Hawi Press

Hawi Press

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hawi Press, Addis Ababa.

23/09/2025

Galaanni Diimaan Biyya Teenya Itoophiyaaf Haalaan Murteessadha
qabeenya Ummata Itoophiyaati
Hawi Press Follow gochuu hin dagaatina

23/09/2025

Dr kabajaa sheik hajji Ibrahim tufaan baayyee galatoomaa jennaan barata kalid Bashiriif baadhaasa laataniiruu.

22/10/2023

Fayyummaa Mooringaa(Shifarraa)
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
1. Infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu ni danda'a.
2. Dhiitoo fi bishaan qabachuu qaamaa hin barbaachifne ni ittisa(Anti inflammatory)
3. Carraa dafanii dulloomuu keenya ni hir'isa.
(Anti oxidants)
4. Qaamni keenya dandeettii ittiin dhibee ofirraa qolachuu danda'u ni dabala.
5. Qaamni keenya yoo madaa'e dafee akka fayyuuf ni gargaara.
6. Baakteeriyaa fi fangasiin akka qaamni keenya hin hubamne ni taasisa.
7. Guddina rifeensa keenyaa ni dabala. Fayya qabeessummaa rifeensa keenyaafis ni tola.
8. Fayyummaa gogaa keenyaaf
9. Farra kolestroolii ti.
10. Annisa ykn humna ykn jabina qaama keenyaaf ni kenna.
11. Fayyummaa ija keenyaa eeguun argaa keenya dabala.
12. Dhiibbaa dhiigaa keenya ni sirreessa.
13. Ulfaatina qaama keenyaa ni sirreessa.
14. Dhibee onneef akka hin saaxilamne gargaara.
15. Dhiitoo xannachoota dhibeef nu saaxilan malaan nurraa ittisa.
16. Bullaa'insa nyaataaf ni gargaara.
17. Mukaa'uu ittisee si'oomina uuma.
18. Qoncooruu fi dulloomuu yeroo malee gogaa keenyarraa ittisa.
19. Dhibbee gaastirik (Gastric,) ittisuuf fi fooyyessuuf gargaara
Faayidaan Mooringaa(Shifarraa) danuu ta'uu hubannee fayyadamuun abshaalummaa dha!
Dr Jirenya S
Maddi: WHO healthiest food guidlines and summary researches

22/10/2023

Ibsa Haala Yeroo Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Lixaa irraa darbee,
*****************************************
Sadaasa 04/2015
Godina Harargee Lixaa Nagayaa fi Tasgabbii kan qabuudha,Ummanni Godinaa keenya Uummataa Nageenya jaalatuu fi Nageenya isaatiif Waardiyaa dhaabbatu ta'uu irraa kan ka'ee fi qaamooleen Nageenyaas Qindoomanii halkan fi guyyaa aarsaa guddaa kaffaluun Nageenya Godinichaa Oolee bulaa jira,

Haa tahuu malee yeroo ammaa kanaa gareen Shoororkeessaa ABO Shanee Nageenya Godinichaa booreessuufi Ummanni Nagayaan bahee akka hin galleef yaalii taasisaa jira,Kanaaf Yaalii isaanii kanaa fashaleessuu fi barbadeessuun Nageenya godinaa keenya itti fufsiisuuf qaamooleen Nageenya qindoominaan hojjachaa turee jira,hojjachaas jira,

Kanaafuu Hawaasnii Godinaa keenyaa Naannoo isaa jabaatee eeguu akka qabu fi humna Nageenya jeequuf deemu arginaan Eeruu qaama Nageenyaaf Kennuu fi Qaamoolee Nageenya keenya waliin qindaa’uun deeggarsa barbaachisu hundaa akkuma kanaan duraatti dirqama lammuummaa keessan akka baatan Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Lixaa Waamicha dabarsee jira,
Koominikeeshiinii Poolisii Koominikeeshiinii Poolisii God/Harargee LixaaKoominikeeshiinii Poolisii God/Harargee LixaaKoominikeeshiinii Poolisii God/Harargee Lixaa Lixaa irraa,

Nageenyii Furtuu waa hundaati!!
Hawaasnii keenya hundii dammaqee gurmaa’ee Nageenya isaa eeggachuu qaba,

