Finfinnee

Finfinnee

Share

Jesus is the way of salvation

09/05/2026

Ayyaanaa

Godina wallagga bahaa aanaa giddaa ayyaanaa ganda andoodee dichoo bakka addaa Alii jedhamutti hogganaan Finxaaleyyii Faannoo Amaaraa Atinkut Minaalee jedhamu qaama nageenyaa mootummaatti harka kennatee jira.

Dhumaatii uummata oromoo ganda Andoodee dichoo irratti raawwataa tureef Atinkut Minalee fi obboleessi isaa Chalee Minalee warra adda durummaan qindeessee hojiitti hiikedha.
Kanaafuu Finxaalessa kana irratti qorannoon taasifamee adabbii akka argatu cimsinee gaafanna!

Qacam

09/05/2026
Photos from Finfinnee's post 21/04/2026

Dhaabbanni Immigireeshiniifi lammummaa Itoophiyaa beeksisa nama 524 barbaadu baasera. Eebbifamtoonni bara 2016 as jirtan yaalaa.
1. Bakki galmee waajjira immigration kan Xuqur Ambassaatti argamu.
2. Guyyaan galmee 12/08/2018 irraa eegalee guyyoota 15f.
3. Galmeen qaamaan malee online miti.
4. Degree department hundaan jedha. Caalatti kan na ilaalata jettan ammoo beeksisa bahe sirriitti hordofaa. Field/Department beeksisa irratti baheen ala galmaa'uun hin danda'amu.
5. Afaan addunyaa jechuun English, Chinese, French Spanish ...etc skill isaa yoo qabattan carraa baldhaa qabdu akka jechuuti. (malee dirqama miti.)
6. Dhiirotaaf CGPA 3.0 fi isa ol shammarraniif 2.5 fi isa ol.
Exit exam qabachuun dirqama.
7. CV fi Application letter hin barbaachisu.
8. Document kutaa 8ffaa (Ministry )fi kan Degree Temporary qofa copy fi orginal isaa qabachuu qabdu.
9. National Id qabachuun dirqama.
10. Eebbifamtoota 2016/2024 irraa eegalee

21/04/2026

Kaabineen Magaalichaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Ebla 13, 2018 (FMC) – Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Walga’ii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa har’a taa’een dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Haaluma Kanaan Faayinaansii Bulchiinsa Magaalichaa ammayyeessuuf, itti gaafatamummaafi iftoomina hojimaataa guddisuuf qophaa’erratti mari’achuun raggaasiseera.

Dabalataanis Wixinee danbii misoomni manneenii bal’inaan magaalichatti ijaaramaa jiru raawwii fooyya’aa akka qabaatuuf, riifoormii Korporeeshinii manneenii cimsuuf fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuuf qophaa’e irratti mari’achuun raggaasiseera.

Kana malees gaaffii iddoo babal’ina hojii indaastiriiwwan oomishaalee alaa galan oomishan, Pirojektoonni dargaggootaaf carraa hojii uuman, hoteelonni gaafatan akkasumas gaaffilee bulchiinsa gaarii mariiwwan walitti aanan Bulchiinsa magaalichaafi abbootii dhaabbilee amantaalee waliin taasifaman irratti ka’an deebisuuf yaada murtoo ramaddii lafaa dhiyaate irratti mari’achuun hojiirra akka ooluuf raggaasiseera.

21/04/2026

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Labsii Fooyya'iinsa Nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Raggaasise

Mo'aa: Ebla 21. 2026 Finfinnee

Manni Mareen Bakka Bu'oota Uummataa walgahii idilee 15ffaa har'a gaggeesseen, labsii fooyya'iinsa nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaarratti dhiyaate qoratee raggaasiseera.

Labsii fooyya'iinsaa kun labsii waggoota digdama oliif hojiirra ture bakka kan bu'u yoo ta'u, sodaawwan nageenyaa haaraa damee kana keessatti mul'atanii fi jijjiirama teeknooloojii yaada keessa kan galche ta'uun ibsameera.

