Minister Melka Alemu

Minister Melka Alemu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Minister Melka Alemu, Tutor/Teacher, Addis Ababa.

✍️My vision=preaching Christ Jesus
✍️My Work=Christ's corporation
✍️Yesus= daldala koo guyyuu guyyuuti.!!!
✍️Yesus=karaa + Dhugaa + jireenya kooti
✍️Yesus=waaq_nama(God_man)
✍️Yesus:Taabota kooti,angafa lubootaa kooti,beekamtii kooti,hundumaa kooti.

19/08/2026

Ani kanin hin badneef,Fayyina koos hin dhabneef,innin itti amane kristoos waan hin badneef Fayyina koos hin ganneefi💪

Kago didomi autois zoen aionion, kai ou me apolontai eis ton aiona, kai ouch harpasei tis auta ek tes cheiros mou(Yoh 10...
18/08/2026

Kago didomi autois zoen aionion, kai ou me apolontai eis ton aiona, kai ouch harpasei tis auta ek tes cheiros mou(Yoh 10:28)

 👇🏿Liinkii kanaa gadiitiin seenaatii Barumsa macaafa qulqulluu suuraaf sagalee dhaan baradhaa..👉Gaaffiin hafuuraa obbolo...
18/08/2026

👇🏿

Liinkii kanaa gadiitiin seenaatii Barumsa macaafa qulqulluu suuraaf sagalee dhaan baradhaa..
👉Gaaffiin hafuuraa obboloota baay'ee illee Deebii macaafa qulqulluu quubsaa argataa Jira👇🏿 godhaa

31.6k Followers, 25 Following, 208.3k Likes - Watch awesome short videos created by Minister Melka Alemu

‎ ==========KUTAA 827"FFAA.......................‎🩸​1_Barcuma murtii kristoos/Murtii Beemaa(The Bema Seat of Christ)‎​👉​...
18/08/2026



==========KUTAA 827"FFAA.......................

‎🩸​1_Barcuma murtii kristoos/Murtii Beemaa(The Bema Seat of Christ)
‎​👉​​Hikkaa Jecha Bema;jechi Bema jedhu afaan Giriikii durii βῆμα (bēma) jedhurraa kan dhufe yoo ta'u,hiikni isaa kallattiidhaan "tarkaanfii," "Gaara/ ol-ka'iinsa" ykn "barcuma abbaa murtii" (platform/raised seat) jechuudha.
‎👉Hub:_Aadaa Giriikii fi Roomaa durii keessatti,bakka abbootiin seeraa taa’anii murtoo itti kennan yookaan wal dorgommii fardaa fi kaachoo irratti bakka mo’attootaaf badhaasa itti kennan ture.

‎🩸AMANTOONNI MAALIIF MURTII BARCUMA MURTII KRISTOS(BEEMAATTI) DHIYAATU.
‎​👉​Badhaasaaf/gonfoof/Mindaaf malee Adaba Miti:_Murtiin kun cubbuu amantootaa adabuuf miti(cubbuun amantootaa fannoo irratti kaffalameera). _Murtiin Kun tajaajilaa fi hojii amantoonni Kristoosif jedhanii Fayyina ayyaana waaqayyoo fi amantiidhaan argatan booda Yeroo biyya lafaa gubbaa deddeebi'aa Turan hojjetaniif badhaasa(gonfoo) isaaniif kennuuf kan taasifamu/ geggeeffamudha.rom 14:10,2 qor 5:10.

‎👉​Abiddaan Qoramuu~Abiddaan qoramuun;Hojiin amantootaa abiddaan qorama(ilaalama/madaalama);hojiin gubatu(muka,citaa fi hoffaadha) Kun badhaasa dhabsiisa;hojiin hin gubanne ykn hafu ammoo(warqee,meetii,dhagaa gati jabeessa) Kun immoo gonfoo kennisiisa(fudhachuusa) (1 Qorontos 3:12-15).

‎​👉2:_Murtii Teessoo Adii (Great White Throne Judgment)
‎​ #​Murtiin kun murtii bara dhumaa fi xumura biyya lafaaf sodaachisaa fi isa dhumaa kan qulqullummaa, Qajeelummaa fi haqummaa Waaqayyoo isa Mudaa Hin Qabne(bifa Adiin) calaqqisiisudha.
‎👉​xumura bara Cubbamootaa:~ Namoonni seenaa addunyaa keessatti Waaqayyoon gananii fi yesusitti amanuu dhiisuudhaanis fayyina Kristoos dhaban hundi du'aa ka'uudhaan fuula teessoo kanaa dhaabbatu.
‎​👉​Murtii Qajeelaa:~Haala hojii isaanii isa Cubbuun isaanii irratti galmeeffamee jiruun ni qoratamu.Maqaan isaanii macaafa Jireenyaa keessatti waan hin argamneef,guutumaan guutuutti gara kuufama Abiddaa barabaraatti darbatamu (Mul'ata 20:15).

‎Murtii dhumaa fi barabaraa kan cubbamoota warra "unresurrected (cubbamoota fayyina hin arganne) hunda irratti geggeeffamudha.Murtiin kun Mul'ata Yohannis 20:11-15 irratti kan ibsame yoo ta'u,seenaa lafa kanaa irratti seera maleessummaa fi cubbuu irratti kan xumura itti godhuuf kan qulqullummaa fi haqummaa Waaqayyoo guutummaan guutuutti mul'isudha.

