10/10/2025
Ramaddii barattootaa dhaabbilee barnootaa ol'aanoo bara dhufurraa kaasee dhaabuuf akka ta'e Ministeerri Barnootaa ibse.
‘OBN Cyber Media’ Fuulbaana 30, 2018
Barattoonni qabxii darbiinsaa galmeessan Yuunivarsiitiiwwaniifi damee barnootaa barbaadan filachuun akka iyyatan haalli kan mijatu ta'uu Ministiiri Barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa himan.
Barnoonni Yuunivarsiitii akka durii ramaddii Ministeera Barnootaan osoo hin taane, filannoo barattootaarratti kan hundaa’u ta’uus akeekan.
31/08/2025
Maaltu sitti dhaga'amaa jira? sammuun kee waantoota faayidaa hin qabnee fi waa'ee siif hin baafneen qabamee akka jirutti sitti mul'ataa? Waan hin fayanne kanammoo of keessaa axooftee baasuuf, foolii onaa gola sammuu keetii keessaa si jeequ kana of keessaa qulqulleessuuf ni barbaaddaa? isa kanaaf mala tokkon sitti himaa na dhaga'i obbolee.
Qorii qoraafame, kan foolii jireenya namoota hedduu jijjiire, kufaatii keessaa harka qabee dirree milkaa'ina guddaatti kan nama hedduu baase araada (suusii) jaallatamaa 'dubbisuu' tiin si affeera. Kitaaba dubbisi, foolii jireenya keetii urgeessi. Namoota dubbisuun milkaa'an keessaa Toomaas Edesan isa tokkodha. Mee seenaa isaa muraasan isinitti hima.
Namichi kun yemmuu barataa kutaa tokkoo baatii sadaaffaa ta'utti mana barnootaatii barsiisaan ari'e. Haadha isaatif immoo xalayaa tokko barreessee Toomaas mataasaatti kenne. Mucaa abbaa hin qabne kan haati hiyyeessaa barsiiftu kanatu mana barnootaatii guutumaan guutuutti ari'ame. Xalayaan haadha Toomaasiif barreeffamte kun maal jettii? Toomaas mucaa baay'ee dadhabaadha. Waan tokkollee hin danda'u. Mucaa homaa hin fayadne kana lammaffaa mana barnootaatti hin ergiin" kan jedhu ture. Toomaas xalayichi maal jedhaa? jedhee haadhasaa gaafate. Haatisaa deebistee akkas jetteen, "mucaan kee baay'ee cimaa waan ta'eef, manni barnootaa keenya barsiisaa isa madaalu hin qabduu manatti barsiisi, jedhan. Kanaafuu har'arraa qabdee manatti baratta" jetteen!
Toomaas kana booda, kitaabilee harmeensaa bittuuf dubbisuu eegale. Dubbisaa cimaas ta'e. Abbaan kalaqa hedduu Toomaas Edesan bu'aa dubbisuu ta'uusaa hamma hubatteeree? Jireenya qullaa ta'ee sitti argamu kana guutuu gochuuf, jabaadhuu dubbisi. Hiriyaan gaariin, araadni jaallatamaan addunyaa kana jijjiiree fi jijjiiruu danda'u dubbisuu akka ta'e hin dagatiin.
21/08/2025
.
Mee har'a Kitaaba tokko dubbisna.
Karoora kootis.
Akkuma argitan kana kitaaba Joseph Rodota kan nama biyya Amerikaa, Filooridaatti dhalatee guddatee hiyyummaadhaaf summii bofaan du'uu hawwaa ture tokkoon barreeffame dubbisuu jalqabeera.
"Beat Me" jedha qolli kitaaba kanaa afaan warra Ingiliziin kan barreeffame.
Na Iddi yookiin Na Hiddi jechuudha afaan keenyaan.
Akkas ture; Joseph Rodota ilma qonnaan bulaa hiyyeeyyii irraa dhalatee, kan yeroo mara hiyyuma warrasaa yaadda'uu fi rakkina gurguddaan isa mudate ture. Akka kitaabasaa fuula 56 irratti katabetti "You Know If You Beat Me" (Yoo na hiddite bar) mata duree jedhu jalatti, yaadaaf yaaddoodhaan guutamee bofa waliin haasa'a ture.
