Madda Odeeffannoo fi Beekumsaa

Madda Odeeffannoo fi Beekumsaa

Share

Maddi odeeffannoo fi beekumsaa iddoo ykn karaa itti ragaaleen, yaadoonni fi dandeettonni haaraan argaman dha.

Maddoonni kunniin qabiyyee fi amala isaanii irratti hundaa’uun bakka sadiitti qoodamu:

25/12/2025

Nama jechuun maal jechuudha? (What does it mean to be a human/person?)

Nama jechuun hiikkaa bal'aa fi gadi fageenya qabudha, kan qabxiiwwan garaagaraa uumama keenyaa ibsu. Garagalcha gadi fageenya qabuun yoo ilaalle, nama jechuun:

1. Uumama Saayinsii fi Lubbuu qabeessummaa (Biological & Living Being):
• Nama jechuun lubbu-qabeessa saayinsiidhaan 'Homo sapiens' jedhamuudha.
• Dabareen lamaan kan deemu (bipedal), harka meeshaa ittiin hojjetu qabu, akkasumas sammuu guddaa fi walxaxaa qabuudha.
• Dandeettii ofiisaa guddifachuu, wal-hormaataa fi jireenya itti fufuuf qabu.

2. Dandeettii Sammuu fi Beekumsaa (Cognitive & Intellectual Capacity):
• Dandeettii yaaduu fi xiinxaluu (reasoning): Mirgoota waan tokkoo hubachuu fi murtii kennuu.
• Beekumsa horachuu fi dabarsuu: Barachuu, muuxannoo irraa hubachuu, akkasumas beekumsa gara dhaloota dhufuutti dabarsuu.
• Dandeettii uumuu (creativity): Yaadota haaraa fi wantoota hin turre kalaquu.
• Afaan qabaachuu fi ittiin wal qunnamuu: Yaadota, miiraa fi odeeffannoo afaan tokkoon walitti dabarsuu.
• Of beekuu fi ofitti amanuu (self-awareness): Jiraachuu ofii, yaada ofii fi miira ofii hubachuu.

3. Hawaasummaa, Miiraa fi Aadaa (Social, Emotional & Cultural Being):
• Lubbu qabeessa hawaasummaa qabu: Nama wajjin jiraachuu, wal-qunnamtii uumuu, maatii fi hawaasa keessa jiraachuu barbaada.
• Miira garaagaraa qabaachuu: Jaalala, jibbaa, gammachuu, gaddaa, sodaa fi kkf.
• Aadaa, duudhaa fi seenaa ofii uumuu fi dabarsuu: Qabiinsa aadaa, safuu, sirnaa fi seenaa namoota baay'ee walitti qabu.
• Seeraa fi naamusa (ethics and morality) uumuu: Waan gaarii fi hamaa addaan baasuu, akkasumas seera jireenya hawaasummaa bulchu diriirfachuu.

4. Kaayyoo fi Hiika Jireenyaa (Purpose & Meaning of Life):
• Dandeettii kaayyoo jireenyaa, hiika jireenyaa fi amantii ofiisaa barbaaduu.
• Waa'ee du'aa fi jireenya boodaa irratti yaaduu.

Walumaa galatti, nama jechuun uumama walxaxaa, dandeettiiwwan gurguddoo kan akka yaa

Photos from Everyday Knowledge's post 13/06/2023
01/05/2023

Maqaawwan WAAQAYYOO "EL" fi "Yaahiwwee"