‎🩸1. Yeroo fi Bakka Murtichaa
‎👉Yeroo:~Murtiin kun kan raawwatamu Mootummaa kristoos Waggaa 1000 (Millennial Kingdom) booda,akkasumas lolli inni dhumaa kan Seexanaa(Goog fi Maagoog) keessatti barbadeeffamee;Seexanni gara galaana Abiddaatti erga darbatamee booda ta'u dha.
‎👉Bakka:~Murtiin kun lafa ykn samii ammaa irratti osoo hin taane,bakka hafuuraa murtaa'e wayii keessatti ta'a; sababni isaas "lafti fi samii murtii kana dura fuula Isaa duraa ni baqatu,bakkis isaaniif hin argamu" (Mul'ata 20:11).
‎🩸​Murtii Abbaa Seeraa:~Abbaan murtii teessoo adii kana irra taa'u Yesuus Kristoos dha (Yohannis 5:22, "Abbaan murtii hunda Ilmaaf kenne").

‎🩸2. Namoonni Fuula Murtii Kanaa Dhaabbatan
‎​ 👉Murtiin kun amantoota (Amantoota Kakuu Moofaa fi Waldaa kristaanaa Kakuu Haaraa) guutummaan guutuutti kan ilaallatu miti.Amantoonni Kakuu moofaa fi Waldaan kristaanaa amantoonni Kakuu Haaraa Rakkina waggaa 7 dura olbutamanii;murtii Beemaa (Bema Seat of Christ / Murtii Badhaasaa - 2 Qor 5:10) keessa darbaniiru.

‎​👉​Teessoo Adii kana dura kan dhaabbatan:~
‎✓​Cubbamoota du'aa(Unsaved Dead):~ dhala namaa bara Addaamii jalqabee lakkaa'amuu eegale guutuu keessatti (Addaam irraa hamma dhuma bara waggaa 1000tti) namoota osoo hin fayyin,Waaqayyoon(yesus kristoos) gananii du'an hunda.
‎​👉​Du'aa Ka'uu Lammaffaa (Second Resurrection):~Namoonni kun du'aa ka'uu isa lammaffaan (du'aa ka'uu adabaa/murtii) dhaan ka'anii qaama adabaa wajjin fuula Waaqayyoo dura dhaabbatu (Yohannis 5:28-29).

‎🩸​3. Kitaabota Banaman fi Seera Murtichaa
‎​ #​Murtiin kun ragaa guutuu fi qajeelaa irratti hundaa'a.Yeroo kana kitaabota lamatu banama:~

‎👉1))​Kitaabota Hojii (Books of Works):_
‎​Kitaabonni kunniin seenaa,yaada,dubbii, fi hojii cubbamoota sanas waan hundumaa galmeessanii qabu.
‎​✓​Murtiin isaaniis sadarkaa cubbuu fi hojii isaanii irratti hundaa'ee murtiidhaaf kan dhiyaatanidha (Luqaas 12:47-48).

‎👉{2))​Kitaaba Jireenyaa (Book of Life):~
‎​Kitaabni kun maqaa namoota Kristoositti amananii fayyina argatanii kan qabudha.
‎​👉​Maqaan namoota fuula murtii kanaa dhaabbatanii Kitaaba Jireenyaa keessatti hin argamu.Kunis akka ragaa isa dhumaatti itti raggaasifama.

‎🩸​4. Xumuraa fi Bu'aa Murtichaa
‎👉​Du'a Lammaffaa (The Second Death):~ Namni maqaan isaa Kitaaba Jireenyaa keessatti hin argamne hundi gara galaana Abiddaa (Lake of Fire) keessatti darbama. Kunis "Du'a Lammaffaa" jedhama (Mul'ata 20:14-15).

‎👉Adabamaa ​Barabaraa ta'uu:~Galaanni Abiddaa bakka Seexanniif ergamoonni seexanaa,Kristoos sobaa fi Raajichi Sobduu duraan itti darbataman ta'ee, cubbamoonni hundinuus bakka barabaraaf Lubbuun isaanii keessatti dhiphifamaa seeraa fi dheekamsa Waaqayyoo jala jiraataa hafanidha.

‎🩸Hub:_​Qulqullummaa Barabaraa:~ Barbadaa'uu cubbuu,seexanaaf du'aa booda,laftii fi samiin haaraa uumamuudhaan barri barabaraa (Eternity) Waaqayyoo fi amantoota gidduutti jalqaba (Mul'ata 21).

‎HAALLEELUUYYAA(10¹⁰)🥰
‎​
‎GARAAGARUMMAA MURTIIWWAN GUDDAA LAMAANII
‎​1. Barcuma Murtii Kiristoos (Bema Seat)

‎​"Nuyi hundi keenya barcuma murtii Kiristoos dura dhaabbachuuf jirra..." (2 Qor. 5:10)


‎​Eenyuuf: Warra amantoota Fayyan /Waldaa Kiristoos) qofaaf.

‎​Yoom:Erga Waldaan kristaanaa ol butamtee(Rapture) booda,samii irratti.

‎​Abbaa Murtii: Yesus Kiristoos (Yoh. 5:22).

‎​Kaayyoo: Badhaasa (Gonfoo) Hojii gaarii Fayyina booda hojjetameef kan kennamudha,malee adaba murtii kuufama abiddaa miti.

‎​Bu'aa: Gonfoo (Crowns)/badhaasa warra hojii gaarii qabaniif kennamuu fi warra kaaniif Ammoo hin kennamnedha(1 Qor. 3:12-15, 2 Tim. 4:8).

‎​Gosa murtii: murtii hojii amantootaati(Badhaasaati),malee firdii cubbuu miti (cubbuun qulqullaa'eera).

