Oromiyaa A Page

Oromiyaa A Page

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromiyaa A Page, College & University, Ejaji, Addis Ababa.

29/03/2024

Afrikaa Kibbaatti konkolaataan tokko riqicha meetira 50 ol dheeraturraa kufee mucaa waggaa saddet tokkorraa kan hafe namoonni keessa turan 45 lubbuun darbuun himaame.

Daa'imni waggaa saddetii miidhaan cimaan irra gahee lubbuun oolte ammoo wallaansaaf gara hospitaalaa geeffamteette wallaasarra kan jirtu ta'uun ibsameera.

Nama haa oolchuu waqqayyoo

25/02/2024

Photos from Oromiyaa A Page's post 16/02/2024

Raajii Masarat Taayyee Adaamaa galan. Simannaa hoo'aanis raawwatameefii jira.

✍️Namni Waaqayyoo Raajii Masarat saganta kiruuseedii guddaa magaalaa Adaamaa Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti qophaa'e irratti tajaajiluuf magaalattii seenaniiru. Yeroo seensa isaanii kanattis, hawaasni bal'aan yaa'ee seensa magaalattiitii hanga dirree tajaajilaa sanatti sirna galateeffannaa fi waaqeffannaa ho'aadhaan isaaniif tajaajiltoota isaan faana jiran simataniiru.

✍️ Raajii Masaratis, saagalee raajummaa Iya. 1:13, ""Dubbii Museen garbichi Waaqayyoo isin abboome yaadadhaa! Waaqayyo gooftaan keessan boqonnaa isiniif in kenna, lafa kanas isiniif in kenna.” jedhu dubbisuudhaan, kadhannaa taasisanii, dachee magaalattiis eebbisuun saganticha saaqaniiru.

Odeeffannoo Kiristaanaa dabalataa argachuuf Liinkii asiin gadii kana tuqaa👇👇
https://user238718.psee.io/5ekwr7
https://user238718.psee.io/5ekwr7

CHRISTIAN MEDIA
Arara Tv World Wide

29/01/2024

Morma nama hundumaarra, gurra lameen gidduutti argama. Mataan! Mataan kun kutaa sammuun ilma namaa keessa jiraatuudha. Sammuun hojii qaba. Ni yaada. Garuu akkuma namni hedduun dhimma hojii hinqabne, sammuun namoota hedduus dhimmee hinhojjetu.

Ijoo dubbii kootti ija kee asi qajeelchi. Akkas siin jechuufan jooraa jira. Sammuun namoota baay’ee soorama baheera. Hojiirra hinjiru. “Yaadii dadhabbi malee yaaduu hindadhabin” jedhu warri adii. Garuu keenya dubbiin lachuu dadhabuu taate. Waan yaadnus waan hojjennus hinqabnu. Duwwaatu bifa addunyaa nutti fakkaata.

Yaaduun ofiif qofa miti. Dhaloonni ati keessa jirtu sirraa kan hafe dhaala biraa hinqabu. Jiraachuun kee yoo namoota biroo hinfayyadne dhibuun kee maal nama miidha? Ciminni yaadaa baay’ina nyaataan hindhufu. Sammuun yaadni isaa huqate immoo namaaf gadduu tasumaa hinbeeku. Kanaaf yaaduu jalqabuuf yaaduu jalqabi. Ofii kan si gahu waan argatteef qofa milkaa’e hinse’in. Akkas goonaan xiqqoo yaaduu ni dandeessa. Kanaaf milkoofteetta. Garuu yaadni kee yoo gahoome milkaa’inni kee namaaf gaha.

Gaafa yaadaan bilchaattu bakka isaanii buutee namootaaf yaaduu barta. Kun dandeettii nama muraasaati. Namoonni danuun ija ittiin nama ilaalan malee, ija ittiin namaaf hubatan hinqaban. Kanaaf gocha sababa isaa hinbeeknetti murtoo laachuuf murxuxxifamu. Yaaduun cimaa waan ta’eef, namoonni baay’een namatti murteessuuf cimoodha. “Thinking is difficult, that’s why most people judge” CARL JUNG!

