26/04/2023
Durii jaarsii Mucaa isaa maqaa "Bara beekhuu" baase jedhani. Bara tokko barii Booranatti ammaatee jennaan Booranii mucaan khaani yaamee waan bara nutti himi jedheen jedhani. jennaa waan dubbatu walaalee boohaa itti dhaabate. jenaan adoo deemuu buutii bahee.Jennaan buutiin ma boohaa deemta jettee gaafatte.Jennaan waan bohuuf itti hime.jennaan buutiin tanaa jettee hin boohinii beenii barii jedhii, duubaa Boranii Loon sii khennaa gaafasi horii sun na dhowwati jette jedhani. jennaan akkasuma Loon kennaniif duuba inni loon kaan buutii dhowwate.
Jennaan marroo lammeessoo akkuma khaani waan baraa gaafatani aguma didu dede..Boorani ya nu didee jinfeessa jennaan lubaahee ollaa buutii khaan dhufee wa gaafatee jedhani.Buutii akkuma khaan mala dhoofteef horii khana na dhowatini jetteen edhani.Ee jedhe inni jennaan beeni galii barii jedhi jetteen.jennaan buutii taan waraanaan hadhe.
Mucaan khaan akkuma khaanii amallee Booranii wan bara gaafate.Jennaan waan tahu walaalee kha sodaatu warra buutii dhufe. jennaan buutii beenii barii (quufaa) jedhi jetteen. Jennaan buutii yaamee sangaa itti qalee,akka jedhe jedhani
Ta dabartee ya araarfannee,ardha sangaa doolaa sii qalee sii khennee jedhee gaafaa jedhani.
jennaan buutii siiniti baratti naa khennee jette jedhani.Jennaan namichii ardhaa akkami barii sii khenne jedhee gaafate
jennaa buutiin gaafaa bara dhiphuuf na dhowatte
gaafaa baratti waraanaaf waraanaan na haatee
gaafaa baratti quufaaf naa qaltee jette jedhani.
Duuba wannii hedduun waan barii dhufuu kha bubbisee dabraatti.bara dubruu jettanii waan hin dabare waliin hin jedhinii isan ardhaa borillee jaala soddaa fi Onaa-ollaa
yo haasaan khun sitti tole dhamsa khana sharee tolchi.