‎​2. Firdii Teessoo Adii Guddaa (Great White Throne)

‎​"Achiis teessoo adii guddaa fi isa isa irra taa'e sanaan arge..." (Mul. 20:11)

‎​Eenyuuf: Warra hin amaniin(cubbamoota Kakuu fi Haaraa;warra fooniin du'ani)
‎​Yoom: Mootummaa kristoos Waggoota Kumaa(Millennium) Booda,Waaqaa fi lafti Inni Moofaan erga darbanii badanii booda.

‎​Abbaa Murtii: Waaqayyo/yesus Kiristoos teessoo ulfinaa Isa teessoo adii guddaa jedhamu irra taa'uun.

‎​Kaayyoo: Cubbuu fi mormitoota Waaqayyoo, cubbamoota hundumaa irratti murtii dhuma baraaf lafaa irratti dabarsuuf.

‎​Bu'aa: Kuufama abiddaa (Galaana Abiddaa/Hell/lake of fire) keessatti darbachuuf/ bara baraaf adabuuf(Mul. 20:14-15).

‎​Gosa Firdii: Firdii yakkaa fi cubbuu warra hin amaniinii.

‎Prepared by Minister Melka Alemu

‎Galatoomaa 🙏🏿

‎Follow godhaa

17/08/2026

telegram channel kanattis makamaa fayyada... 🙏🥰

‎ "FFAA.‎‎‎===========KUTAA 826"FFAA...................‎‎‎ 'UU(1_40)‎Qoodamni Seera Ba'uu (Exodus) boqonnaa 1 hanga 40 a...
17/08/2026

‎ "FFAA.



‎===========KUTAA 826"FFAA...................



‎ 'UU(1_40)
‎Qoodamni Seera Ba'uu (Exodus) boqonnaa 1 hanga 40 akkuma barumsa tiyooloojii macaafa qulqulluu irratti hundaa'uudhaan bakka gurguddaa saddeetitti (8) Barumsa keenya kana keessatti seera ba'uu kana mata duree "furii fi Waaqeffannaa" (Redemption and Worship) jedhuun ibsuu dandeenya.


‎​Qoodamsa kunis akka gadiitti gadi fageenyaan dhiyaateera:
‎👉​1"ffaa:_Garbummaa Israa'elotaa fi Hojii Waaqayyoo (Boqonnaa 1:1 – 2:25)
‎🩸​Gidiraa fi Gabrummaa: Saba Israa'el Gibxii keessatti baay'achuu isaaniitiin kan ka'e, Fari'oon haaraan Yoosefiin hin beekne sun Saba Israa'el garba isaan taasisuu fi ilmaan dhiiraa ajjeesuuf murteessuu isaatiin dura dhaabbachuu isaa.
‎🩸 Dhalachuuf ooluu Musee: Museen dhalachuu Isaaf bishaan abbayaa keessaa oolfamuu, masaraa Fari'oon keessatti guddachuu fi gara Miidiyamitti baqachuu isaa kutaa haammatudha.
‎🩸​Kadhannaa Sabaa: Waaqayyo iyya saba isaa dhaga'uu Isaaf kakuu Abrahaam,Yisihaaq fi Yaa'iqob waliin gale sana yaadachuu isaa.

‎👉​2"ffaa:_Waamichaa fi Ergamuu Musee (Boqonnaa 3:1 – 4:31)
‎🩸Huuxxii Boba'u:_Waaqayyo Gaara Horeeb (Siinaa) irratti huuxxii boba'u keessatti Museetti mul'ate.
‎​🩸​Maqaa Waaqayyoo:_Maqaan Waaqayyoo "Ani Isa jiraataa kanin Ta'e" (I AM THAT I AM) jedhamu Museetti beeksifame.
‎🩸​Mormii Musee fi Mallattoo waaqayyoo: Museen dadhabina isaa ibsatus, Waaqayyo mallattoolee (ulee bofatti jijjiiramu,harka lamxi'ameen) fi Aaron gargaarsaaf siif kenneera.

‎👉​3. Falmii Musee Fari'oon Walii fi Dha'ichaawwan waaqayyoo 10"n(Boqonnaa 5:1 – 11:10)
‎🩸​Gaaffii Jalqabaa:_ Musee fi Aaron, "Sabni koo akka na waaqeffatuuf gad lakkisi" jedha waaqayyo jedhanii Fara'oonitti dubbatani, Fari'oon garuu ba'aa isaanii dachaa godhee Saba Israa'el irratti dabale.
‎🩸 Kadhannaa Museen Saba israa'eliif waaqayyo kadhate.
‎🩸Deebii Waaqayyoo
‎🩸Hidda dhaloota Museef Aaron
‎🩸Waan Gibxitti dhufu dubbachuu waaqayyoo fi mallattoo mootii Fari'oon duratti argisiifame.(Ba'u 7:1_13)
‎🩸​Dha'ichawwan 10'n Gibxii:_Waaqayyo waaqa tolfamaa Gibxii irratti olaantummaa isaa argisiisuuf dha'icha 10'n waaqayyo Mootii Fari'oon fi Biyya Gibxii irratti erge.(Ba'u 7:14_11"ffaatti)
‎🩸​Gara jabina Fari'oon:~Fari'oon yeroo baay'ee sammuu/garàa jabaachuun saba sana gad lakkisuu diduu isaa.

