02/10/2025
Oromia
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia, College & University, Adama.
02/10/2025
01/10/2025
dhibba Saddeet (800) 611-640
Maqaa Kitaabaa Asilatun Adiidatu bi'ajuubatin Mufiidah.
(أَسْئِلَةٌ عَدِيدَةُ بأَجُوبَةٍ مٌفِيدَةٍ)
Kitaabni kun mata duree 11 of keessaa qaba.📚
♻️↪️ 8FFAA
================
♻️↪️SUMAA'IYYAAT✅
☑️611.◼️ Wahyii lamaaan jechuun maali ?
DEEBII ↪️
Qur'aanaa fi hadiisa.
☑️612.◼️ Zahrawaanni maali ?
DEEBII ↪️
Suuratul Baqraa fi Al imraan.
☑️613◼️. Mu'awwizataanni Lamaan maali ?
DEEBII ↪️
Suuratul falaqii fi Suuratu Annaas.
☑️614 ◼️ Shahaadaan Lamaan maali ?
DEEBII ↪️
Shahaaadatu allaa ilaaha Illallaahu Muhammadan Rasuulallaah.
☑️615◼️. Azaanni Lamaan maali ?
DEEBII ↪️
Azaanaa fi iqaamaa dha.
☑️616◼️. Hey'alataanni maali ?
DEEBII ↪️
Hayya alassalaa fi Hayya alalfalaah.
☑️617◼️. Ni'imaan Lamaan maali ?
DEEBII ↪️
Fayyaa fi yeoo qabaachuu ykn boqonnaa.
☑️618◼️. Ummata Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
Ummatudda'awaa fi ummatulhijaaba.
☑️619◼️. Ganda Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
Ganda Duniyaa fi Aakhiraati.
☑️620◼️. Afuuffaa Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️Afuuffaa kaafamiinsatii fi afuuffaa Addunyaa irraa du 'uuti.
☑️621◼️. Ulfaattota Lamaan dubbadhu ?
DEBBII ↪️
Namaa fi jinni.
☑️622◼️. Abbaa Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
Abbaa fi Haadha.
☑️623◼️. waalidaani Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
Haadhaa fi abbaa.
☑️624◼️. Hasanaani Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
Hasanii fi Huseen.
☑️625◼️. Umaraani Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
Umarii fi Abubakar Siddiiq.
☑️626. ◼️Sa'adaani Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
sa'dul owsii fi sa'adul kazraj.
☑️627.◼️ Sahiiheyni Lamaan dubbadhu ?
DEEBII
Bukaarii fi muslim.
☑️628. ◼️Harameynii Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
Makkaa fi Madiinaa.
☑️629.◼️ Qaryateyni Lamaan dubbadhu ?
DEEBII
Makkaa fi Xaa'if.
☑️630.◼️ Fajrii Lamaan dubbadhu ?
DEEBII↪️
Fajrussaadiqii fi fajrul kaazib.
☑️631◼️. Bardaani Lamaan dubbadhu ?
DEEBII ↪️
Salaata Subhii fi asriiti.
☑️632.◼️ Sheyxaana jechuun maali ?
DEEBII ↪️
mata jabeessa keyrirraa dheessu.
☑️633.◼️ Abbaan Sheyxaana eenyu ?
DEEBII ↪️
Ibliisa لعنة الله عليه
☑️634.◼️ Ibliisni maal irraa uumame ?
DEEBII ↪️
Ibidda.
☑️635◼️. Jinni jechuun maal jechuu ?
DEEBII ↪️
uumamtoota ijaa namaa irraa dhokataniidha.
☑️636. ◼️Abbaan jinni eenyu ?
DEEBII
Jaannii.
☑️637. ◼️Jaanniin maal irraa uumame ?
DEEBII
Ibidda.
☑️638.◼️ Sihriin jechuun maali ?
DEEBII :↪️
fakkeessuudha nama arguuf waan hin taane akka waan tahetti.
☑️639.◼️ Murteen nama sihirii dalaguu ykn dalagsiifatuu fi barsiisuu maal taha ?
DEEBII ↪️
Islaamummaa irraa baha.
☑️640. ◼️murteen Hojii raaguu hojjachuu maali ?
DEEBII ↪️
Haraama.
BARREESSAAN:-
╭─┅─═ঊঈ═─┅─╮
💖By-Mu'aaz Abduleziz 💖
╰─┅─═ঊঈ═─┅─╯
✅️📚EDUCATION IS THE CENTER OF CIVILIZATION🎓
IMO ROOM
https://s.imoim.net/AxePtw?from=copy_link
CHANNEL TELEGRAM
✅️https://t.me/mueemanbeddelle
Mu'ee Islamic oromoo official
01/10/2025
🌅
=======================
1,Qorumsi kan sitti baayy'atuuf; Dadhabina kee mul'isuufi miti. hammam akka cimaa taate mul'isa.
