09/02/2023
"Onneen keenya gaddaan weeraramee jira! Rabbiin wareegamtoota keenyaaf haa araaramu miidhamtoota keenya nuuf haa baraaru! Balaan kun akka Seenaa Turkii qofaatti osoo hin taane akka seenaa naannawaa kanaatti Balaa guddaa gita hin qabne 'tu nu mudate..! Lubbuu lammiilee keenyaa baraaruuf haga dandeettii keenyaa ifaajaa jirra." Pirezidaantii Turkii Rajab Xayyib Erdogan.
Turkiin balaa kirkira lafaa lubbuu lammiilee ishee fixaa jiruun Alaabaa ishee buustee gadda biyyaalessaa labsitee jirti, Sooriyaan haaluma walfakkaatuun balaa kirkira lafaan miidhama guddaa keessummeessaa jirti.
Rabbi balaa kana akka irra kaasu du'aa'ii gochuun dirqama Islaamummaa nurra jira, Du'aa'ii keessaniin obboleewwan keessaniif tumsaa.
19/10/2022
انا لله وانا اليه راجعون
SEENAA SHEEKH AADAM TUULAA
By: Urjii Ahmad
Kitaaba bara 2014 katabe kan Aqiidaa Ulamaa'ii teenyaa jedhurraa fuudhame.
Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al- Oromii. Goodina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan booda Sheekha
Sheekkootaa tahuuf taa’u.
Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti.
Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana, osoo hin janne
barnootumarratti dabarse. Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan qaban irraa fuudhatee jira.
Sheekootii Isaa Gurguddoo fii Beekkamoo. Sheekh Abdullaahi Tuquu Al-Oromii Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ture.
Abdullaahi Tuquu Bahara beekkumsa Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii Towhiidaa kan miilaan Ilmii barbaada biyyaa bahe, Eegas Doonii yaabbatee garaa Baharaa gubbaa guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii malee taa’ee Makka gahuu dandahe.
Biyyaa fii Biyyaa alatti baratee Ulamaa’ii hanga ammaa Towhiidaan biyya teenya Ibsaa jiran barsiisee biraa Akhiiraa gale Rabbi Rahmata haa godhuuf.
Sheekh Aadam Tuulaa Sheekkootii akkanaa tanarraa barate. Sheekh Ahmad Basiiraa Inni haafiza hadiisa Rasuulaa s.a.w kan Ijaan hin agarre ture. Sheekh Ahmad Basiiraa barnoota barachuuf Hararghee ka’ee Jimmaa Abbaa Jifaar hoggaa dhaqu Saahiba Isaatu harka qabee Isaan deemaa
ture. Waahilli Sheekh Ahmad Basiiraa harka qabee karaa itti garsiisaa, Harargeerraa Miilaan deemaa Jimmaa Abbaa Jifaar guyyaa hedduu booda hoggaa gahan, dhukkubsatee ciise. Maaliif Dhukkubsate beeytaa? Sheekh Ahmad Basiiraa Ijaan waan hin Agarreef saahiba Isaa yeroo hedduu duubaa itti gufataa karaa dheeraa deeman, Waahilli Isaa miilli Isaa gama hirphaa gadiitiin dhiiguu fii
Madaawuu jalqabe. Garuu hanga Jimmaa gahanii Obsee deemaanii ture. Jimma hoggaa gahan garuu dhukkubsatee baati oliif ciise jedhan.
Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Barsiistoota akkanaa hedduu irra deemee irraa barate. Hundi Isaanii Ijaazaa/ hayyamaa barsiisuu fii Fatwaa godhuu kennaniifii gaggeeysan.
Sheekh Aadam Tuulaa haala kanaan barsiisuuf gad taa’e. Amata 60 oliif barsiisaati jiruu Isaa dabarse.
BARSIISUU JALQABUU ISAA
Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Harargee Bahaa Aanaa Dirree Xayyaaraa, Aradaa Suqul keessatti waan amata 30 oliif deemee barate barsiisuuf Majlisa barnootaa/Yuniivarsiitii Islaamaa tan Majlisa Sheekh Aadam Tuulaatiin beekkamtu gad dhaabe. Sheekharraa baratuuf Ilmii namaa Hararghee, Jimmaa, IluuAbbaa Booraa, Arsii, Baalee, Wallaggaa fii Kafaa irraa lakkoofsa hedduun dhufuu jalqabe.
Sheekni Salaata Subhii booda barsiisuu jalqaba. Hanga Asrii barnoonni adda addaa itti fufa. Nyaataa fii dhugaati wanni je’amu jidduu tana hin jiru. Salaataa fii barsiisuu qofa. Hadiisaa, Fiqhii, Towhiida, Tafsiira Gosti barnootaa hedduutu baratama. Baratoonni Isaanii 1500 hanga 2000 amata guutuu ji’a Ramadaanaa malee ni baratan.
Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Ulamaa’ii akka Isaa hedduutu Isarratti barate. Inni beekaa Hadiisaati. Umrii nama tokkoo waan tahuu amata 60 ol barsiisummaan itti fufanii jiran.
Sheekkootii Isa biratti baratan keessaa Haafiza Hadiisaatii fii barsiisaa Ulamaa’ootaa Sheekh Ahmad Watar, Sheekh Usmaan, Sheekh Aliyyi Fallaanaa, Sheekh Muhammad Zabuur fii Ulamaa’oonni biroo hedduudha.
Sheekkootiin yeroo ammaa majlisa barsiisaa jiran tan Isaan bira hin dabrin waa xiqqoodha. Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa arrallee hin dadhabne, hin hifanne barsiisuu, gorsuu, Haqa dubbachuu, Aqiidaa Salafaa Qulqulluu facaasuu, warra bid’aa ragaan saaxiluu itti fufee jira.
