23/11/2023
Furtuu jaalala
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Furtuu jaalala, Batii, Addis Ababa.
23/11/2023
?
Ati yaa giiftii koo
akkam fayyaa jirtaa?
Onnee koo tarsaastee
maaliif addaan cirtaa?
sammuu koo rarraastee
maaliif addaan hirtaa?
yaanni kee namarsee
garaa koo nanyaatee
dhufee silaaluudhaaf
karaatu fagaatee
hawwii koo inni guddaan
baga nagaya taatee
Anarraa fagaattee
jiraattus halaalaa
aduu samiirrattiin
gaaddidduu tee laalaa
du'us sumarrattiin
du'e kaa jaalalaa
Qilleensi bubbisee
dhukkee lafaa kaasee,
Yaanni kee nagubee
garaa koo naraasee,
Halkan na tuttuqee
hirribaa na kaasee,
Huuraa fuula keetii
nadura rarraasee,
Anis olin ka'ee
uffata facaasee.
Situ halkan dhufee
onnee na korkodaa,
Tulluu meeqa dabreen
callisee si yaadaa,
Hadaraa jaalalaa
kee garaan maal yaadaa???
03/01/2023
`
Mana gaafa bahees
Lammiisaaf quuqamee
Deebisuudhaaf bahee
Mirga nu mulqamee
Maqaa osoo qabnuu
Maqaan nu haqamee
Falmaa dhugaan dhabnuu
Garmalees midhaamnee
Qeeransaa garaan qeeransaa
jajjabee garaan madaa
Dhugaa maalsaan dhoksaa
gootummaankee addaa
Sabaakeetif falmuun
eenyummaa keerraa maddaa
Siif miti araadaa
oromiyaatif falmuun
Siif Ta'eera aadaa
Dhugaaf wareegamuun
Falmaa oromiyaa
jiraadhuuka kumaa
ijaaraa abbaa biyyaa
Qabeenyi koo sumaa
Qorraaf aduun jennee
Keessattii qaqamee
Lammii bilisoomsaa
Sabaasaaf warqamee
Baatee qawwee dhugaa
Seeneeka daggalaa
Miti ilmaa mugaa
Bilisummaa fiduuf
didee galee lagaa
Rakkoon rirriitamuus
Eenyumaasa hin gatuu
Imaanaa laggasaa
tasumaa hin dagatuu
Har'ayyuu jira gootni
Ni deema deemsa haqa
Yoo akka jaraa tahanii
Kan nyaateen quufne raqa
Yaadaaf qeeqa yoo qabaattan
👉 nuu qunnamaa
❤💚❤WBON haa waaru💪💪
16/12/2022
♥የወፍ ቤት ጥበብ…! የአላህ ስራ ድንቅ ነው…!
ለወፍ ቤት የሰጠ ጌታ ለአንተም ቤት ይሰጣሀል…!
Ajaibaa shamizochaa
Akkuma dheengaddaa
Akkuma gaafa kalee
Yoomuu hin jijjiramuu
Si yaada akka malee
Jireenyuma gidiraatti
Hadhaa dhandhamsiisaa
Waa'een kee yoo yaadu
Baay'ee na mamsiisaa!
Jireenyii adeemaadha
Akka galaanaa fi garbaa
Gaarummaakeen uf-kibee
Baraa fi waggaa darbaa!
Ifaa Walloo ✍️ ...✍️
26/10/2022
worri dhugaa hubate
tokkoon fakkii dhibbaa
jabduu Jajjabduu dhiiraa
bakakkaa zoonii kibbaa
Bubbeen lixarraa dhufu
Inni dhidheessa gubbaa
gugummisee roobeeti
gantuu mataan dhaaba
shugguxeef cillimoorraan
Cabbiin giddugaleessaa
hiddashee bubuqqisee
.diina biyyaa balleessaa
Leenci kaabarraa xiixu
qeeransi baha biiftuu
muree murteeffataadha
gabrummaa hin simatu
harqoota gabrummaa
.tole jedhee hin baatu
garaa isaatiif bitamee
balfaafi raqa hin nyaatu
golee maraa wolkaasee
biyyasaatiif dhaabbata
tiksee bakkaan gaha
garaattin nyaatu galfata
Risaa Lixa Shaggar
Risaa Lixa SHaggarworri dhugaa hubate
tokkoon fakkii dhibbaa
jabduu Jajjabduu dhiiraa
bakakkaa zoonii kibbaa
Bubbeen lixarraa dhufu
Inni dhidheessa gubbaa
gugummisee roobeeti
gantuu mataan dhaaba
shugguxeef cillimoorraan
Cabbiin giddugaleessaa
hiddashee bubuqqisee
.diina biyyaa balleessaa
Leenci kaabarraa xiixu
qeeransi baha biiftuu
muree murteeffataadha
gabrummaa hin simatu
harqoota gabrummaa
.tole jedhee hin baatu
garaa isaatiif bitamee
balfaafi raqa hin nyaatu
golee maraa wolkaasee
biyyasaatiif dhaabbata
tiksee bakkaan gaha
garaattin nyaatu galfata
Risaa Lixa Shaggar
Risaa Lixa SHaggar
"Irra caalaan keessan nama Qur'aana baree barsiise."
Nabi Muhammadﷺ
[Bukhaarii 5027]
- Barnoonni Qur'aana caale hin jiru. Namni Qur'aana baree barsiisu sadarkaa guddoo qaba.
*خَيْرُكُمْ مَن تَعَلَّمَ القُرْآنَ وعَلَّمَهُ.*
الراوي : عثمان بن عفان.
😋
🥰🤗
#ወሎየነት😊
Akka jiruu akka tiruu
Malan jira anoo hin jiruu
❤❤❤❤❤❤❤
Akka damma akka loomii
Gubachuun koo amma yoomii
❤❤❤❤❤❤❤❤
Akka damma akka nadhii
Sin jaalladhamee nan jedhii
❤❤❤❤❤❤❤❤
Akka caatii akka muuzii
Natti tatee akka suusii!!!
Yaa waaq galata kee
Kan faca'es margeera
Lagni guutes hir'atee
Firriyyuu wal argeera
~~~~~~~~~~~~~
Urgaa ilillii dhufee
Foolli gannaa arii'ee
Bokkan ulfaataan darbee
Birraanis nuuf barii'ee
~~~~~~~~~~~~~
Aadaadhaan wal kabajnee
Safuus ni safeeffanna
Ireechi irree keenyaa
Koottaa ni irreeffanna
~~~~~~~~~~~~~~
Yaa uumaasi kadhanna
Ati immoo nu dhagahi
Kan baranaannu geesse
Kan bara eegeere nu gahi!
Gaadan quuffa gabbinaa!
WBO. WBO.
Jechunis. Wabii.
Gataa. Jira
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Culinary Team
Attire
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
SUN