Nan Baradha

Nan Baradha

Share

NAN BARADHA!!

«Barataan yoo jiraate, barsiisaan eessayyuu jira!»

28/03/2024

Ni dandeessa!
✊✊✊✊✊

Haala koo ilaalee kan natti murteessu
Hin dandeessu jedhee mogolee na buusu
Dadhabbii koo ibsee hamilee na cabsu
Waa akkan hin hojjenne booddee na deebisu
Amma deebiin qabaaf waanan ittiin jedhu
Dubbadheen falmadha afaan hin qabadhu
Nan danda'an jedha eenyutu naan morma?
Kaayyoo koo dhugoomsuun ni danda'ama!
Hin danda'u jedhee sammuun koo hin amanu
Abdii kutee taa'ee kufaatiif nan kennu
Karaa dogoggoree dalga na hin hoogganu
To'annoo koo jala abjuun koo hundinuu
Sichi of hin tuffadhu xiqqeessee of ilaalee
Eenyummaan koo sirriin amma erga naaf galee
Kutannoo guutuunan hojiif ka'a malee
Mammaradhee hin taa'u waan fedhe ta'ullee
Amansiifadheera itti himee sammuu koo
Booddee akka hin deebine sodaatee waan tokko!

📢 Nan Baradha 🎓🎓🎓🎓

Want your school to be the top-listed School/college in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Adama