Itti Aanaan Dura taa'aa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Mana Marichaa, Doktar Fatiih Mahaadii, Gabaasaa fi yaada murtee Labsichaa Mana Mareef dhiyeessaniiru.

Ibsa isaaniinis, labsiin duraanii waggoota 20 oliif tajaajilaa waan tureef, yeroo ammaa Indastirii Aviyeeshinii keessatti sodaawwan nageenyaa walxaxoo mul'atan ittisuuf dandeettii daangeffame akka qabu hubachiisaniiru.

Labsiiin haaraan kun nageenya damee aviyeeshinii eeguuf faayidaa hedduu akka qabu eeranii, sodaawwan nageenyaa yeroon fidee fi yeroo gara yerootti walxaxaa dhufan ga’umsaan ittisuu kan dandeessisu qaama seeraa cimaa kan uumu ta'uus dubbataniiru.

Hojiin sakatta'iinsaa fi to'annoo nageenya Aviyeeshinii teeknooloojiin deeggaramee, bu'a qabeessa fi amanamaa akka ta'u kan taasisu ta'uu fi hojimaata nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa, Dhaabbata Siviilii Avyeeshinii Addunyaa waliin kan wal simsiisu taasisa jedhaniiru.
Labsichi garee daandii Xiyyaara Itiyoophiyaa (Ethiopian Airlines Group) fi dhaabbilee biraa damee kana keessatti bobba'an, Hawaasa Addunyaatiif tajaajila geejjiba xiyyaaraa nageenyasaa eeggate fi amanamaa ta'e akka kennan haala mijaataa kan uumu ta'uu eeraniiru.

Daandiin Xiyyaaricha Sadarkaa Addunyaatti milkaa'ina agarsiisaa jiruu fi maqaa gaarii biyyattii cimsee itti fufsiisuuf, deeggarsi seeraa yeroon wal simatu barbaachisaa ta'uus itti dabaluun ibsaniiru.

20/04/2026

Marii shakkisiisaa Ameerikaa fi Iraan

Finfinnee, Eebila 12, 2018 (FMC) - Waraana Giddu-galeessa Bahaa dhaabuuf mariin marsaa lammaffaa Ameerikaa fi Iraan Paakistaan keessatti geggeeffama jedhame hanga ammaatti gaggeeffamuu isaa mirkaneessuun hindanda'amne.

Preezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi akka beeksisanitti, Preezidentii Itt-aanaan Jee Dii Vaans jila Ameerikaa dursuun marii kanarratti hirmaachuuf gara Islamaabaaditti imala eegalaniiru.

Haa ta'u malee, gama Iraaniin jilli marii kanarratti hirmaatu hanga ammaatti ifa akka hin ta'inii fi marii kanarratti hirmaachuuf karoorri akka hin jirre gabaasni BBC ni agarsiisa.

Sababni kanaas, Humni Galaanaa Ameerikaa galoo Galaanaa Omaan irratti doonii alaabaa Iraan fannifstte tokko irratti dhukaasa banuun to'annoo jala oolchuu ta'uutu eerame.

Gabaasni CNN akka agarsiisuttis, walii galteen dhukaasa dhaabuu qaamolee lamaan gidduutti godhamee torbanoota lamaaf akka turu himame, Roobii galgala akka xumuramuufi dabalataan dheeressuun akka hin danda'amne Preezidenti Tiraamp ibsaniiru.

Marii marsaa jalqabaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamee bu’aa malee addaan cite keessatti, dhimmi guddaan walii hin galchisne inni tokko sagantaa Niwukileeraa Teehraan akka ta'e himameera.

Pireezidanțiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan biyyi isaanii mootummaa Ameerikaa irratti amantaa akka hin qabne ibsanii, waadaa galan kabajuun marii hiika qabuuf bu’uura ta’uu ibsan.

Mallattooleen amanamoo hin ta’inii fi walitti bu’oon qondaaltota Ameerikaa irraa dhufan ergaa hadhaa’aa dabarsu; Iraanis harka akka kennattu barbaadu jechuu isaanii BBC’n gabaaseera.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Nock
Addis Ababa
FIN