‎👉​4. Ayyaana Faasikaa fi Ba'insa Gibxi keessaa ba'uu Israa'elotaa(Boqonnaa 12:1 – 15:21)
‎🩸​Hoolaa Faasikaa:~Dha'icha waaqayyoo fi Du'a angafaa Gibxii irraa ooluuf,dhiigni hoolaa seeraan qalamu balbala irratti dibamuu isaa.Kun fakkiif gaaddidduudhaan Kakuu Haaraa keessatti Yesuus Kristoos bakka bu'a.
‎🩸​Galaana Diimaa Ce'uu:~Waaqayyo Galaana Diimaa addaan qooduun saba isaa ceesise;Fari'ooniif loltoota isaa garuu galaana diimaa keessatti dhidhimse.
‎🩸​Faarffannaa Mo'ichaa:_Musee fi Miriyaam mo'icha Waaqayyoo galateeffachuun faaruu faarfatan.

‎👉5. Deemsa utubaa Duumessaa fi Ibiddaan Godhamee fi Soorata Lafa Onaa (Boqonnaa 15:22 – 18:27)
‎🩸​Rakkinaa fi Guungummii:~Sabni Israa'el bishaan hadhaa'aa(Maaraa) fi beelaaf guungumuu isaanii ibsa.
‎🩸​Mannaa fi Bishaan Dhagaa Keessaa:~ Waaqayyo garaa laafinaan samii irraa Mannaa,dhagaa Rephidim keessaa ammoo bishaan burqisiisuufii isaa.
‎🩸​Lola/Waraana Amaaleeq:~ Israa'eloonni gargaarsa kadhannaa Museef gaggeessa waaqayyootiin Amaleqoota mo'achuu isaanii.
‎🩸Gorsa Yetroo tiin gorsitoonni/maanguddoonni Saba Israa'eliif murtii kennan muudamuu isaanii(ba'u 19:13_27)

‎👉​6. Seera fi Kakuu Gaara Siinaa (Boqonnaa 19:1 – 24:18)
‎​🩸​Kakuu Sinaa:~ Saba Qulqulluu fi Lubootaa waaqayyoo akka ta'aniif kakuun isaaniif galamuu isaa.
‎​🩸​Abboommii 10'n (Ten Commandments): Boqonnaa 20 keessatti seera naamusaa fi bu'uuraa Waaqayyo saba isaatiif kennuu isaa
‎🩸​Seerota Hawaasummaa fi Amanamummaa:~ Boqonnaa 21-23 keessatti seerota jireenya guyyaa guyyaa fi ayyaanota gurguddoo ibsu.
‎🩸Kakuun dhiigaan mirkanaa'uu isaa (Boqonnaa 24).

‎👉​7. Karoora Qulqulluu Dhaaba Dunkaana Waaqeffannaa (Boqonnaa 25:1 – 31:18)
‎🩸 Godoo/Dunkaana Qulqullaa'aa (Tabernacle):~ Karoora fi argamuu Dunkaana Waaqayyoo,Saanduqa Kakuu, Minjaala Buddeenaa,gabatee aarsaa,baattuu ibsaa fi Ijaarsa Waaqeffannaa.
‎🩸​Tajaajila Lubummaa fi Uffata Qulqulluu:~Tajaajila Aaron fi ilmaan isaa, uffata lubummaa,Qomee akka gaachanaa,urimiim fi Tumim fi dibata qulqulluu. Hiikkaan dunkaanaa kun fakkii guutummaa Kiristoos fi waldaa kristaanaati.

‎👉​8_Cubbuu fakkeenya jabbii warqee, Saanduqa Kakuu waaqayyoo;Gabatoota dhagaa lamaan; Dunkaana qulqullaa'aa fi Ulfina Dunkaanicha keessa Guute(32:1 – 40:38)
‎​🩸​ Cubbuu Fakkii Warqee jabbii:~Museen gaara irratti utuu jiruu, sabi sun Harooniin waliin ta'uun sa'a warqee tolfachuun waaqeffatan. Museen gabatee seeraa caccabse.
‎🩸​Araara fi Haaromsa Kakuu:~ Kadhannaa Museetiin Waaqayyo dhiifama godhee seera Gabatoota dhagaa haaraa kenneef.
‎🩸​Ijaarsa Dunkaanaa fi Ulfina Waaqayyoo:~Dunkaanni tokkoon tokkoon isaatiin qophaa'ee erga dhaabbatee booda,Ulfinni Waaqayyoo(Duumessii) dunkaana sana guute;Kunis Waaqayyo sabasaa fiduuf isaan wajjin jiraachuu isaa mirkaneesse.



‎...........itti fufa........


‎👉 Prepared by Minister Melka Alemu
‎👉 Galatoomaa 🙏🏿
‎👉Share; follow godhaa 🫴🏿

 "FFAA===========KUTAA 825"FFAA..............🤝DHOKSAA SEERA BA'UU KEESSAA KUTAA 1‎👉​​1. Amanamummaa kakuu Waaqayyoo (Cov...
16/08/2026

"FFAA

===========KUTAA 825"FFAA..............