Abbaa isaatu gammoojjii Filooridaa keessatti bofoota horsiisa ture. Galiin maatii isaa ittiin jiraachisu bofa kana gurguruu fi daawwachiisuun qarshii irraa argatuun qofa ture. Rodota Clindrata, Joseph malee mucaa durbaa tokko kan qabu yoo ta'u, bofuma isaatu ishee hidduun summii keessa facaasee ittiin duute. Ergasii of eeggannoodhaan bofawwan kanneen kan kunuunsu Rodotaan, gaafa tokko mucaan isaa Joseph osoo inni dhokatee bofa abbaasaa tuttuquu arge. Itti siqee dhaabachuun maal akka inni jedhuu fi gochuuf jiru xiinxaluuf qophaa'e. Josephis sababa rakkina warrasaa ba'aa dadhabeef abdii kutannoodhaan bofaan hiddamuuf kadhata ture. "Please there is no one that see I infront of me, only adquating by my families pirority so beat my dear snake" (maaloo wantin fuuldura kiyyatti argu homtuu hin jiru, rakkinaan xooxaruu warrakoo qofa. Kanaaf kabajamoo bofaa na hiddi) osoo jedhuu abbaan isaan obbo Rodotaan biratti lafaan of dhahe. Jechoota mucaan isaa itti fayyadamee dubbatutti gaddee boo'uunis, akkaataa itti miirri hiyyummaa namatti dhagamu keessaa baasuuf murteeffate.
|
Bofoonni kun madda galii keenya kan ittiin jiraannudha. Osoo kunneen hin jiran tahe nuyi silaa rakkoo cimaa keessa jirra; tarii hin jirruyyuu ta'a. Kun carraa qabaachuu keenya. Isuma kana immoo dhabee kan rakkina dachaa keessa jiraatan lakkooofnee hin fixnu,isaanumti akka keenyaa Bofa horsiisanille hin qabne Abdii jiraatu. Namni abdii obsee du'a. Jabbiin Abdii qabullee obsee gu'a jedhama mitiiree?. Eyyeen waa'ee rakkina tokkoo yoo haasoftu rakkinni tokkitti sun hiriyoota ishee kumaatama qabatte sitti hasaasuun gurra si duuchitti. Balbaloota rakkinaas karaa hedduu sitti mul'isti. Erga hiriyaa si godhattee booda mirri ati qabaattu of tuffachuu ,aangoo qabdu ofirraa mulquu ,nama kan biraa jalatti of gabroomsuu akkasumas waa'ee keef xiyyeeffannoo dhabuudha. Akkanaan rakkinoonni erga si michoomfatanii booda kayyoofi karoorri kee si Jalaa unkuramuun boruu keef jiraachuu dhaabda.Homaa osoo hin hojjatinis jireenya hiika dhabeessa jiraachuun darbita. Kun immoo dhalachuu keefu hiika hin laatu sababni isaa dhalattee rakkina faarsaa raakkinaan waan duuteefka! Rakkina kamuu akka xuritti laaluu qabda xurii n hanguma fedhe baay'atee xiraawus bishaan hin injifatu darbes saamunatu isa salphisa. Rakkinnis akkuma xuriiti, bishaanifi saamunaan isaa obsaafi abdiidha. ...,..
itti fufa .
16/08/2025
#Dhugaa_dubbachuudhaaf......
Jijjiirraan barsiisotaa barana jedhame ture abdii nu keessatti Kan uumee ture ta'us adeemsi isaa burjaajjii fi yaaddoo guddaa uumaa jira.
Keessattuu:-
1.Dogoggora bara qaxarrii
2.Dogoggora fiildii
3.Ragaan barsiisota hedduu guutamuu dhabuun
4.User name fi koodiin barsiisota hedduuf qaqqabuu dhabuu
5.Akkaataan fi ragaaleen gaa'ilaa itti guutaman ifa taa'uu dhabuu
6.Barsiisonni hedduun Barnoota gannaa fi leenjii irra waan jiraniif ragaaleen guutamuu qaban argachuu dhabuu.