Jireenyi rafanii ka’uu, deebi’anii rafuu miti. Uffataafi guyyaa jijjiiruun ulfaatadha jedhee hinyaadu. Ati jijjiiramtes jijjiiramuu baattus yeroon deemuu hindhiisu. Uffatta jijjiiruunis tasumaa sin jijjiiru. Namatu uffata jijjiira malee uffati nama jijjiiree hinbeeku. Jijjiiramuu yoo feete yaada kee jijjiiri. Hir’iba yaadaa keessa jirtu keessaa dammaqi. Muki iyyuu ni guddataa guddadhu!

Maaliif akka jiraattu beektaa? Yoo beekte ofitti himi! Kaayyoo jireenyaa qabda moo kaayyoon kee jiraachuu qofa? Sammuu kee hojjechiisaa jirtaa? Mataan kee alaa

28/01/2024

WAAMICHA DEEGGARSAA...
===
Luba Fayyisaa Tolasaa jedhamu. Waggoottaan 40 darbaniif hojii Wangeelaa, hojii Mootummaa Waaqayyoo babal'isuu keessatti of kennanii Magaalaa Ijaajjii fi naannoo isaattis bal'inaan hojjachaa turan. Tajaajila waggaa hamma kanaa keessatti gatii guddaa baasaniiru, miidhaa fi dhiibbaa baay'ee jala darbaniiru. Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa, Sinoodoosii GidduGaleessa Gibee keessattis, akkasumas sadarkaa sabakaa Ijaajjii fi naannoo isaattis hojii gaggeessummaa sadarkaa garagaraatiin tajaajilaa turaniiru. Barumsaa fi muuxannoo tajaajilsaanii ka'umsa godhachuudhaan kitaaba Mata Dureen isaa "Gaaffii Waldaa Kiristaanaa Irratti Ka'uu fi Deebii Isaa" jedhuun barreessanii maxxansiisaniiru. Kitaaba kan biraa maxxansiisuudhaaf qophiirra turan. Karaa miidiyaas carraa Waaqayyo isaaniif kennetti fayyadamanii karaa TV MO'AA, akkasumas karaa Raadiyoo Sagalee Misiraachoo ergaa Wangeelaa dhiyeessaa turan.
Haala kanaafi kkfn tajaajilaa osoo jiranuu bara 2015tti tasuma dhibee 'Stroke' jedhamuun qabamanii ciisan. Dhukkubni kun baay'ee itti cimee, qaamasaanii guutuu sochii dhoowwe, harkii fi miillisaanii qabamee socho'uu dide. Dhukkuba kanarraa fayyuudhaaf ji'oottaan baay'eedhaaf hospitaalatti deddeebi'anii yaalamaa tura. Ammayyuu Magaalaa Finfinneetti deddeebi'uudhaan yaalamaa jiru. Maatiinsaanii waan harkaa qabu mana yaalaatti fixatan, firoottaanii fi amantootni Ijaajjiis hamma danda'an deeggarsa godhaniiru. Akkuma suuraa irratti argitan kana harkii fi miillisaanii hojjachuu didee rakkina guddaa keessa jiru, dhukkubni kun garmalee miidhee, qabeenyas harkaa fixatanii osoo hin jaalattin haala humnaa oli ta'een deeggarsa keenya barbaadu. Biyya keessaa fi biyya alaa kan jiraattan, waan qabdaniin deeggarsa akka isaaniif gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna.

Deeggarsa gochuudhaaf lakkoofsa akkaawuntii baankii asii gadii kana fayyadamaa:

Feyisa Tolessa (Rev.)
CBE 1000065421511
Oromia Bank 1331898800002
Coop. Bank of Oromia 2204833

05/12/2023

Garee kofin Team JCP CHURCH

Photos from Oromiyaa A Page's post 01/12/2023

Yugaandaattii dubartiin umurii 70 lakkuu deessee.

Dubartiin Maqaan ishee Safiinaa Namukwaayaa jedhamtuu umurii ishee 70ttii lakkuu da'uu ishee dhaabbatni fayyaa biyyattii beeksise.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Ejaji
Addis Ababa
1510