12/12/2023
"The New Testament, true to its Old Testament roots, regularly insists that the major central, framing question is that of God’s purpose of rescue and recreation for the whole world, the entire cosmos. The destiny of individual human beings must be understood within that context — not simply in the sense that we are only part of a much larger picture but also in the sense that part of the whole point of being saved in the present is so that we can play a vital role . . . within that larger picture and purpose. . . .
The question ought to be:
How will God’s new creation come? and then, How will we humans contribute to that renewal of creation and to the fresh projects that the creator God will launch in his new world?"
- Wright, Surprised by Hope, 184-85.
10/09/2023
Kristoos Eenyu?
****
Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture. Bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa (Kristoos) kan inni dhaalaa waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate.
Isumaanis addunyaawwan uume. Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti. Eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.
Ibroota 1:1-4 HAH
26/07/2022
"Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse."
2 QORONTOS 5:19
26/05/2021
1Qor. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Yaa obboloota ko! Abboonni keenya hundinuu, [utubaa] duumessaa sana jala akka turan, hundumti isaaniis galaanicha akka ce'an akka beektan nan barbaada.
² Hundumti isaaniis kan Musee ta'uudhaaf duumessichaa fi galaanicha keessatti cuuphamaniiru,
³ hundumti isaanii nyaata hafuuraa isa tokkicha sana nyaataniiru;
⁴ hundumti isaanii dhugaatii hafuuraa isa tokkicha sana dhuganiiru; isaan kattaa hafuuraa isa guddicha, isa isaanii wajjin adeemaa turettii dhuganiiru; kattaan guddichi sun immoo Kristos ture.
19/04/2021
Rom. 13:10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁸ Wal jaallachuu irraa kan hafe gatii wal dubbifattan hin qabaatinaa! Namni nama jaallatu waan seerri isa irraa barbaadu raawwachuu isaa ti.
⁹ Abboommonni, "Hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, waan namaa hin hawwin" jedhan, warri kaanis hundinuu dubbii tokkicha isa, "Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!" jedhuun in xumuramu.
¹⁰ Namni nama erga jaallatee, waan hamaa isa irratti hin hojjetu; kanaafis nama jaallachuun seera raawwachuu dha."
05/04/2021
Mixaa (goondaa) gurraachaaf diimaa xarmuusii keessatti naqxanii osoo suuta lafa keettanii, nageyaan jiraatu.
Garuu xarmuusicha ol-fuutanii yoo harguftane, mixaan gurrachi diimaa, dimaan immoo gurracha ijjeesuu jalqaba.
Mixaan kun xarmuusiin ala waan te'aa jiru hin beeku. Harguffii raawwatameef itti gaafatamaan mixaa bifa biraati jedhanii yaadu.
HUBADHAA: Hawaasa keenya keesalletti waanuma kana ta'aa jira.
Yeroo saba keenya keessatti rakkinni nuquunnamu, saba biraa itti gaafatamaa goona.
Xarmuusiin keenya kun ilaalcha keenya siyaasaa ta'uu danda'a. Seenaa nutti himame ta'uu danda'a.
Madda harguffii xarmuusichaa hubachuudhaaf tasgabbii, jaalalaa fi sammuu jirjiiramaa qabaachuu qabna.
"Dhiha Ityophiyaatti namni 100 ajjeefame"; "Kaaba Ityoophiyaatti namni 1000 dogogoraan ajjefame" oduun jedhu aadaa ta'eera.
Kan du'aa jiru lakkoofsaa miti, ilma namaa bifa Waaqaatiin uumame malee.
Xarmuusii keessa jirru keessaa baanee:
"Ani tiksee obboleessa kiyyaati" jedhuu qabna.
27/02/2021
Ibsa amantii NIIQIYAA, Bara 325 Dh.K.B.
*
"Nuuti Waaqa tokkichatti amanna, Abbaa hundaa danda’u, uumaa wantoota muldhatanii fi hin muldhannee; akkasumas goftaa Iyyesuusitti ni amanna, ilma Waaqaatti, ilma tokkicha Waaqa Abbaa irraan dhalate, kunis maalummaa Abbaatiin tokko kan ta’e, Waaqa Waaqa irraan, Ifa Ifa irraan, Waaqa dhugaa Waaqa dhugaa irraan dhalate, kan hin uumamin, Abbaa wajjiin maalummaa tokko kan qabu, waantootni hundi karaa isaatiin gara jiraachuutti kan dhufan, wantootni samii keessaas ta’ee wantootni lafa irraa; nuuf ilmaan namaatiif, akkasumas fayyinna keenyaaf jedhee gad kan dhufe, kan nama ta’e, kan rakkate, kan du’e, du’a keessaa guyyaa sadaffaatti kan ka’e, kan gara samiitti kan ol-ba’e, kan lammata dhufuu fi warra jiraanii fi du’an irrattis kan murteessu.”
23/02/2021
KIRSTOOS WAAQAA TA'UU ISAA
***
Yesuus Kristoos Waaqaa fooniin mul’ateedha (Griik: phaneroo) (1 Ximootewoos 3:16). Jechii Griiki “phaneroo” jechuun waan kanaa qaraa dhoksaa turee mul’isuu yookan ifaa baasu jechudha. Yoo namaa walqabsiisinee ofii mul’isuu, beekamuu fi hubatamuudha.
Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera. Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan Waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe. Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e. (Ibroota 1:1-3)
Iyyeesuus eenyummaa Waaqaa mul’isaa (Waaqaa foon uffaateedha). Eenyuumaa /fakkiin jechaa Griiki "charakter" jedhuu irraa dhufee hiikni isaa ammoo karaa hundaa fakkeessu /bayyisuu jechuudha. Jechii kunii meeshaa namoonni waa bocan fayyadaman ibsiisaf oola.
Iyyeesuus waan hundaan Waaqaa ta’e garuu eenyummaa isaan addaadha. Inni bifaa Waaqayyoo ijaan hin argamne ittiin namatti mul’atuudha (Qolosaayis 1:15).
05/02/2021
Qolasaayis 3:2
Also join our telegram family page via
👉🏾👉🏾👉🏾 👈🏾👈🏾👈🏾
04/02/2021
Iyyesuus akka amala namummaa isaa bakka tokko qofatti hin daanga’u. Kuusaan humna isaa daangaa hin qabu; sanaaf ammalle namoota ofii akka meeshaa isaatti fayyadamee Hafuura Qulqulluun barsiisaa akkasumas hojjataa jira.
Akkumaa Iyyesuus humnaa fi hafuura qulqulluun muudameen waan dansaa hojjataa, worra seexanaan cunqurfaman fayyisaa turetti, hardhalle hojii fayyinaa san karaa keenyaan yookaan bakka bu’oota isaatiin itti fufsiisa jira (Hojii 10;38).
"Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe." (Hojii 2:22)
29/01/2021
ROOMEE 1: 1-6:
******
Wongelli:
Abdii gammachiisaa Waaqayyo –
Abdii karaa raajota Kakuu Moofaatiin nuuf kennee dha (lakk 2).
Wongelli:
Wa’ee Kristoos Yesuus—
Isa fooniin sanyii Daawit keessaa dhalate (lakk. 3),
Du’aa ka’usaatiin immoo Ilma Waaqaa ta’uun kan mirkana’eef dha (lakk. 4).
Wongeelli:
Ulfina maqaa Kristoosiitiif saba lafa irraa hundumaa gara amantiitti fiduudhaaf kennaa tolaa Waaqa irraa kennameedha (lakk. 5).
Nuutille immoo karaa kennaa tolaa kanaan ijoollee Waaqaa taane (lakk. 6).