12/08/2026
Adeemsi Baruu Barsiisuu Sagantaa Daa'imman Carraa Barnoota Bu'uura Boruu Hin Argannee Daawwatame.
----------
BBO - Hagayya 05/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Dhaabbatni Deeggarsaa UNICEF waliin ta'uun daa'imman carraa barnootaa idileefi Bu'uura Boruu otuu hin argatin umriin isaanii waggaa 6 - 8 jiran sagantaa addaa qopheessun, Ganna /2018 barsiisuun bara 2019 kutaa 1ffaa dhaqqabsiisuuf barsiifamaa jiran Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Ada'aatti Manneen Barnootaa argaman daawwatamaniiru.
Adeemsa baruu barsiisuufi gahumsa daa'imman irratti argaman daree barnootaa galuun kan daawwatan hogganaa BBO Dr. Tolaa Bariisoo, hoggantoota Itti Aantota BBO, hogganaa Waajjira Barnootaa Godinichaa obbo Girmaa Lammaafi hogganaa bulchiinsa Aanaafi hoggansi barnootaa aanichaa ta'uun daawwataniiru.
Sagantaan daa'imman carraa barnoota idilee hin argatin gahomsuufi kutaa 1ffaaf dhaqqabsiisuu kun Godinaalee 10 keessatti aanaalee 19 keessatti manneen barnootaa 342 keessatti daa'imman kuma 12 ol ta'an kan barachaa jiran yoo ta'u, sagantaa haaraa da'imman umriin isaanii barnootaaf gahan hunduu manneen barnootaa ala akka hin taane deeggarsa olaanaa kan taasisaa jiru dhaabbata miti mootummaa UNICEF yoo ta'u, dhaabbatichis ji'a tokkoon dura barsiisota muuxannoo qabaniifi sagantaa kana barsiisan 380 ol leenjisuun kan hojiitti galche ta'uun ni beekama.
Barsiisotni sagantaa kana barsiisaa jiran kunniin sagantaa barnoota saffisaa barsiisaa kan turan yoo ta'u, jijjiiramni daa'imman har'a daawwataman irratti mul'ate bu'a qabeessa ta'ee argameera.
Manneen barnootaa daawwataman keessatti lafa qonnaa manneen barnootaa nyaatan of da'uuf qotatani kan daawwataman yoo ta'u, mooraa manneen barnootaa keessattis biqiltuu dhaabuun ashaaraa kaawwataniiru.
Dhumarratti, Daawwannaan booda yaada walii galaa kan kennan Dr. Tolaa Bariisoo, qaamota sagantaa kana si'ahinaan gaggeessaa jiran dhaabbata UNICEF fi BBOtti Daayirektara Daayirektoreetii Sagantaa Barnoota Al Idilee obbo Tashoomaa kan galateeffatan yoo ta'u, yaadamni haaraan daa'imman kutaa 1ffaa dhaqqabsiisuuf gaggeeffamaa jiru kun ciminaan akka itti fufu, bara barnootaa 2019 keessa daa'imni tokkollee mana barnootaa ala akka hin hafne gochuuf dhaabbilee miti mootummaa barnootarratti hojjataa jiran dabalachuun, daa'imman hafan sakattaa'un gara sagantaa dhaqqabsiisa kutaa 1ffaa kana hanga Onkololeessa/2019tti qindoominaan hojjatamu irratti kallattii kennaniiru.
Waldaa Barsiisotaa Naannoo Oromiyaa