Maqoota "EL"- wajjin kan walitti qabsiifaman
Eloohiim – “Hundumaa kan danda'u; Waaqayyo Uumaa” jechuu dha (Uum. 2:4).
El-Eliyoon – “Waaqayyo Uumaa” jechuu dha (Uma 1:1, 14:20).
El-Shaadaayi – “Gooftaa hundumaa danda'u” jechuu dha (Uma 17:1).
El-Olaam – “Gooftaa bara baraa” jechuu dha (Iziraa 2:33).
El-Gliboor – “Waaqayyo humna qabeessa” jechuu dha (Isa 9:6).
El-Ro’ii – “Waaqayyo Kan Ilaalu; Isa argu” jechuu dha (Seera Uumamaa 16:13).
Maqoota "YAAHIWWEE" wajjin walitti qabsiifaman
Yaahweh – “Waaqayyo Gooftaadha, Waaqayyoo barabaraan jiraatu.” Yookaan “Ani Ana,” jechuun Waaqayya bara baraan kan kophaa isaa jiraatu dha (Seera Ba’uu 3:13, 14). Jechootni “Yaahiwwee” Wajjin walitti qabsiifamanii waa’ee waaqayyoo ibsa nuuf kennan kunis:
Yaahiwee Yiri'ee; “Waaqayyo ni arga/ ni qopheessa” jechuu dha. (Uma 22:14).
Yaahiwee Roofii – “Waaqayyo fayyisaa dha” jechuu dha (Uma. 15:26).
Yaahiwee nisii - "Waaqayyo faajjii koo ti" jechuu dha (Bau 17:15).
Yahiwee Kana – “Waaqayyoo Waaqa Ulfinasaaf hinaafu” jechuu dha (Ba’uu 20:5, 34:14).
Yaahiwee Shaaloom – “Nagaa kan Waaqayyoo ti yookiis Waaqayyo nagaa keenya” jechuu dha (AboF 6:24).
Yaahiwee Ra'aahi – “Waaqayyo kan eegu; Waaqayyo tiksee koo ti” jechuu dha (Far. 23:1).
Yaahiwee Tsidqinuu – “Waaqayyo qajeellummaa keenya” jechuu dha (Erm 23:6).
Yaahiwee Shamaa'aahi – “Waaqayyo Isa jiru fi Isa jiraatu” jechuu dha (His 48:35).
Yaahiwee Tsabaa'ot – “Gooftaa maccaa jechuu” dha (Erm. 28:2. ISam 1:3)
Yaahiwee miiqaadashi – “Waaqayyo qulquleessaa keenya” jechuu dha (Uma. 31:13).
Adoonaay – “Gooftaa” jechuu dha – Kitaaba Seera Uumamaa qofa keessatti si’a 434 maqaa dha’ameera (Fkn. Ba’uu 4:13, 5:22, 15:17).

28/04/2023


Faayidaa yeroo ilaalchisee waan tokko osoo isin yaadachiisee?
=======================
Yeroon qabeenya namni hundi wal-qixatti kan qabuudha.Yeroon qaaliidha.Faayidaa yeroo beekanii itti fayyadamanii hawaasa ofii tajaajiluun gaariidha.

1. "Faayidaa baruudhaaf barataa kufee dareetti deebi'e gaafadhu.

2. Faayidaa 'a baruudhaaf daa'ima ji'a saddeetitti dhalatte ilaali!

3. Faayidaa baruudhaaf warshaa miidhamee torbee tokko hojii dhaabe gaafadhu.

4.Faayidaa baruudhaaf barataa firii qormaataa isaa argachuuf eeggatu gaafadhu.

5. Faayidaa 'a baruudhaaf jaalalleewwan wal beellaman wal eegaa jiran gaafadhu.

6. Faayidaa baruudhaaf nama tikkeetii muratee konkolaataan gatee ba'e gaafadhu!

7. Faayidaa baruudhaaf nama xiqqumaaf balaa keessaa oofkale gaafadhu

8. Faayidaa tokkoo baruu yoo barbaadde Atileetii durfamee warqee dhabe gaafadhu!"

qabdu sirnaan hojiirra oolchi.Yeroo wayita hojiirra oolchitu:-

1️⃣. kamiyyuu eessattuu naman caala jettee nama hin tuffatin,kan caalu Rabbitu beeka!

2️⃣. kamiyyuu namatti hin hinaafin! Hinaaffaan abbuma miiti.

