10/06/2025
Ibsa Gaddaa!
Waxabajjii 02 /2017
Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, Giddu gala Giddugaleessaa, Wiirtuu Amantii Waaqeffannaa Finfinneefi Naannawaa Finfinnee, Konyaa Amantii Waaqeffannaa Sooddoo Daaccii, Aanaa Sooddoo Daacciitti kan argamu Koreelee Amantii Waaqeffannaa Galma Malkaa Fincaa'aa Waxabajjii 01/10/2017 guyyaa naannoo sa’aa saddeeti (08:00) humna nageenyaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Haqaaqii irraa dhufaniin osoo Galma irraa bahaa jiranii too'atamuun namni ja’a (6) Ganda Laangannoo iddoo addaa "Mogoroo" jedhamutti bakka tokkotti jimlaan ajjeefamaniiru. Maqaan namoota ajjeeffamaniitis:
1. Gurmeessaa Tashoomaa Hundee
2. Hundeessaa Naanneessaa
3. Dagaagaa Jiidhaa Baatii
4. Lammeessaa Maaruu Gojolii
5. Bashaadaa Adii Miidhaksaa
6. Kumaa Nagoo Jaamboo
Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa gadda itti dhaga'ame ibsaa; maatiifi miseensota isaatiif jajjabina hawwa! Qaamni dhimmi kun ilaallatu taatee kana qulqulleessuun mirga heerri mootummaa amantii tokkoof kennu akka nuu kabajamuufi qaamni yakka kana raawwate seeran akka gaafatamu gaafachaa, dhimmi kun gama dhaabbataatin qoratamaa kan jiru yoo ta’u, miseensonni Dhaabbata Hordooftoota Amantii Waaqeffannaa bakka jirtanitti obsaafi tasgabbiin akka nu eegdan jenna! Ayyaantummaan isaanii dhalootaf haa hafu!
Youtube: https://youtube.com/?si=hwFZ9N37DRRQ-Vzm
Telegram: https://t.me/waaqeffannaa_religion_fa
X (twitter): https://x.com/DhaabbataW?t=oMGm0ZQbsMMKBkrOemCFvg&s=09
14/01/2025
Fuula gammachuu wal dhabaan dhabne, wal argachuun deeffanne.
21/03/2024
Shawaa Kibbaa Lixaa, Aanaa Tolee
Bitootessa 21/2024 ykn 11/2016
Aanaa Tolee Bulchiinsa Magaalaa Baantuu keessatti dhiibbaan jibba Amantii bu'uura godhate irra deddeebiin nurratti raawwachaa jira.
Gaafa guyyaa 10/07/2016 halkan sa'aa 1:30 irratti Meeshaa waraanatu jira jedhuun Galma Amantii Waaqeffannaa Hora Baantuu seenuun Galmaa fi waajjira konyaa sakatta'uun erga qulqulleeffatanii homaa dhabanii booda koreelee maqaan isaanii:-
1.Mul'saa Tashoomaa Gaggeessaa Kutaa Faayinaansii Konyaa Tolee
2.Oliiqaa Mul'ataa Barreessaa Kutaa Barnootaa Galma Hora Baantuu
3.Nagaasaa Kabbadaa I/A/ barreessaa Kutaa Barnoota Galma Hora Baantuu Qorannee deebisna jechuun osoo hin hiikamin Kaampii Waraanatti hidhamanii jiru.
Sakata'iinsi kuni ji'a darbes guyyuma wal fakkaataa poolisii Aanaatiin gaggeeffamee ture Galmi qulqulluu ta'uu mirkaneeffatanii odeeffannoo dogoggoratu nu dhaqqabe jechuun wal hubannoon uumamee ture.
Haata'uuti haala baratamaa hin taanee Galma Amantii ta'uu osoo beekanuu miseensa keenya yaaddessuun hammaatee jira.
Aanuma kana ganda Wasarbii migiriddii keessatti Galma argamu Galma Hora Laliseetii koree Galmaa nama Leellisaa Hawwaas jedhamu barreessaa kutaa Odiitii fi too'annoo kan ta'e gaafa 03/07/2016 qabuun reebicha irratti gaggeessuun hanga ammaatti Osoo hin gadhiifamin jira.
Galmi kuni sagantaa akka hin gaggeeffanneef irra deddeebiin galmi akeekkachiifamaa fi miidhaan qaamafi xiinsammuu koreelee keenyarra gahaa waan jiruuf warra Amantii ta'uu Aanaa Tolee tiif haaraa waan hin taaneef akka mirgi Amantii keenya gaggeeffachuufi guddifachuu nuuf kabajamu isin gaafanna.
26/07/2023
Boora jiruukootii yaadanuura
Halkan waarii taa'een laala suuraa
Suurrikee afaan baasee naandubbatu
Gubaa jaalalakee naanhubatu😍
Utuun si yaadu aduun.......
Abbaan
Biyyaa
Oromoodha
09/02/2023
Fayyisaa fi Guutuu
Hiriyoota Dhugaa yaaddamtan.
07/02/2023
Ciqilfannee afaan kaayyanna!