🤝DHOKSAA SEERA BA'UU KEESSAA KUTAA 1
‎👉​​1. Amanamummaa kakuu Waaqayyoo (Covenant Faithfulness)
‎​ :_ Sabni Israa'el horuu fi Baay'achuu isaanii(Ba'uu 1:1–7)
‎✓Kunis raawwii Kakuu Waaqayyo Abrahaamiif galee ti (Uumama 12:2, 15:5). Egaa kutaa kanarraa icciitii guddaan nuti barannu,garbummaan duratti illee Waaqayyo raawwii kakuu isaa kakaadhaan argisiisaa akka turedha.
‎🫴​Maatii(Qomoo) Yaaqoob Kudha-lamaa fi dhoksaa hafuuraan kutaa kanaa;Bau 1:1–5 irratti maqaan ilmaan Israa'el warra Yaaqoob wajjin gara Gibxiiti gadi bu'anii ni ibsa (lubbuu 70).lakkoobsi 70 kun seera guutuummaa kan hir'ina hin qabnee fi baay'ina mul'isa.Yaaqoob fi maatiinsaa gara Gibxii kan gadi bu'an qorumsaa fi beela jalaa ooluuf ture;Kunis karaa waaqayyo Saba Israa'eliif kakuu raawwachuuf jedhu argisiisuufidha.

‎🫴​Qabeenya fi Jireenya Hafuuraa (V. 7):~ Lakkoofsa 7 irratti:~“Sanyiin Israa'el warri achitti hafan garuu wal horanii, baay'atanii, gurmuu baay'ifatanii, guddaa jabaatanii biyyicha in guutan.”
‎ — Bau. 1:7
‎jedha.Dhoksaan hafuuraa as keessa jiru kan agarsiisu jireenya Waaqayyoo (Divine Life) isa yeroo sanatti Israa'eloota keessatti baay'achaa turedha.Waaqayyo kaayyoosaa biraan ga'uuf seera uumamaa fi baay'ina keessaan hojjeta.

‎👉​2_Olaantummaa fi Sagantaa Waaqayyoo (Divine Sovereignty & Providence
‎ Haaraa fi Garbummaa Gibxii (Ba'uu 1:8–14)
‎👉​Mootii Yooseef Hin Beekne (V. 8):~ Mootiin haaraan Fara'oon sun Yoosefiin hin beeku ture.
‎👉Mootiin haaraan Yoosef hin beekne kun fakkeenya Seexanaa/Diyaabiloos fi sirna biyya lafaa (Misir dukkanaa) ti. Seexanni galma Yaada Waaqayyoo (God's goal) fi eebba Yoosefiin dhufe dagachuuf/irraanfachisuudhaan amantoota waaqayyoo irratti garbummaa fi dhiphina fiduu isaa ibsa.

‎​🫴​misir/Gibxii (Egypt):-Fakkeenya addunyaa Dukkanaati(the dark world) isa Seexanaan buluuti.(ef 6:12).
‎🫴​Fara'oon:_ Fakkeenya Seexanaa (Daayibiloos) isa namoota Waaqayyoo garboomsuu fi kaayyoof hojiinsaa namoota gufachiisuuf hammeessudha.

‎👉3_Aarsaa baasuu fi Sodaa Fara'oon (V. 9–10):~Fara'oon baay'ina Israa'elootaa sodaate.Seexannis baay'ina fi guddina saba Waaqayyoo ni sodaata; kanaafuu, tooftaadhaan akka isaan hin baay'anne gochuuf socho'a.

‎🫴​Ijaarsa Magaalota Dhagaa (V. 11–14):~
‎“Kanaaf warri Gibxii namoota Israa'el hojii jabaadhaan gad qabanii, humnaan akka hojjechiisaniif namoota itti godhan; warri Israa'elis mandaroota gombisaa midhaanii Fiitoomii fi Raamsesin Fara'ooniif, innis mootii warra Gibxiif in ijaaran.”
‎ — Bau. 1:11
‎🫴Hiika:_Fiitoomii fi Raamses:~ Magaalota kuusaa Fari'ooniti. Isaan kun fakkeenya humnii fi jireenyi amantoota waaqayyoo sirna Biyya lafaa ijaaruuf dadhabuuf waan gatii hin qabnerratti dhangala'aa oolu kan ibsudha.

‎👉QABXII GURGUDDAA_3
‎✓1"ffaa:_Akkuma Israa'iloonni baay'atan:_ Lubbuun Waaqayyoo (Divine Life) amantoota keessatti yoo baay'atu fi guddachuuf jedhu diinni ni sodaata.

‎✓2"ffaa:_​Ogummaa Biyya Lafaa:_ Seexanni amantoota waaqayyoo biyya lafaa keessatti hidhee hambisuuf ogummaa,beekumsa,qaroomina fi mala garagaraa gurguddaatti ni fayyadama.

‎​✓3"ffaa:_​Waaqayyo irraa fageessuu fi Biyya lafaa wajjin wal jaallachiisuu:_Seexanni amantoonni gara bakka argamsa Waaqayyoo deemanii Waaqayyoof akka hin sagadnee fi tajaajila Waaqayyoo keessa akka hin galleef,biyya lafaa keessatti garbummaa fi hidhaa garagaraa(bondage) keessa isaan kaa'uu barbaada.

‎🫴Bau. 1
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎¹³ Warri Gibxii Israa'elootatti hammaatanii akka garbaatti isaan hojjechiifatan.
‎¹⁴ Suphee isaan kuchisiisuudhaan, xuuphii isaan tolchisiisuudhaan, hojii garaa garaa maasii keessaa hojjechiisuudhaanis hojii isaanitti ulfaachisanii jireenya itti hadheessan; hojii kana hundumaa hojjechiisuudhaan isaanitti in hammaatan.

‎👉Supheen_fakkii uumama moofaati
‎_xuuphiin_fakkeenya hojii namaa/hiikkaa hafuuraan ammoo fedha fooniif kajeellaa biyya lafaati.