Sheekhni Amata dheeraaf waan barsiisaa jiruuf Abbaa barsiisee, Ilmoo barsiisee, Ilmoo Ilmoo barsiise jira. Suni akkamitti tahe yoo jette? Kunoo
dubbiin akkana, Sheekha bira darsaan tokko gaafa Inni dura barsiisuuf gad taa’e, Isaa dardaraa bira dhufee baratee Sheekni barsiisuuf hayyameefii biraa deeme. Inni Sheekha tahe kuni Ilmoo dhalee Sheekh Adam Tuulaa biratti erge, Inni kunis baratee biraa bahe, Ilmoo Isaa itti erge, amma kan sadeeysoo kuni Majlisa sheekhaatti barataa jira.
Amata sagaltama dabran jedhama umriin Isaanii garuu akka nama amata 19tti Halkanii guyyaa barsiisuu fii ifiif dubbisuun dabarsan.
Waan Amantii Islaamaa faalleeysu, Jallinoota adda addaa karaa bareedaa Quraanaa fii Hadiisaatiin Ummataaf ni ibsan.
Sheekni Darasaa qofa osoo hin taane warra biyyaa guutuu Abbaa fii Ilmaanis walumaan sagantaa barnootaa godheefii barsiisaa jira.
Kana hunda wajjiin kitaaballee qopheeysee jira. Gariin Afaan Oromootiin, gariin ammo Afaan Arabaatiin qopheeyfamee jira Maxxanfamuu baatus.
Sheekh Aadam Tuulaa Zamana mootummaa dabree keessa akka biyyaa bahuuf dhibbaan adda addaa itti godhamtee turte, Garuu didee Obsaan ummata barsiisuu filate.
Mootummaan Dargii ummata barsiisuu Sheekhaa waan jibbeef amata lamaaf Hararitti badii malee hidhee miidhaa qaamaa hedduu irraan gahee jira. Sheekni san hunda booda hoggaa bahan akkuma nama imaltuu deemee dhufee tokkotti barsiisurra gad taa’aan.
Sheekni Sheekkootaa Tuminsa dur tumamerraa kan ka’e godaanisa guddaa Milarraa qaban, Miilli yeroo garii tumaa sanirraa Isaan dhukkuba.
Rabbiin irraa haa jaalatu Sheekha
Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa.
-----
Maddi: Aqiidaa Ulamaa'ii teenyaa fuula: 68-72
Qophii Urjii Ahmad: bara 2014
19/10/2022
Bara Shanan dabre qofa keessatti beektota biyyaan deemaa turan namoota bakka bu’aa hin qabne meeqatama dhabneerraa yaadadha!!!
Isaan guyyaa isaaniitu teenyaan deeman nuuf ammoo mallattoo qiyaamaati
Yaa beekaa Yaa wallaalaa yeroon amma keessa jirru tun dur daran yeroo ulagaa isaa eeggatanii duaayii jabeeffatan keessa jirra
Namuu waan isaaf laafeen toltuu dalaguudhaan Rabbiin biraa araarama haabarbaaddannun jedha.
Isinhoo akkam jettan?
18/10/2022
INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI'UUN
Hangafni ulamootaa,sheekni sheekkotaa,leenjisaa Ustaazotaa, Sheikh Aadam Tuulaa ( Ahmad) guyyaa har'aa addunyarraa godaananuun dhagahame.
Sheikh Ahmad Tuulaa waggaa 70 ilmii barsiisuun kan turan yoo tahu, Halqaa isaanii irraa ulamootaa fi Daa'iiwwan kumaatama ta'an bahaniiru.
Sheikh Aadam Tuulaa galaana beekumsaa,barsiisa aqiidaa salafaa,manguddoo biyyaa,gaachana ummataa,goota ija barbadaa,Muftii Itiyoophiyaa ta'anii osoo tajaajilan, guyyaa har'aa mana isaaniitti,umrii isaanii waggaa 110 jalatti addunyaa dhumtuu tanarraa gama aakiraa godaananii jiru.
Har'a tuulaa beekumsaa dhabne,gaddaan qalbii cabne,mana kitaabaa guddaa dhabne,gaaddisa darasootaatu nurraa mulqame.
Yaa RABBI sitti hafne.
Yaa RABBI aalima jiruu ofii guutuu siif kenne,Rahmata,Jannata kee kenniif.
15/10/2022
🆕Bahaliyake New Dirama Afaan Oromo | 13/10/2022...Watch the video by clicking
This link👉 https://youtu.be/pWC7_L1zdLc
15/10/2022
SAMMUU KEENYA MAALTU MIIDHA?
👉 shiishaa , tanboo fi sigaaraa xuuxuu.
👉alkoolii dhuguu.
👉boqonnaa ykn haaragalfii dhabuu.
👉dhiphina sammuu cimaa.
👉faalama qilleensaa.
👉ciree/faxara nyaachuu dhabuu.
👉humna ol nyaachuu.
👉 nyaata sukkaara baayyatan baayyinaan nyaachuu.
👉bishaan gahaa dhuguu dhabuu.
👉 hirriba gahaa rafuu dhabuu. Namni fayyaa tokko guyyaatti sa'aa 6-8 rafuu qaba.
👉 yeroo rafnu huccuun fuula keenya haguuggannee rafuu. Kuni sammuun keenya akka kaarboondaayosaayidiin akka miidhamu godha.
👉osoo dhukkubsannuu, waan sammuun yaaduu gaafatu dalaguu.
👉fayyummaa sammuu keenyaa haa eeggannu.
Galatoomaa !!
Waliif share godha.
https://t.me/DrmohammedIbrahim