Fkn. Efficiency fi ragaalee gaa'ilaa.
7.Ragaalee guutaman ilaalchisee hubannoo gahaan dhabamuu.
Fkn.Waajjiraalee barnootaa Aanaa fi dura bu'ootaa bilbilaan yeroo gaafannu odeeffannoo gahaa argachuu dhabuu Fi kkf qormaata guddaa nutti ta'anii jiru.
Kanaafuu qaamni dhimmi ilaalu waan kana gadi fageenyaan ilaalee ji'a fulbaanaa gara Mana barnootaatti yeroo deebinuu ragaalee barbaachisu hunda sirnaan akka guutaman yeroon dabalataa kennamu qaba.
Adurreef tapha hantuutaaf lubbuu akkuma jedhamu dhimmi Jijjiirraan kun yeroo dheeraaf rakkoo hin malleef nu saaxilaa waan tureef, haalli Jijjiirraan itti guutamu kun abdii nutti Horus garuu wantonni armaan olitti eeraman yaaddoo guddaaa nutti uumee jira.
dhimmi kun gadi fageenyaan nuuf haa ilaallamu.
?? ......
odeeffannoo dabalataa FUULA Telegraamii kana JOIN gochuun waliif!
t me/Tchr4ever
13/08/2025
if we do as we talk?
Every year a lot of plans prepared but no one does with it in somewhere . Even it has been understood that there a time to prepare plan but no time to apply. Repeatedly acting like this make us careless. Even if I didn't know other sector well , some of which I have been in touch are similar to educational sector .
Now it seems everything will be changed. Government has focused on schools and doing on any problems tracking School, Training teacher on Teaching at Right level as well as inspire teacher to follow and ask them to inform problem if so.
Making it action oriented will bring bright futures
Let us walk as we talk!
12/08/2025
Xalayaa BBO tiin Dhimma Jijjiirraa Barsiisotaa fi Hoggansa Manneen Barnootaa Kan Bara 2018 Irratti Godinaalee fi Bulchiinsa Magaalootaaf Ergamedha.
Xalayaa kana pdf isaa telegram channel keenya irraa argachuu dandeessu.telegram.
# t.me/Tchr4ever
10/08/2025
Walaloo Barsiisaa
=========
Warra qubee bocee
Dhaloota Barsiisu
warra dachee qotee
Midhaan nu nyaachisu
Warra dawaa guuree
dhibee nu fayyisu
Warra dachee keessaa
Albuudaa buqqisu
Eenyuu ?Goonni sirrii
eenyu dura Aansuu?
Kan addunyaa hundaaf
Dungoosaa qabsisu
Kan seenaa kaleessa
nama yaadachiisu
Kan eenyummaa ofii
nama hubachiisu
Mirgaafi dirqamas
kan nu agarsiisu
Eeyyen barsiisadha
Kan hundumaa duursu.
=
Eeyyee barsiisadha
kan hundaanuu firaa
Kan dhaloota qubee
Nuuf qabsiise karaa.
Amaanaa biyyattii
kan baatu Adaraa.
Waaroo wallaalummaa
Kan baasu namarraa.
Inni barsiisadha
goonni sammuu qaraa
Ogummaa hundaafuu
Furtuu bara baraa.
Barsiisaan abbaadha
abbaa nama maraa.
Addunyaatti makuuf
lafaa nama hara.
=
Barsiisan harmeedha
Biddeen namaaf laata.
Dhibee wallaalummaaf
isatu furmaata.
Irraa fuudhii nyaadhu
laaqanaaf irbaata.
Kabaji Barsiisaa
yoosan beekaa taata.
Barsiisaa jechuun nama ofii waa hubatee nama biraa illee hubachiisudha!!
Galatoomaa✍️✍️🙏🙏
DHALOOTA QUBEE FOLLOW.
30/07/2025
Kitaaba gargaaraa piroofeesaraa miratuu shaanqoo Giddii SIIF GALEERAA jedhu irraati.
___________________________________
Waantota kitaabicha keessaa natti tolanii fi na quubsan keessaa ....Toom Joon namichi jedhamu dubbii cimaa tokko akkas jedhee dubbate......