‎​👉​Barumsa hafuuraa keessatti,Suphee fi dhagaa dhaabuun humna jireenya namummaa ykn qabeenya foonii (fleshly strength) agarsiisa. Seexanni garbummaa fi dadhabbiitti namoota galchuun Waaqayyoodhaaf akka hin mo'amne taasisuu fi hin tajaajille godhudha.

‎🩸4_Sodaa waaqayyoo(fear of God) fi eebba waaqayyoon sodaachuu keessa jiru.
‎✓Deessistoota dubartoota hibrootaa fi Sodaa Waaqayyoo (Ba'uu 1:15–21)
‎✓“Yommus mootiin Gibxii deessiftuu dubartoota Ibrootaa warra "Siifraa fi Phuwaa" jedhamaniin,”
‎ — Bau. 1:15

‎👉​Tooftaa Fara'oon Isa Cimaa:~ Fara'oon deessistoota hibrootaa (Siifraa fi phuwaa)akka ajajetti:_
‎✓“"Dubartoota warra Ibrootaa yommuu deessiftan, akkuma mucaan dhalateen dhiira ta'ee fi durba taatee ishee ilaalaa! Dhiira yoo ta'e ajjeesaa! Durba yoo taate garuu jireenyatti hambisaa!" jedhe.”
‎ — Bau. 1:16

‎🫴​ Ijoollee Dhiiraa (Male children):~ fakkii Jireenya of danda'uu fi ofiin socho'uuf ga'oome tokkooti.isaanis hojjattoota waaqayyoo warra kaayyoo fi tajaajila Waaqayyoo (the warriors and builders of God's kingdom) lafarratti calaqqisiisanidha.Seexanni yeroo dhiira ajjeesuuf yaalu,loltoota hafuuraa Waaqayyoo miidhuu isaa agarsiisa.
‎✓Karaa biraatiin seexanni kan inni dhiira ajjeesuuf karaa dhufaatii Masihichaatti gufuu ta'uuf dhiira balleessuu barbaada ture.

‎🫴​Ijoollee durbaa(Female children): fakkii jireenya of danda'uu dhiisuu fi hirkattummaati.innis Jireenya laafaa fi fakkeenya jireenya addunyaa (materia/fleshly aspect) isa Seexanni qabachuu fi itti fayyadamuuf saaxilamaa ta'eeti.

‎​✓“Deessiftoonni sun garuu Waaqayyoon waan sodaataniif, akka mootiin Gibxii isaan abboome hin goone; mucooliin dhiiraas akka jiraatan godhan.”
‎ — Bau. 1:17


‎​🫴​Badhaasa Waaqayyoo(V. 20–21): #
‎✓Kun sodaa Waaqayyoo fi amanamummaadhaan mormii Seexanaa dura dhaabbachuun eebba guddaa akka fidu mul'isa.
‎~Waaqayyo deessistoota kanneeniif maatii ijaareef; Sabni Israa'elis garmalee baay'achuu itti fufe. Kunis Waaqayyo kakuu fi amanamummaa Saba Isaa Saba Israa'el dachaa garbummaa fi haala cunqursaa keessatti illee yaadachuu fi raawwachuuf hojiirra jiraachuu isaa kan ibsudha.

‎​🩸5"ffaa:_Karoora Seexanaa Isa Lammaffaa:~ Lagatti Darbachuu (Ba'uu 1:22)
‎✓​“Kana irratti mootichi saba isaa hundumaa abboomee, "Ijoollee dhiiraa warra Ibrootaa hundumaa akka dhalataniin bishaan Abbayyaa keessa buusaa, ijoollee durbaa isaanii immoo jireenyatti hambisaa!" jedhe.”
‎ — Bau. 1:22
‎🫴Ajaja Fara'oon Isa Haaraa:~Yeroo deessistoonni ajajamuu didanii waan mootichi jedhe hojiitti hiikuu dhiisan,Fara'oon ajaja guutuu Saba isaaf kenne; "Dhiira dhalatu hundumaa laga abbayaa(Naayilitti)darbadhaa, dubartoota garuu hambisaa jedhe."

‎👉Hub:~Laga abbayaa (River Nile): Agarsiisa du'a fi badisaa (death and destruction). Seexanni ammas jireenya dhiiraa (loltoota hafuuraa) du'aan balleessuuf yaale.

‎​👉​Kutaa boqonnaa kanaa keessatti gufuu fi cunqursaan Fari'oon kun karoora fayyisuu fi argamsa Waaqayyoo duubatti hin deebisne.Waaqayyo inumaayyuu gara boqonnaa 2"ffaa (dhalachuu musee fi karoora waaqayyoo isa itti fufaa ta'e fi iddoo guddaa qabuutti akka darbe argina.

‎............Isa itti fufnee/achi darbinee waliin ilaalla......


‎prepared by Minister Melka Alemu

‎galatoomaa

‎share follow godhaa 🫴🏿


‎​ (1 QOR 2_3).‎‎‎===========KUTAA 824"FFAA...............‎‎‎​👉Macaafni Qulqulluun akka namoota bakka garagaraatti qoode...
16/08/2026

‎​ (1 QOR 2_3).



‎===========KUTAA 824"FFAA...............