02/09/2023

Abbichuun wabii sirna federaalizimii sabdaneessati ‼️
============= // =============
Ka’umsi hunkurama siyyaasa diinagdee biyya keenya Itoophiyaa gaffilee saboonni, sablammoonni fi Uummattoonni goleelee arfan keessa kaasan sirnaan deebisuu dhabuun sirnoota darbanii biyyi keenya Itoophiyaan siyyaasa quucaraa fi diinagdee booddessaa keessatti barootaaf akka dararamtu taasisee jira. Bara Abbichuun biyya bulchaa jirutti biyyi keenya daandii siyyaasa ammayyaa fi diinagdee saffisaan gara fuula duraa furga’uuttii jirti. Abbichuun Aadaa siyyaasa Itoophiyaa hundee irraa jijjiruun yaadama ida’amuu kan hundeen isaa sirna gadaa ta’een biyya haaraa kan saboonni, sablammoonni fi uummattoonni goleelee dachii biyyattii arfan keessa jiran walqixxummaanii fi bilisummaan keessa jiraatan uumuuf daandii cufamuu hin dandeenye saaqe jira. Kanaafi Abbichuun waardiyyaa fi wabii sirna federalizimii sabdaneessati kan jennuufi!

Photos from Hawi Press's post 31/08/2023

Harargee Lixaatti
Sagantaan Beekkamtii iddoo Ikkoo turizimi lamaa fi Paarkii lamaa sadarkaa Naannootii argamee sababeeffachuudhaan Marii Paanaalii sadarkaa godinichatti Gaggeeffamee.

Sagantaan Beekkamtii iddoo Ikkoo turizimi lamaa fi iddoo Paarkii lamaa sadarkaa Naannootii Godina Harargee Lixaattif argamantti Sadarkaa Godinaatti Mariin Paanaalii Misoomaa fi Bulchiinsaa Paarkiiwwan fi Ikooturizimii Haarawaa hundaa’aanii Sababeeffachuudhaan sadarkaa Godinchatti Gaggeeffamee.

Godina Harargee lixaa Bulchiinsa Magaalaa Cirootti sagantaan Beekkamtii iddoo Ikkoo turizimii lama Hawwii Guddinaa fi Haroo carcar fi Paarkii lama Barihamoo fi Dindiin sababeeffachuudhaan sadarkaa Godina Harargee Lixaatti Bakka Bulchaan Godinichaa Kabajamoo Aadde Ikraam xahaa fi Keessummoonni kabajaa argamanitti Gaggeeffamee.

Badhaadhina biyyaa fi naannoo keenyaa mirkaneessuuf, xiyyeeffannaa mootummaan keenya seektara turizimiif kenneen mootummaan naannoo Oromiyaa hojiilee gurguddoo hojjataa tureera. Naannoon keenya gama qabeenya turizimii namtolchee fi uumaamaan akka biyyaatti sadarkaa jalqabaarra kan jirtu yommuu ta’u ija fayyadamummaan yoo ilaallu sadarkaa barbaadamu irra kan hin jirredha. Haaluma kanaan xiyyeeffannaa pirezidaantiin keenya Turizimiif kennneen turizimiin guddina dinagdee, aadaa fi duudhaa hawaasaa fi qabeenya uumamaa kununsuu keessatti qabu milkeessuuf Paarkileewwan haaraa hundeessuu fi iddoowwan hawwata ikoturizimii hundeessuuf qorannoo taasisuun akka hundaa’aniif hojiileen gurguddaa hojjatamee jira jedhameera.

Haaluma kanaan Sadarkaa Godina Harargee Lixaatti Qabeenyi keenya kan akka iddoo eggamatti lakka’amu kana qofa akka hin taane mootumman keenya hubatuun bara kana parkii lama (Barihamoo fi Dindiin) fi iddoo Ikkoo turizimii lama (Hawwii guddina fi Haroo carcar) qorannoon isaani gaggeeffamen ulaaga guutuun sadarkaa oromiyaatti beekkamtin kennamefi jira kanaafuu
Hojiin kun daran cimee akka deemuuf sadarkaa godinattis Bekkamtii kennuuf barbachiissadha jedhameera.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Addis Ababa