49+ 434 =waggoota 483 guutummaaansaa Raawwatameera.
🤌wanti Isin hubachuu qabdan Subaayee 69"ffaa fi Subaayee 70"ffaa gidduu kan seene Seenaa waldaa kristaanaa tu Jira jechuudha,Seenaan Kunis waggoota 2000 ol fudhateera..... Subaayee 69"ffaan Du'uu yesusiin yeroo goolabamu,utuu Subaayee 70"ffaan hin jalqabiin , du'aa ka'insa kristoos yesusii fi bu'uu hafuura qulqulluudhaan waldaa kristaanaatu Hundeeffame hanga har'aatti waggoota 2000 oliif waldaan kristaanaa biyya lafaa irra jiraachaa jirti.
,guyyaa ulfinaan mul'achuu gooftaa keenya yesus kristoositti akkuma waldaan kristoos olbutamteen,Subaayee 70 ffaan ykn Subaayee 1(waggaan 7 "ffaa) inni hafe ni eegala jechuudha.
☑️3"ffaa:_Subaayee 1=1×7 =waggaa 7 dha.
✓Torban 1(1 ሱባኤ) = waggaa 7
(Rakkinni waggaa 7):_kun Rakkina Yaaqoob ykn Israa'el waggaa 7 yoo ta'u,Bara ayyaanaa "Israa'eloonni"Masihii Waan fudhachuu didaniif "yeroon Kun yeroo Israa'eloonni Rakkina kana keessatti ilaalamuudhaan gara Masihii isaaniitti deebi'anii fi yeroo fayyuu Ormootaati illee... battala Waldaan kristaanaa olbutamtee gara yesusitti olfudhatamtetti kan biyya Israa'el keessatti itti fufee ta'u yeroo qormaata Israa'el jedhamudha;gumiin 70ffaa Daaniʼel, jechuunis waggaa 7ffaan inni dhumaa itti fufa jechuudha.... akka warri adveentistii jedhan dhuma subaayee 70"ffaan du'uu isxifaanosiin Wal hin qabatu..... 69"ffaa irratti yesustu du'a achii booda yesus du'ee du'aa ka'uun erga waldaa kristaanaa bu'uu Hafuura qulqulluudhaan namoota 120 irratti hundeessee hanga Waldaa isaa dhufee gara ofiisaatiitii fudhatu; subaayeen 70"ffaan akka hin eegalle waan godheef; subaayeen 70"ffaan ykn waggaa 7 ''ffan ishee dhumaa olbutamuu waldaa kristaanaa booda kan jalqabudha;achii booda Rakkina waggaa 7 sabni Israa'el keessa darban booda yesus deebi'ee dhufee waggaa 1000"f biyya lafaa irratti mo'a téessoo isaa yeerusaalem godhatee jechuudha.
✅Mul' yohannis boqonnaa 6_19 mata duree godhachudhaan Rakkina waggaa 7 kana bakka gurguddaa 2 tti qooduu dandeenya:_
👉1"ffaa:_Ciniinsuu(miixuu) Rakkina gara jalqabaa(Tribulation ) fi
👉2"ffaa:_ Yeroo rakkina guddaa (Great Tribulation)......kan jedhamudha.
kana diinni Kiristoos(Masihii)(Bineensichi) aangootti kan dhufu yoo taʼuu fi Israaʼelii wajjin kakuu waggaa torbaaf galudha(Daaniʼel 9:27...2 Tas 2:3_10).
✓Yeroon Rakkina waggaa torbaa kun yeroo rakkinni guddaan kan akka waraana sodaachisaan gaggeeffamuu, beelli guddaan mul'achuusaa, dhukkubni gurguddaan dhufuusaa, akkasumas badiisni uumamaa gurguddaan raawwatamuu isaa kan of keessatti haammatudha..... yeroo Waaqayyo cubbuu, hamminaa fi jallina biyya lafaa irratti firdii isaa dhangalaasudha..... sun fardeen arfan mulʼata yohaannis keessa jiran, akkasumas mallattoowwan torba, Dheekkamsa torbaa,malakata 7 fi gochawwaniif firdiiwwan mul'ata yohaannis boqonnaa 5 hanga boqonnaa 19 taateewwan Rakkina waggaa 7 ti.
waggaa 7 kana bakka gurguddaa 2 tti qooduun yeroo ilaallu:_
✅1"ffaa:_waggaa 3"f walakkaa duraa(ciniinsuu rakkinaa gara jalqabaa)
_As keessatti Bineensichi (mootiin Warra Roomaa) Mul'ata yohaannis boqonnaa 13:_ 1 irraa jalqabee ibsame, Israa'eloota waliin waliigaltee kakuu dhaaba, Israa'eloota waliin nagaatti karaa gaggeessummaa siyaasaatiin isaan qaba.
