Fedhii fi filannoo ummataan ala beekkamtii tokko malee dirqiin teessoo qabattanii hawaasa fuuldura ta'a waan hin jirre hawaasarratti hin murteessinaa.
Holetaptc realinfo
HPC is the most popular college and offering quality education for all.
Gatii aannanii ji'aan
Kan duraa 0.5 l = 375 birr
Kan ammaa 0.5 l = 720 birr
Kan koreen qoratee dhiyeesse 0.5 l = 480 birr
Wallaalaa beekkamee fi Beekaa cal'isetu
Kolleejjii keenya rakkisaa jira!
26/09/2022
Baga ayyaana masqalaa geessan. Masqala mooti ayyaanaa eenyutu wallaala jedhuu mitiiree.
Ayyaana nagaa!!
Photo credit: EBC
Peejii kana like, follow fi odeeffannoo jiru nuuf qooduun nu gargaara.
Koolleejjii PTH Utubaa biyyaa akka ta'uuf ni hojjanna!!
20/09/2022
Irra deebiin kan maxxanfame.
Hawaasni deebii isin irraa eegaa jira.
1. Laaptoopii Instractor Tsagayee mana jireenya kootii fudhatame jechaa ture eenyu akka fudhate fi eessa akka jiru ifa godhaa.
2. Waggaa 4 dura meeshaalee dhumataa baasna jettanii meeshaalee fayyaa kanneen akka lookaroota fayyaa konkolaata jala dhaabdani feetanii baastan kanaafis hawasni shakki isinirraa qaba ibsa godhaafi.
3. TV 'n guddichi mana bashananaa keessatti yeroo dheeraaf tajaajilaa ture ijji keessan otoo arguu gurri keessan otoo dhagahuu cal' istanii achi buute isaa dhabne. Kanas eenyu akka fudhatee adda nuuf baasa.
4. Dhiyeenyuma kana tiraaktara haarawa irraa shaaftiin tilmaamaan hanga Q. 80,000_100,000 bituu danda'u mooraa keessatti hiikkamee dhabame, ni cal'ifame. Maaliif ibsa barbaanna.
5. Dinaamoon konkolaatarraa hiikkame achi buuteen dhabame. Eessa jira? Tarkaanfii maal fudhattan?
6. Laaptooppota 8 tokkoon isaa hanga Q. 60,000 tiin haarawa jettanii gatii qaaliin bichisiistan keessa 4 ogeessi qoratee moofaadha gaafa isiniin jedhu itti gaafatamumma eenyuufu otoo hin laatin, namoota gocha malaamaltummaa kana raawwatan seeratti otoo hin himatin ustan. Maaf???
7. Yeroo dhihoo "SMART CLASS" dha koompitarri 4 halkan tokkotti dhabamsiifame. Maaf cal'istan? Yoom barbaaddanii barbaachisistan?
Walumaa gala Qaamni kolleejjii bulchaa jirra jettu meeshaalee armaan olitti eerame kanaa fi kanneen biroo asi keessa dhabamsiifaman atantamaan gabaasa dhiyessuu qabdu. Itti gaafatamummaan jiraachuu qaba. Kana ta'uu baannaan adeemsoleen sadarkaa sadarkaan jirtanii fi qaamni manajmentii kollejjii kanaa "share" hattoota wajjiin qabdu jennee amanna. Qabeenyi mootummaa fi hawaasaa tajaajila sirriitiif oolu qaba. Waajjirri kominikeeshiinii magaalichaa fi midiyaaleenis waan kana quba qabaadha.
Rakkooleen kolleejjii keenya keessatti mul'ataa turanii fi ammas muldhachaa jiran hundi maaf furmaata dhaban??
Hub: Baajata kollejjiif ramadame kan bara 2015 Telegrama group Instractor ykn gabatee beeksisaa irra ilaala
Kutaa adeemsa qophii karooraa fi odeeffannootiif
Gabaasa raawwii hojii bara 2014 fi karoora hojii 2015 maaf hin dhiyeessitan?
15/07/2022
Waan hojjattaniif dhiistan walaaltanii hin dhama'ina. MGO guyyaa 1 galmaa'aa xummuraa jechuun maal jechuudha?
"Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina" jedha Oromoon.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the school
Website
Address
Addis Ababa
NOZIPCODE