HUSEÑ

HUSEÑ

Share

How are you

17/05/2024
12/04/2022

WW

Photos from OBN Afaan Oromoo's post 16/02/2022
05/07/2021

baay'een waan tokko hojjechuuf yaalanii wayita dadhaban "Jireenyumatu akkana waanuma ta'uu malutu ta'e ana carruma kootu kana" jedhanii abdii kutachuun duubatti deebi'u. Ati Abdii kutannaa waan jedhamu Kanaaf bakka hin qabaatin fuulduratti malee duubatti hin deemin gufachuun waanuma jiru waan ta'eef hin rifati

Qabaadhu!!!
https://t.me/joinchat/VN_ccHy2Fj50kaT_

https://www.facebook.com/DUJABEWAGA/

05/07/2021

Of To'achuu
Of to'achuun haadha injifannoo hundaati. Injifannoon firii of to'annoon. Of to'achuun akka fireenii makiinaati. Kallattii dogoggoraa irraa akka hin deemne yookiin immoo makiinoota yookiin meeshaalee kan biroo wajjin akka walitti hin buuneef eega. Akkuma makiinaan oofan makiinaa kan biroo wajjin walitti hin buuneef fireeniidhaan of eeggannoo godhan dhalli namaas galma isaa ga'uuf of to'achuu qaba. Namni tapha kubbaa irratti goolii galchuu danda'u nama kubbaa isa geesseef mataa isaa to'achuu danda'uudha. Namni of hin to'anne waanuma arge battaluma nyaata, fayyaa isaa rakkina keessa buusuu danda'a. Haaluma wal fakkaatun namni arraba yookiin afaan isaa hin adabannes hariroo hiriyoota isaa wajjin qabu balleessa. Daa'imni of to'achuu dadhabee guyyaa guutuu taphachaa oolus barnoota isaa irratti qabxii gaarii hin argatu. Waanti gurguddaan halkan tokkotti hin uumamu. Mukti yeroo ija itti harcaafatu qaba. Har'uma dhaabamee mukti har'uma ija kennu hin jiru. Kana qonnaan bultoota irraa baruu ni dandessa. Of to'annaan afuura jabeessa. Dheekkamsas ni hambisa. Si'a tokko tokko of to'achuu waanti jedhamu kun hadhaa'uu ni danda'a. Haa ta'u immoo malee firiin isaa mi'aawaa ta'uu yoo qabatte/ yaadatte bu'aa isaa eeguun sitti hin ulfaatu. Bu'aan hojii tokkoo hanga mul'atutti yeroo kan fudhatu ta'uun beekamaadha.
Haadhoon hindaaqqoo(Lukkuu) buphaa (killee) akka hammattu gootee obsaan eeguudhaan wicoo argatta malee wicoo argachuuf jettee buphicha hin cabsitu. Daa'imatti iyyuun daa'ima adabuu miti. Guddinni dhawaata(adeemsaan) dhufa malee akka soomayyoo(kichuu) shonboqqoo keessisaa duwwaadhaa halkan tokkotti dhundhuma tokkoofi lama hin dheeratu. Warra suuta, garuu imala isaanii addaan hin kutnetu dorgommicha injifata.

Namni of to'achuu danda'u addunyaa bita.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

DEMBI DEDESA
Addis Ababa