Boriphan
Hin dagatiin tasumaa
Hin amaniin kamumaa
Jabummaa keef si jibbuu
Qoqqoodanii si bituu !!
09/02/2025
Yoo waraana jabaa tokko mo'uu barbaadde dursitee wa'ee waraanichaa beekuu qabda.
kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko.
13/05/2023
Sirba miti; Kitaaba seenaati!
Sirbi "Duraanuu" jedhu kun sirba qofa miti. Ergaa dhalootaati. Dhaamsa ogeessaati. Gaabbii isa kaleessaa himee, furmaata waaraas ifoomsa. Rakkoo, madda rakkoo fi falasaa kaa'a. Maddi rakkoo waldhaba keenyaa fi miidhagina keenya ta'uu taajjaba. Sirba kana bo'oo walaloo mara tokko tokkoon lakkaa'ee isinitti himuu caala, taateewwan vedio kana keessatti mul'atan kanin addatti dinqisiifadhen isinitti himuu barbaada.
1.Sariitii - Vedio'n sirba kanaa akkuma jalqabeen galma bareedaa tokko keessa utubaa isaatti baala 'Sariitii' jedhamutu marga jiidhaa waliin mudhii utubichaatti hidhamee jira. Baalli kun baala milkiiti. Yeroo jifuu fi jila garaa garaa itti dhimma bahama. Gaafata, jaaricha, yeroo ayyaanni abbaa (Nabii) fi wadaajni garaa garaa kabajamu itti fayyadamu.
2.Marga jiidhaa fi Baala jiidhaa - Akkuma vedio sirba kanaarraa hubatamu, marga jiidhaan utubaatti hidhamee jira. Kana malees margi jiidhaan kun guutummaa lafaa fi teessoo galmichaa mara haguugee mul'ata. Kunis waa mul'isa. Oromoon lafa goggogaa fi muka goggoggaa irra taa'ee hin eebbifatu. Waaqa hin kadhatu. Araara hin gaafatu. Caffeen yoo jiidha ta'e qofa teessumaan/hudduun lafa ga'ee waaqa kadhata/eebbifata. Yoo dacheen jiidha ta'uu baate garuu, jiidha/caffee yookan qeexemaa lafa afee itti fayyadama. Oromoo biratti gogni hooda. Abaarsa!
Inni biraan immoo baala jiidhaatu galmicha keessa afamee jira. Oromoon yeroo jila qabu, marga qofa osoo hin taane, muka milkii irraa qabuttis dhimma baha. Akka bara ammaa kana osoo sandallii (urgooftuun) garaa garaa hin dhufiin galma urgeessuuf baala uumamaa foolii gaarii kennutti dhimmi bahama ture. Kunis kanuma yaadachiisa.
4.Galma bal'aa fi Mana Citaa - Vedio sirbichaa irraa akka hubatamutti Galaanaan bakkeewwan murteessoo saditti hojjeteera. Mana citaa, galmaa fi bosona (bakka qeerransa, sardiidaa fi naachi) itti mul'atan sanaadha. Kunneen sadeenuu hiikoo mataa isaanii qabu. Isa keessaa galmi immoo hiikoo guddaa qaba. Galmicha keessa, Mana citaa, galmaa fi bosona (bakka qeerransa, sardiidaa fi naachi) itti mul'atan sanaadha. Kunneen sadeenuu hiikoo mataa isaanii qabu. Isa keessaa galmi immoo hiikoo guddaa qaba. Galmicha keessa, maanguddoota, hayyoota, aayyolii fi qeerroowwantu mul'ata ture. Galmi akkanaa kun galma guddaadha. Bakka walitti qabamiinsa Oromooti. Bakka yayyabni shanan itti walga'aniidha. Teessoo araaraati. Qe'ee mareeti. Araddaa falooti. Galaanaanis kana nutti mul'iseera. Oromoof iddoon falaa kana qofa ta'uu afaan aartiin himeera.
Mana citaan kunimmoo mana Oromoota hedduu mul'isa. Manni kun bareedinni isaa hagas mara nama hin hawwatu. Manicha keessa namoonni takka sirbaa, takkammoo yeroo walitti asaasan (dudubbatan) agarra. Kun nama hubateef ergaa guddaa qaba. Qe'een Oromoo maraa har'a kana mana citaa fi warra manicha keessaa walitti sirban, takkammoo walitti dheekkaman sana fakkatti. Booddeerra jarri manicha keessaa bahanii yeroo galma araaraa keessatti mul'atan agarra. Jara keessaa namicha isa uffata gaddaa uffatu sana qalbiitti qabadhaa!
5.Qeerransa, Yeeyyii/Saree diidaa, Naacha fi Gugee - Kutaa Vedio kana keessaa iddoon kun bakka murteessaa fi ergaa guddaa qabudha. Galaanaan eeboosaa qabatee Qeerransaa fi Yeeyyii gidduu taa'ee dugda Naachaa irra ejjetee yeroo sirbu agarra ture. Asitti gaaffii tokko kaasuun dirqama. "Galaanaan dugda Naachaarra ejjatee maaf sirba? Akkamiin obsee taa'e?" nama jechisiisa.
Deebii - Galaanaan guyyaa eeggachuuf sirbaa ture malee, naachi akka isa ciniinu beeka. Akka suufamaa jirus beeka. Asitti qalbiin hubachuu feesisa. Galaanaan yoo naacha kana dafee waraane, tarii naachi du'uu didee yoo Galaanaatti garagale namni Galaanaaf qaqqabu hin turre. Booddeerra garuu, erga araarri bu'ee gareen eeboo fi muka eeboo baatee yaa'u tokko ta'een booda, Galaanaan yeroo Naacha mataa waraanu agarra. Egaa amma nama isaaf qaqqabutu jira. Kun ergaa jabaa qaba. Tokkoomanii yookan humnoomanii diina waraanu malee kopha kophaa deeman nyaatamuun akka jiru akeekkachiiseera.
18/03/2023
Koottu Jaldun si geessaa
Biyya Alamuu Qixxeessaa
Dinnichan siif bilcheessaa
Fooliisaa sitti urgeessaa
Biyya Mul'ataa Fayisoo
Leenca Fayisoon guddise
Isa kophaa seenee
Dargii Jalduu buqqise
Mormaan Jala seenee
Shurrubbaa kee leensaa
Fudhadheen siin deema
Karaa Cillimoof Gaalessaa
Achiin Gindo buuna
Kaachamalleen kaachaa
Yoomis Beelaan duuna
Nyaata aadaa nyaachaa
Deemsaaf garaa murree
Jabeeffannee mogolee
Koluu qaxxaamurree
Gadi buuna Osolee
Cobii gamas geenya
Biyya Xiyyitiin qorsaa
Waliin gadi teenya
Waa xiqqoon si gorsaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the school
Telephone
Website
Address
Addis Ababa