3️⃣. eessattillee uumaa(Allah) kee sodaadhu!

4️⃣. eessattillee waan gaarii namaaf yaadi,nama qofa osoo hin taane beeyiladaafillee gaarii dalagi.

5️⃣. hin taanetti(naamusa hin qabnetti) hin hidhatin!

6️⃣. dubbattu hanga danda'ameen kan ragaan deeggarame haa ta'u!

7️⃣. fi abbaa kee jabeeffadhu,gargaari,kaddamadhu!

8️⃣. tokko yeroo hojjechuuf(dalaguuf) kaatu miidhaa fi bu'aa isaa wol madaalchisuu hin dagatin!

9️⃣. aartee jirtuun ariifattee waa hin murteessin,booda gaabbuun kee ni mala waan ta'eef!

🔟. tokko maqaan isaa badaan haasa'amu dhageessee battalumatti itti hin murteessin dura adda baafadhu.

1️⃣1️⃣. hojii idilee kee xumurte,Kitaabilee fi barreeffamoota adda addaa na fayyada jettu dubbisi.Ogummaa qabduttis fayyadami.

1️⃣2️⃣. kabaja kee xiqqeessutti argamuu irraa of qusadhu!

1️⃣3️⃣. hojii kee eeggadhu(kabaji) waan ummata kee fayyadu kaka'umsaan,miira tajaajiltummaan,ciminaan fi haqummaan hojjadhu.

1️⃣4️⃣. HUNDA WAAN DHALOOTAAF TA'U KAA'UUF QOPHAA'I!

abbaa fuula barruu kanaati!
👇
https://t.me/Mnure88

Horaa Bulaa!!

05/04/2023


Godinaalee Wallaggaa Afranii fi Anaalee isaatiin Wal baraa

*Godina Wallagga Bahaa
1 Bonayyaa Boshee
2 Diggaa
3 Gidda Ayyaanaa
4 Kiiramuu
5 Gobbuu Sayyoo
6 Gudayyaa Billaa
7 Guutoo Giddaa
8 Haroo Limmuu
9 Leeqaa Dullachaa
10 Eebantuu
11 Jimmaa Arjoo
12 Limmuu
13 Bulchinsa Magaalaa Naqamtee
14 Nunnuu Qumbaa
15 Saasiggaa
16 Sibuu Siree
17 Waamaa Hagaloo
18 Waayyuu Tuqaa
19 Guutoo Wayyuu
2o Bulchinsa Magaalaa Angar Guutee

*Hoorroo Guduruu Wallaggaa
1 Abbaay Coomaan
2 Abee Dongoroo
3 Amuruu
4 Guduruu
5 Habaaboo Guduruu
6 Horroo Bulluq
7 jimmaa Gannaat
8 Jimmaa Raaree
9 Shambuu
10 Jardagaa Jaartee
11 Horroo

*Qeellam Wallaggaa
1 Anfilloo
2 Dallee Sadii
3 Dallee waabaraa
4 Bulchinsa Magaalaa Dambi Dolloo
5 Gaawoo Qebbee
6 Gidaamii
7 Hawaa Galaan
8 Jimmaa Horroo
9 Laaloo Qilee
10 Sayyoo
11 Yemalogii walal

*Wallagga Lixaa
1 Aayiraa
2 Baabboo Gambeel
3 Beegii
4 Boojii Coqorsaa
5 Ganjii
6 Bulchinsa Magaalaa Gimbii
7 Gullisoo
8 Boojjii Dirmajii
9 Haaruu
10 Homaa
11 Jarsoo
12 Qondaalaa
13 Qilxuu Karraa
14 Laaloo Asabii
15 Mana Sibuu
16 Najjoo
17 Noolee kabbaa
18 Sayyoo Noolee
19 Yuubdoo
20 Lataa Sibuu
21 Mandii

Share godhaa Hiriyyaa keessaniif.

Follow godhaa

Want your school to be the top-listed School/college in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Adama