✓Waktii kana keessa Israa'eloonni seera amantii isaanii haala gaariin gaggeeffatu;seeraaf sirna waaqeffannaa isaaniis adeemsuma seera museedhaan isaaniif kennameen hojiirra oolchu.
✓Rom 7:27..... kana Bineensichi ykn ilmi badiisaa kakuu Israa'eloota waliin gale sana diigeetu waraana bana... ciniinsuu jalqabaati.
✔️Mar. 13
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁵ Yesus immoo; Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa!
⁶ Baay'een, 'Ani Kristos' jechaa maqaa kootiin in dhufu, namoota, baay'ees in wallaalchisu.
⁷ Lolaa fi oduu lolaa yommuu dhageessan hin na'inaa, kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti.
⁸ Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka'a; socho'i lafaa iddoo adda addaatti, beellis in ta'a; wanti kun garuu jalqaba ciniinsuu ti.
✅2"ffaa:_waggaa 3"f walakkaa gara dhumaa (Rakkina guddicha Israa'el)
:_egaa dhuma waggaa 3"f walakkaa Isa duraatti;Bineensichi ykn ilmi badiisaa ykn (mootiin Roomaa), kakuu Israa'eloota gale ni diiga,fakkeenya Mataasaa mana qulqullummaa Yerusaalem keessa ni dhaaba, namoota baay'es itti sagadchiisa, Israa'eloonni seera isaanii akka hin gaggeeffanne dhaabsisa,,,seera siyaasaatiin waggaa 3"f walakkaa isaa duraa keessatti itti fayyadamee Saba Israa'eliin bulchaa ture hambiseetu,amantaa mataa isaa hundeessa,waaqa of godheetu of gurguddisee Saba roorroodhaan bulcha; Warra gubaa isaa "666" fudhatan ni jiraachisa "Warra fudhachuu didan ammoo ni ajjeesa.
✓2 Tas 2:4_10.
_Dan 7:27
☝️kanaafuu,rakkinni Kun Rakkina Israa'el guddicha jedhamee waamama ykn guyyaa Rakkina guddaa(mul' 7:14) fi guyyaa Rakkina Yaaqoob guddaa(Erm 30:7).
✍️yeroo kana Israa'el ykn magaalaan Yerusaalem Rakkina guddaa kana dura ta'ee hin beeknee fi gara fuulduraattis ta'uu hin dandeenye keessa seenti.
✓“Guyyoonni sun guyyoota rakkinaa in ta'u; rakkinni akkasiis erga Waaqayyo biyya lafaa uumee jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'ees hin ta'u.”
— Mar. 13:19
rakkoowwan kanaa inni ijoon Israa'eliin yaada garaa geeddarachiisuun gara mootummaa kristoos Isa Qulqulluutti deebisuu fi Yerusaalem akka teessoo Masihii taatu qopheessuu dhaafi: "
✓Erm 30:1-10)
📌“Guyyoonni sun guyyoota rakkinaa in ta'u; rakkinni akkasiis erga Waaqayyo biyya lafaa uumee jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'ees hin ta'u.”
— Mar. 13:19
:_Taateen Kun Walumaagalatti waldaa kristaanaa ykn misirroo kristoosiin hin ilaallatu.
✍️1Tas. 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Yaa obboloota ko! Waa'ee barichaa fi waa'ee yerichaa garuu isiniif caafuun barbaachisaa miti.
² Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in beektu.
³ Namoonni, "Nagaa dha, gabii dhas" utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru.
⁴ Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra ba'uu hin danda'u.
⁵ Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti.
⁹ Waaqayyo karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos fayyina akka argannuuf malee dheekkamsaaf yaadee nu hin qopheessine.
✔️“Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u!”
— 2Qor. 13:13
✍️itti fufa......................................🙌
✍️SHARE_GODHAA
✍️ FOLLOW _GODHAA
✍️ PREPARED BY MINISTER MELKA ALEMU ❤️
10/03/2026
Har'a Qilleensi Adaamaa akkuma Finfinnee Namatti tola 🥰🥰
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Contact the school
Telephone
Website
Address
Addis Ababa