‎​👉Macaafni Qulqulluun akka namoota bakka garagaraatti qoodee barsiisutti bakka sadiitti hiree nu barsiisa:_

‎🩸1_Nama Uumamaa/Isa Hin Amaniin (The Natural Man)
‎✓Anthropnos Psychikos
‎​✓​Nama uumamaa kan jedhamu nama kristoos hin qabne,kan fayyina hin arganne fi ayyaana Waaqayyootiin karaa Hafuura qulqulluudhaan irra deebi'ee lammaffaa hin dhalanneedha.
‎👉​Hafuuratti Du'aa:~Namni kun hafuuraan du'aa dha;jireenya Waaqayyoo Isa waaqarraa (eternal life) hin qabu (Efesoon 2:1).
‎✓Namni kun fedhii uumamaa fi dandeettii sammuu isaatiin qofa geggeeffama.Hafuura Waaqayyoo waan hin qabneef,dhugaa hafuuraa hubachuu hin danda'u.
‎​✓Mul'ata Hafuura Qulqulluu irraa fagaatedha;Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya hin qabu(,Yih 1:19).
‎​👉​Sammuu Dukkanaa'aa:~ Sammuun isaa cubbuudhaan dukkanaa'eera. Wanta Hafuura Waaqayyoo irraa ta'e hubachuu fi fudhachuu hin danda'u;wanti kan waaqayyoo gowwummaa itti fakkaata.
‎👉​Bulchiinsa Foonii:~Cubbuu dhaalaan (Innate Sin) fi fedha foonitiin gaggeeffama.
‎✓“Namni hafuuricha hin argatin, kennaa hafuura Waaqayyoo hin fudhatu; kennaan sun isatti gowwummaa dha. Kennicha gargar baasee shallaguudhaaf iyyuu hafuuricha qabaachuu waan barbaachisuuf, isa hubachuu hin danda'u.”
‎ — 1Qor. 2:14
‎✓Efe 2:1-3, Roomaa 8:7-8

‎​​🩸2_Nama Hafuuraa/ Kristaana bilchaataa(The Spiritual Man)
‎ Pneumatikos
‎👉Namni hafuuraa kristaana waaqayyo irraa lammaffaa dhalatee fayyina argatee fi jireenyi isaa guutummaatti Hafuura Qulqulluudhaan bitamuudha.Namni kun kristaana ga'eessa((mature Christian) jedhama.
‎👉​Guutummaatti Hafuura Qulqulluun kan guutamedha (Filled with the Spirit):~ Hafuurri Qulqulluun keessa isaa jiraachuu qofa osoo hin taane,jireenya isaa guutuu to'ata,qajeelcha,humnas kennaaf (Efesoon 5:18).
‎👉​Hubannoo Hafuuraa:~Dhugaa gadi fageenya Waaqayyoo hubachuu fi dhoksaa isaa gargar baasee beekuu danda'a(1 Qorontos 2:15).
‎✓Nama amane kan guutummaatti Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamu fi guutamu dha.
‎✓​Wanta hafuuraa hundumaa qora,garuu namni foonii isa qoruu hin danda'u.Jireenyi isaa ija hafuuraan kan guutame dha
‎👉​Ija Hafuuraa godhachuu:~jireenya isaarraa ija Hafuuraa armaan gadiiti irraa mul'ata .
‎Gal. 5
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎²² Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,
‎²³ garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.
‎👉​Kristoosiif kristoosiin Abshaala:~Sammuu Kristoos(Mind of Christ) waan qabuuf akka Kristositti yaada, murteessas.filp 2:5
‎✓1Qor. 2
‎¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
‎¹⁵ Namni hafuuraa waan hundumaa shallaga, isa garuu namni tokko iyyuu hin shallagu.
‎¹⁶ Caaffanni qulqullaa'aan,"Eenyutu yaada gooftichaa beeka? Eenyutus isa gorsuu danda'a?" jedha.
‎✓Gala 5:22-23 (Ija Hafuuraa), Ibr 5:14

‎🩸3"ffaa:_Nama Foonii/Kristaana Ijoollee/daa'ima hafuuraa (The Carnal Man)
‎✓Anthropnos Sarkikos
‎​ _Namni foonii ykn daa'imni Hafuuraa ykn kristaanni ijoollee kan waaqayyo irraa dhalateef dhugaatti fayyina argatedha; ta'us garuu;jireenyi isaa garuu Hafuura Qulqulluudhaan osoo hin taane fooniin (self/flesh) kan gaggeeffamudha.
‎👉​Anummaa fi ofiif dursa bakka kennuu_Battala fayyina argate irraa kaasee Kristoos giddu galeessa jireenya isaa ta'us,Kristoos namummaa isaa irraa gadi buusee;foon ykn Ofiisaa(Self/Ego) isaa teessoo jireenya isaa irra kaa'ata.
‎👉​Kristaana Ijoollummaa (Baby Christian):_Qorontos 3:1-3 irratti akkuma ibsame, barumsa jabaa (nyaata jabaa) nyaachuu hin danda'u; aannan (barumsa bu'uuraa/laafaa) qofa dhuga ykn nyaata.
‎👉​Mudaa Jireenyaa:_Dogoggorriif dadhabbiin baay'ee jireenya isaa keessatti ni mul'ata.Amala nama uumamaa(isa hin amaniin jiruu) calaqqisiisa.
‎👉​Keessa isaaniitti dadhabbii foonii, falmii,gargar ba'insa fi fedhii fooniitu calaqqisa.
‎👉​Haala Hafuuraa isaa:_ Teessoon jireenya isaa ammas fedha mataa isaatiin gaggeeffama,garuu fayyinni isaa Kristoos keessatti ni eegama.1 pex 1:3_5.
‎👉​Waraana Keessoo:~Foonii fi Hafuurri Isa keessatti wal waraanu (Galatiyaa 5:17).
‎✓1 Qor. 3:1-4
‎​🫴 Kristaana ijoollee jechuun;​Nama amane kan fayyina qabu garuu jireenya fooniitiin geggeeffamu dha.
‎🫴​Akkuma daa'ima hafuuraa ti;barumsa gadi fagoo(aannaniin alaa) fudhachuu hin danda'u.
‎👉Dadhabina daa'ima hafuuraa:~Wal-qoqqooduu amantoota daa'imman hafuuraa, mormiif morkii isaanii fi hinaaffaan foonii jireenya isaanii keessatti mul'ata.
‎✓1 Qor 3:15, Ibr 5:12-13.