***********
2, Namni maalif akka du'u hin beeyne.Maalif akka jiraatus hin beeku.
************
3, Karaa si baasu hin beektu taanan imala hin eegalin.
************
4, Nama Gammachiisuf jattee gammachuu kee hin dhabin.
************
5, Nama guddaa ta'uuf yaada xiqqaafi,Nama yaada xiqqaa irraa fagaadhu.
************
6, Dubartootni yeroo hedduu dhiira cal'isu jaalatu;Sababni yeroo mara waan isaan dhaggeeffatu itti fakkaata.!!!
************
7, Beekaa ta'uun humna siif kenna.Amala gaarii qabaachuun kabaja siif kenna.
*************
8, Dhugaa keessa kee jiru himuu dandeessa ta'a,Garuu akka si amanuu gochuun ni ulfaata.
*************
9, Namni baratee kitaaba hin dubbisneefi namni kitaaba dubbisuu hin dandeenye wal hin caalu.
*************
10, Bakkuma jirtu dhaabbattee bakka gahuu barbaaddu hawwuun gowwummaadha.
**************
11, Moo'ataa kan si taasisu Baay'ina deeggartootaa osoo hin taane; Yaadaafi ofitti amanamummaa ati qabduudha.
*************
Galatooma !❤
gochuu hin dagatina!
Dubbisiin biroo akka siin qaqaabu namooni barbaadan godha!
Mu'ee Islamic oromoo official
01/10/2025
dhibba Saddeet (800) 761-800
Maqaa Kitaabaa Asilatun Adiidatu bi'ajuubatin Mufiidah.
(أَسْئِلَةٌ عَدِيدَةُ بأَجُوبَةٍ مٌفِيدَةٍ)
Kitaabni kun mata duree (11) of keessaa qaba.📚
♻️↪️ 1️⃣1️⃣FFAAN
================
☑️761◼️Heydii jechuun maali ?
DEEBII:↪️ Dhiiga uumamaa Rahima dubartii jalaa bahuudha.
762.◼️ Dhiiga Nifaasaa / Dhalaa jechuun maali ?
DEEBII:↪️ Dhiiga yeroo dubartiin deessu irraa yaa'uudha.
763.◼️ Dhiigni Heydii /Laguu guyyaa meeqaaf Dubartoota irra Tura ?
DEEBII:↪️ Guyyaa 1-14 /15
764.◼️ Dhiigni dhalaa guyyaa Meeqaaf Dubartoota irra Tura ?
DEEBII:↪️ Guyyaa 40
765. ◼️Dhiigni Heydii /Laguu dhiqachuun Waajiba moo Sunnaadha ?
DEEBII:↪️ Dirqama /Waajiba.
766◼️Dhiiga dhalaa irraa dhiqachuun waajiba moo sunnaadha ?
DEEBII:↪️ Waajiba /Dirqama
767◼️. Dhiiga Dhibee / Ustahaadaa irraa dhiqachuun waajiba moo Sunnaadha ?
DEEBII: Sunnaadha./ Dhiqachuun jaalatamaadha.
768.◼️ Dhiigni Dubartoota irraa bahu meeqa ?
DEEBII:↪️ sadii (3)
Isaanis 1. Dhiiga Heydii.
2. Dhiiga Dhalaa.
3. Dhiiga dhibee.
769◼️Dubartiin dhiiga Laguu qabdu Salaata Yeroo laguun irra jiru dhiifte yeroo qulqulleeffattetti ni salaatti ?
DEEBII: ↪️hin salaattu.
770◼️Dubartiin takka osoo soomaa jirtu yoo Xuriin laguu itti dhufte Sooma san yeroo qulqulleeffattetti ni soomanti ?
DEEBII:↪️Eeyyen ni soomanti.
771◼️Durri nama qabriin irraa banamtu eenyu ?
DEEBII:↪️ Rasuula Rabbii SALLALLAAHU ALEYHI WASLLAM.
772.◼️Guyyaa Qiyaamaa akkamitti kaafama ?
DEEBII:↪️ Kophee malee, Uffata malee, Kittaannaa malee.
773◼️Rasuulli ummata isaa akkamitti beeka guyyaa Qiyaamaa ?
DEEBII:↪️ Bobbooqinna Fuulaatiin.
774.◼️ Guyyaan Qiyaamaa kun hangam Tura ?
DEEBII↪️: Kaafira irratti Kuma 50000
Muslimtoota irratti kuma 1000
775.◼️ Kaafirri Guyyaa Qiyaamaa maal tahuu hawwa?
DEEBII↪️: Du'ee biyyee tahuu hawwa.
