25/10/2023
Masjiidul-Aqsaan maalif Muslimtoota biratti Kabajamaa tahe !?:
1.Qiblaa jalqabaa ture muslimtootaaf, Makkaan dura,
2.Idoo israa fi Mi'iraajni(Ol bahinsa Nabi Muhammad .S.A.W gara Samii)
3.Mana Rabbii(Masjiida) 2ffaa Makkaan booda ijaarameedha,
4.Idoo Nabiyyoonni hedduun ittiin Awaalamaniidha,
5.Idoo Sahaaboonni hedduun ittiin Awaalamaniidha,
6.Idoo Rabbiin Kabajamtuu ykn Ebbifamtuu godheedha,
7.Idoo Qur'aana keessatti yeroo 70 ol Kabajaan dubbatamteedha,
8.Idoo malaa'ikaan Wahyii ittiin buusaa turteedha,
9.Idoo Nabiyyoonni hundi Nabi Muhammad S.A.W boodaa dhaabatanii itti salaataniidha,
10.Masjiida Maqaan saa Qur'aana keessatti dubbatamteedha
11.Masjiida Muslimtoota hunda biratti jaalatamaadha!
Namni Masjiida kana jaalattan "Yaa Rabbi Bilisoomsi" ja'aa!
02/06/2023
Hedduu Gaddinee,Akka Itti Dubbannuf Afaan Wallaalle. Namoonni 4 ol Lubbuun Darbe!🥹
Yaa Rabbi Gabroottan kee Kan Shahiidaniif Jannataan Nuuf qananiisi. Kan Madaahanifis madaa heenaa nuuf Godhi. Ummata keenya Nagaa atummaan Nuuf Tiiysi
Rabbi Tumsa kee🙏
26/05/2023
Gaafiin mirgaa nagaadhaan gaafatamee yeroo deebisaa dhabe' taa'ee ukkaamamee Dhiita'a' wanni dhiita'aa deemummoo yeroo isaa eeggatee dhoo'uun isaa hin hafu.
Ummata mirga isaa gaafatu irratti tarkaanfiin guyya har'aa fudhatame godaannisa seenaati.
26/05/2023
Abaarsi Allaahaa zaalimtootarratti haa jiraatu!!
19/05/2023
Rizqii hogga ja'ame qabeenya qofaatu nutti mullata, garuu qabeenyi gosa rizqiirraa tokko malee rizqiin isa qofaa miti.
Beekkumsi gaariin rizqiidha, fayyaan qaamaa fi sammuu rizqii waan itti jijjiiran hin qabne, jaarsi/jaartiin gaariin rizqii guddoodha, ilmaani fi horteen gaariin rizqii qabeenyaan hin jijjiiramnerraahi, amalli gaarii fi jaalati namaas akkasuma rizqii qabeenyi hin binnerraahi, qabeenyi halaal gaariinis gosa rizqirraa tokko. Hundaa ol ibaadaaf rabbi si mijjeessee rizqii fi badhaasa guddaa; jannataaf si qopheessuun rizqii hundaa oliiti.
Razzaaq gosa riqzii hunda nu haa razaqu!
21/01/2023
Ji'a ramadaanaaf toora guyyaa 60 qofa hafe, warra dhaqqabatee irraa fayyadamu rabbi nu haa godhu!
17/12/2022
Hayyuu keenya hoogganaa muslimoota itoopiyaa
prezdaantii majilsa federaalaa sh hajjii ibraahimi
wajjiin masjida rasuulaatti Rabbiin gargaarsa saatiin isaanii waliin haa jiraatuun du'aa'ii tiyya!
Munzir she amiin
12/12/2022
Hoggu takka jaalallee keenya nabi muhammad irratti salawaata haa buusnu ﷺ ﷺ
04/12/2022
Rabbiin Keenya S.W bifa, Gosa, Fii Qaama Namaa Hin laalu, Kan inni laalu Keessa namaati !! Meenqantamii jira Namni Bifti isaa Bareedaa kan Keessi Isaa Fokkotaa ! Ammas Meeqaantamii jira, namni Bifti isaa Fokkotaa kan keessi Isaa bareedaa !! Kanaafuu Dubbiin Gubbaa osoon tahin, keessa jechuu dha !!
Yaa Rabbi Keessa Keenya nuuf bareechii, Gabroottan kee Gaggaarii irraa nu Godhi !!!