19/03/2022
FAAYIDAALEE MUUZII
🍌🍌🍌🍌🍌🍌🍌🍌🍌
Muuziin kuduraa ilma namaaf baay'ee barbaachisu keessaa isa tokkoodha. Muuziin yeroo baay'ee qabiyyee isaa kan ta'e albuuda "Pootaasiiyeemii" jedhamuun beekkama.
Haa ta'u malee, muuziin albuudota biroo fi Vitaaminoota hedduu ilma namaaf baay'ee barbaachisan hedduu of keessaa qaba.
Kanaafi namni baayyeen yoo mana nama dhukkubsatee, dahee, fira bira, akkasumas diida deemanii yoo manatti galan muuzii kan bitaniif jedheen yaada.
Walumaagalatti muuziin faayidaalee hedduu qaba. Isaan keessaa muraasa isaa yaa ilaallu...
1.Sukkaarri (glucose) qaama keenyaa hanga barbaaddamu keessatti haalaan akka to'atamu godha.
2. Dhibeewwan Onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabatan kanneen akka dhibee onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaa, hir'ina dhiigaa fi kkf ittisuu irratti baayyee gargaara
3.Dhukkuboota sirna hargansuu keenya miidhaan kanneen akka Utaalloo, Asmii, fi kan biroof haalaan gargaara
4.Dhukkuboota sirna bullaa'insa nyaataa kanneen akka dhukkuba garaachaa, dafee daakamuu diduu nyaataa, garaa kaasaa, gogiinsa garaa darbees, dhibee kintarootii ittisuu irratti gahee guddaa taphata
5.Fayyummaa qaamota keenyaa kan akka kalee, ija fa'aaf hedduu fayyada.
6.Kaanserii garagaraaf kanneen akka Kaanserii dhiigaa (leukemia), Mar'immaan guddaa (Colorectal Ca) fa'a nurraa qolata.
7.Jeeqamuu marsaa laguuf akka hin saaxilamne ni gargaara
8.Jabina ykn Cimina lafee keenyaaf ni fayyada, akkasumas rakkoo gogaa keenyaa kan akka finnisaa, kormamuu nurraa qolata.
9.Dandeettii waa yaadachuu fi si'aa'ina ni dabala.
10.Annisaa nuuf kenna.
11.Ulfaatina qaamaa garmalee fi rakkoo isa waliin walqabatee dhufuuf akka hin saaxilamne nu gargaara.
12.Dhiphina fi yaaddoo hamaaf akka hin saaxilamnes nu gargaara fi kkf fa'a.
13. Rafuun dura daqiiqaa 30 hanga sa'aa 1 dursanii muuzii firee tokko nyaachuun hirriba qulqullina qabu akka rafnuuf baay'ee gargaara.
Kunneen faayidaa baay'ee keessaa muraasa wan ta'eef faayidaalee kanneen hunda argachuuf Muuzii nyaachuu bartee yaa godhannu.
https://t.me/DrNardosMuse
https://youtu.be/wRqh6bFzO0Q