776.◼️ Qaama namaa irraa kan dura ragaa irratti bahu maali ?
DEEBII:↪️Harkaa fi Sarbaa/Tafa.
777◼️. Maanguddummaa Rassuulaatiin irra milkaayaan namaa eenyu ?
DEEBII:↪️ Nama Laa'ilaaha Illallaahu jedhee dhugaa ragaa bahe.
778.◼️ Namni rabbitti amane kitaaba isaa harka kamiin fudhata ?
DEEBII: ↪️Harka mirgaatiin.
779.◼️ Nmni Rabbitti kafare kitaaba isaa harka kamiin fudhata ?
DEEBII:↪️ Harka bitaatiin.
780.◼️ Guyyaa Qiyaamaa dalagaan namaa maaliin madaalamti ?
DEEBII:↪️ Miizaanaan.
781.◼️ Namni rabbitti amane guyyaa Qiyaamaa maaliin Galata galfama ?
DEEBII↪️: Jannata.
782.◼️ Jannanni eessatti argamti ?
DEEBII:↪️ Samaawaata keessatti argamti
783.◼️Ibiddi eessatti argamti ?
DEEBII↪️: Jala Jalee Dachitti argamti.
784◼️.Laggeenn Jannataa eessarraa madditi ?
DEEBII:↪️ Jannatal Firdawsi irraahi.
785.◼️ Laggeen jannataa duniyaa keessa yaa'an dubbadhu ?
DEEBII:↪️ Seyhaan
Jeyhaan
Niil
Furaat
786◼️. Garii laggeen jannata keessatti argamanii dubbaduu ?
DEEBII↪️: Laga Bishaanii
Laga Daymaa
Laga Aananii
Laga Farshoo/Farsoo
787◼️.Kowsar jechuun maal jechuudha ?
DEEBII↪️: Laga Jannata keessaa kan rabbiin Rasuulaaf kenne.
788◼️. Lagni Kowsar garamitti Yaa'a ?
DEEBII↪️: Gara Howdii rasuula rabbitti.
789◼️. Jannata keessa Du'uun ni jiraa ?
DEEBII↪️: Hin jiru.
790◼️. Jannata keessatti Namoota akkamiitu Baay'ata ykn Heddummaata ?
DEEBII:↪️ Namoota Addunyaa keessatti miskiinotaa fi lallaafoo turan.
791◼️. Ibidda keessatti namoota akkamiitu Baay'ata ykn heddummaata ?
DEEBII:↪️ Dubartoota.
792◼️. Ibiddi Jahannma maaliin qabsiifamti ?
DEEBII↪️: Namaa fi dhakaa irraahi.
793◼️. Durri nama jannata seenuu eenyu ?
DEEBII↪️: Nabi Muhammad SALLALLAAHU ALEYHI WASLLAM
794◼️. Garii maqaalee jannataa dubbadhu ?
DEEBII↪️: Daarussalaaam
Daarul Muqaam
Daaru Qaraar
Daarul Husnaa
795◼️. Maqaa Ol'aantuu jannataa dubbadhu ?
DEEBII◼️↪️: Firdawsi
796◼️. Jannaul Firdowsi Gara gubbaatiin maaltu akka argamu dubbadhu ?
DEEBII↪️: Arshii Rabbiiti.
797◼️. Jannatul Firdowsi keessatti Maqaa bootaa ol'aantuu dubbadhu ?
DEEBII↪️: Wasiilaa.
798◼️. Rasuulli keenya jannatul firdowsi keessaa eessa galan ?
DEEBII↪️: Iddoo Wasiilaa jedhamtuudha.
799◼️. Muka guddoo jannata keesaa kan deemsa waggaa 100tti jala hin dabarre dubbadhu ?
DEEBII↪️: Muka Xuubaa jedhamtuudha.
800.◼️ Hojjaan /Dheerinni warra jannataa kan eenyuu irratti taha ?
DEEBII↪️: Abbaa keenya Nabi Aadam ALEYHISSALAAM.
●QOPHEESSAAN:-
╭─┅─═ঊঈ═─┅─╮
💖By-Mu'aaz Abduleziz 💖
╰─┅─═ঊঈ═─┅─╯
✅️📚EDUCATION IS THE CENTER OF CIVILIZATION🎓
CHANNEL IMO ROOM
https://s.imoim.net/AxePtw?from=copy_link
CHANNEL TELEGRAM
✅️https://t.me/mueemanbeddelle
Mu'ee Islamic oromoo official
01/10/2025
Seenaa Faaximah (r.a) Intala Nabii keenyaa (s.a.w)
★★★★★★★★★★
Faaximaa bint nabii keenyaa (r.a) haadha manaa Aliyyi bin Abii Xaalib. haadha hasaniifii huseen. Sadarkaa guddoo qabdi.