‎.... itti aanu....Fayyinaa fi Hafuurummaa ...waliin ilaalla.....


‎prepared by Minister Melka Alemu

‎Galatoomaa

‎share follow godhaa


‎​

‎ "FFAA‎‎==========KUTAA 823"FFAA.......................KAAYYOO BARREEFFAMUU SEERA BA'UU 🤝1. Mul'ataa fi Beekumsa Waaqay...
15/08/2026

‎ "FFAA


‎==========KUTAA 823"FFAA.......................

KAAYYOO BARREEFFAMUU SEERA BA'UU
🤝1. Mul'ataa fi Beekumsa Waaqayyoo ibsuuf(The Revelation and Knowledge of God)
‎​_ kaayyoon inni guddaan Waaqayyo eenyummaa isaa sabaf mul'isuudha.

‎🫴​Aangoo fi Olaantummaa (Sovereignty):_ Waaqayyo Fara'oon fi Waaqolii Gibxii irratti aangoo guutuu akka qabu argisiisuuf (Ba'u 9:16).
‎🫴​Maqaa fi Eenyummaa Isaa (God's Name and Character):_ Maqaa isaa "“Waaqayyo deebisee Museedhaan, "Ani 'Isa jiraataa dha,' ati immoo saba Israa'eliin, 'Inni jiraataan isinitti na ergeera' in jetta.”
‎ — Bau. 3:14
‎jedhuun araara,arjummaa,dhugummaa, fi qulqullina isaa mul'isuu (Ba'uu 34:6-7).

‎👉​2. Kakuu fi Amanamummaa Waaqayyoo mul'isuuf (God's Covenant Faithfullness)
‎​✓Macaafni seera Ba'uu dhugaafi kakuu waaqayyo Israa'eliif gale akka hin irraanfanne fi hin jijjiirre ta'uu isaa kutaa ibsudha.
‎​✓​Waaqayyo kakuu Abrahaam,Yisiyaaq fi Yaaqoob gale yaadatee saba Israa'el garbummaa Gibxii keessaa baase.

‎​🤝​Kakuu Tulluu Siinaa (Sinaitic Covenant) irratti seera Isra'eliif kennuun, Waaqayyo saba kakuu isaa akka ta'an mirkaneesse.

‎👉​3. Fayyinaa fi Furii argisiisuuf(Redemption and Deliverance)
‎​_ (fayyinni/furiin) qabxii ijoodha.
‎_Bau 12:13
‎🫴​Furiin/ Redemption:~Waaqayyo saba isaa aangoo fi humna isaatiin garbummaa keessaa baasuu isaa.
‎✓​Ayyaana faasikaa (Passover): Dhiigni hoolaa michichilaaf buusaa irratti dibamuun isaa fayyina kennuu isaa—kunis barumsa tiyooloojii Kiristoos keessatti (Christology) gaaddidduu dhiiga Yesuus Kakuu Haaraa keessattii ta'uun isaa mul'isa.

‎👉​4. Seera fi Qulqullummaa Waaqayyoo Barsiisuuf (The Law and Holiness)
‎​✓​1"ffaa:_Seera Naamusaa(abboommii 10,n) Ba’u 20:1-17:_Saba Waaqayyoo akka isaan jireenya qulqullummaan Waaqayyo dura jiraataniif.
‎✓2"ffaa:_Seera hawaasummaa(civil law)Ba’u 21:1-23
‎✓3"ffaa:_Seera Waaqeffannaa(seera sirnaa)/ceremonial _Ba’u 34:40, Mat 5:7,Rome 10:4

‎🫴​Barbaachisummaa seeraa:~Seerri nama tokko cubbuu isaa akka hubatuu fi fayyina Waaqayyoo akka barbaadu gochuuf ta'uu isaa.

‎👉​5. Dunkaana ykn Godoo qulqulla'aa fi Argama Waaqayyoo mul'isuuf (Tabernacle and God's Presence)
‎​✓1"ffàa:_Dunkaanni Qulqulluun (Tabernacle) kaayyoo guddaa qaba;​_Waaqayyo Saba Isaa gidduu Jiraachuu isaa;Waaqayyo qulqulluu ta'us,sabni cubbamoonni dhiiga aarsaa karaa dunkaana qulqulluu kanaan gara isaatti dhihaachuu akka danda'an agarsiisuu.
‎👉​Kunis fuulduratti Waaqayyo hafuura isaatiin amantoota keessa jiraachuu fi Yesuus Kiristoos nama ta'ee gidduu keenya jiraachuu isaa (Yohaannis 1:14) gaaddiddeessa.
‎✓Bau 25:8,bau 40:34

‎......itti fufa......


‎prepared by Minister Melka Alemu

‎share follow godhaa

‎galatoomaa🤝

13/08/2026

Peejiinkoo Kun na jalaa rukutameera;Mee maxxansa Koo 822 keessa seenaatii 1,1 share naaf godhaa🫴

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Minister Melka Alemu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Minister Melka Alemu:

Shortcuts

Share

Category