12/12/2023
YOOM NAAF DHUFTA MUCAA KOO
============================
Kan an guddisuuf jedhee
Darbamee kufee cabee
Kan an guddisee ka'ee
Tasa of biraa si dhabee
Ol fiigeen gadis fiigee
Si guddisuuf roora'ee
Na nanna'a garaan koo
Si yaadatee boora'ee๐ญ
Siif jecha kufee ka'ee
Muka yaabee rarra'ee
Eegaa maali maalli koo
Sin yaade sin dharra'ee
Si yaadeen boo'ee hirqee
Na huqate qaamni koo
Yoom dhufta mee ilmoo koo
Gama keeti yaadni koo
Dhukkuba koo si malee
Maaltu beeka gubaa koo๐ญ
Alan ilaalee hafee
Yoom dhufta yaa muca koo
Deemtee galuu diduufii
Galuuf galaanan ceenee
Silaa si biraan hafuu
Anoo akkanan seenee
Sagal ala laaleekaa
Yoom dhufta mee ilma koo
Ormatti qalloo taatus
Anaaf furdaa jirma koo
Halkanin jedhu guyyaa
Sambatas dilbatas hoo
Gurraattii koo gugee koo
Yoom dhufta intala koo ๐ญ
Halkaniin badee dhufuuf
Narkaa bade garri kee
Beekaa garaan jabaatin๐ญ
Sis si miidhaa dhalli kee
Mee maaf dhuftee nan laaltuu
ilmoo maaf na dagattee ๐ญ
Dogogoreen si miidhee
Moo maaliif na dagattee
Tarii yoon dogogoree
Maaf irra naan darbituu
Na yaaduu hin dhiifte moo
Maaf dhuftee nan agartuu๐ญ
BartotBartotaa dilbataa cobiiamsa Harmee reposts
Kan qabdanuu wagga kuma isiniif haa jiraattu
Kanin qabne Rabbi jennataan isiniif haa qanansiisu !