☞"Adaraa yaa waaqayyo wantoota lama akkan sirriitti beekuuf na gargaari.Isaanis;tokkoffaa jireenya koo keessatti wantan gonkumaa jijjiiruu hin dandeenyeef obsa naaf kenni".
☞ "Lammaffaa immoo wantan jireenyakoo keessatti jijjiiru yoo jiraataniif jecha akkan jijjiiruuf onnee naaf kenni jedhe''.
☞ Lafan yaade hin geenye yoon ta'ellee lafan yaade ga'uuf hin teenye !
☞ jecha hin danda'amu jedhutti gonkumaa hin amaniin !
☞ Never believe in never !
☞ Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu yoo of amansiiste qofaadha !
☞ Your attitude means the difference between success and failure !
☞ Ati of daangessitee teessa taanaan eenyu daangaa si ceesisaa ?
Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu.
☞ Of beekuun beekumsa beekumsa caaluudha.
Barachuun beekuu hin ibsu.Beekuun garuu barachuu ibsa.
☞ Hirkattummaan diina of beekuuti.
Osoo of hin beekiin du'uun osoo hin dhalatiin du'uu wajjin tokkuma.
☞ Qabeenyi guddaan addunyaa kanaa dhala namaati.
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru.Lakkofsa guutuu ta'ee dhalate malee.
☞ Dammaqi waan haaraa siin dalagamutu jiraam.
Waanti haaraan siin dalagamummoo gati si kanfalchiisu of keessaa qaba.
☞ Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa ?
Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattuudha.
❖ Nama jechuun bu'aa yaada isaati.
Namni waanuma nyaate fakkaata.
❖ Ilaalchi ati ofiif qabdu eenyummaa ati mul'ata kee dhugoomsuuf taasisaa jirtu mul'isa.
❖ Namoonni ofittoon summii mul'ataa qabu malee , sammuu mul'ataa hin qaban.
❖ Carraan amma qabdu kan guddinaati malee kan badiisaa miti.
❖ Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni.
24/07/2025
Leenjii Afaan Oromoo fi Herregaa
Biiroon Barnoota Oromiyaa dhiheenya kana Barsiisota gosa barnootaa Herrega fi Afaan Oromoo kutaa 3ffaa hanga 5ffaa barsiisaa jiraniif leenjii kennuuf calallii gaafachuun isaa ni yaadatama. Leenjii Barsiisotaaf kennuun gaarii ta’e osoo jiru, garuu yeroon leenjichi itti kennamuuf yaadame dogoggora kan qabuudha.
Barsiisonni baayyeen barnoota gannaa barachuuf yuunivarsiiitii adda addatti deemanii waan jiraniif calallii kana keessatti hammatamuu osoo qabanii calallii keessaa hambisuun barsiisota gosa barnootaa biraa barsiisaniin bakka buufamaa jiru. Barsiisonni gosa barnootaa biraa barsiisan leenjii argachuu hin qaban jechaa hin jiru, garuu barsiisonni hundi haqummaan gosa barnootaa barsiisaa jiran irratti leenjii argachuu qabu. Barsiisaan yoo gosa barnootaa barsiisaa jiru irratti leenjii sirrii argate qofa jijjiirama barbaadamuu fiduu danda’a.
Kanaafuu BBO dhimma kana itti yaaduun akka sirreessuu gaafachuu barbaanna. Keessumaa Barsiisonni gosa barnootaa jedhamee kana barsiisaa jiranii fi Barnootaa Gannaa barachuuf deeman qooda akka argataniif calalliin sirriin irra deebi’un akka gaggeeffamu fi yeroon leenjiin kuni itti kennamu qabu immoo gara fulbaanaatti dheerachuu akka qabu gaafanna. Dabalataan yeroon leenjichi itti kennamu illeen ifatti ibsamuu qaba.
Odeeffannoon kanaa fi kanneen biroo barnootaan wal qabatan hunda bifa pdf tiin argachuuf liinkii 👇👇👇
𝑻𝒆𝒍𝒆??𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/
08/07/2025
Gabaasaaf qofa osoo hin taane barataa keenya dogoggorarraa bilisa gochuuf kitaaba sirritt ilaaluun sirreessuu qabna.