Aa'isharra odeeffame akkana jette: “Guyyaa tokko Faaximaan deemaa nutti dhufte deemsi isii deemsa nabiiti fakkaata. Nabiin intala tiyya baga nagayaan dhufte jedhee simatee mirga yookaa bitaa isaa teessise. Eegasii dubbii wahii hasaasee itti himee booche, eegasii dubbii biraa hasaasee itti himee kofalte. Maalif booche jedheen gaafadhe. Iccitii ergamaa Rabbii hin facaasu jette...
Eegasii eega nabiin du’ee itti deebi’ee gaafadhe. Wanni abbaan kiyya iccititti naan jedhe “jibriil wagga waggaan qur’aana yogguu takka narra fida ture baranammoo yogguu lama narra fide, kuni umrii kiyya dhumuu na agarsiisa, Ati ammoo maatii kiyya keessaa du’aan kan dura natti dhufu sihi” jennaan booye. Eegasii “Ati caaltuu dubartii jannataa tahuu hin jaalattuu yookaa caaltuu dubartii mu’iminaa tahuu hin jaalattuu naan jedhe”, Nin kofle jette.
(Bukhaariitu galmeesse)
Yaa dubartoota Muslimaa! isinis warra seenaa diin galmeessu Rabbi isin haa godhu.
Yoo dubbiftan obboleeyyan keessaniif share godha Jazaakallaah
30/09/2025
Qiyaamaan hindhaabbattuu..hanga Muslimoonni____
=================
Abu Hureyran akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Qiyaaman hin dhaabbattu hanga Muslimoonni Ya*hu*doo*ta irratti lola (waraanaa) banannitti malee. Muslimoonni Ya*hud*oota ni ajj**eessu hanga namni yahuuda ta’ee dhagaa fi muka duubatti dhokatutti. Dhagaan yookiin mukni ni jedha, “Yaa Muslima, Yaa Gabricha Rabbii! Na duuba Yahuudatu jira, koottu ajj**ee*si. Garuu mukni Gharqad jedhamu hin dubbatu, inni muka Yahudoota waan ta’eef.” (Sahih Muslim 2922)
30/09/2025
30/09/2025
👉Waa 3 Rabbiin siif haa laafisu
1 Qur'aana qara'u
2 salaata salatuu
3 leelyii dhabbachuu
Ammiin jedhii darbii 🤲🤲
30/09/2025
Madiinaa Al-Munawwarah!
Madiinaan duraan maqaan isii Yasrib ture. Erga Ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) Makkaa irraa gara Yasribitti godaanan booda, maqaan isii gara Madiinatul Munawwaraatti jijjiiramte. Bakki tun bakka Islaamummaan irraa babal'ateedha.
Iddoowwan seenaa heddutu keessatti argama... Fakkeenyaaf
Masjiidun Nabawii: Kun masjiida Ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) ijaaraniidha. Bakka qaamni Ergamaa Rabbii fi sahaabonni isaanii, kaliifotaa, Akkasumas bakka qabriin Sahaabotaa 10,000 oli keessatti argamuudha.
Masjiida Qubaa: Masjiida Islaamaa isa jalqabaa yoo ta'u, Ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) Makkaa irraa godaanuun isaanii, osoo gara Madiinaa hin seenin dura ijaaraniidha.
Jabal Uhud: gaara seenaa qabeessa kan masjiida guddaa irraa kilomeetira 6 fagaatee argamuudha. Garaa nuti isa jaalannu, kan innis nu jaalatu jedhanii ergamaan Rabbii saw dubbataniidha.
Masjiida Qiblaa lamaa; Masjiidni qiblaa lama tures as keessatti argama.
Barakaa lama: Ergamaan Rabbii SAW waan Nabi Ibraahim AS makkaadhaaf kadhatan. Dachaa lama madiinaadhaaf kadhatanii turan.
Madiinaan bakka Musliimonni hedduun hajjii fi umraa isaanii booda daawwatanidha. Bakka tasgabbii fi nagaa qabdu, hawwata amantii fi aadaa guddaa qabudha.
30/09/2025
Qabxiin darbiinsaa 300 ture 297 ta’e.
Barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darban akka taasifamu murtaa’e.
Ministeerri ministeera barnootaa Pirofeeser Birhaanuu naggaan barattoonni qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darbaniif murtaa’uu isaa beeksisuun xalayaa Yuunivarsitiileef erganiiru.
Bifuma kanaanis qabxiin darbiinsaa 600 irraa 300 ture gara 297tti gadi kan siqe yommuu ta’u barattoonni 297 fidan gara dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamuun barumsa isaanii ka itti fufan ni ta’a.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Click here to claim your Sponsored Listing.