Hussein Tahir

Hussein Tahir

Share

Depending on the Islamic religion knowledge

19/10/2025

I'm always with you please accept my proposal 💞...

Tag your cl and Na💞

22/08/2024

14/04/2024

Quba qabaadhuu leenca sheeyxaanii sagaalee isaani sodaatudha
Beektanii laata??
SHEEK MUHAAMNAD ABBAAS JEDHAMU
Maaliif jireenyii isaa dagatama????

24/03/2024

Mee "initiative" sanbusaa kanan maal jettu?

TikTok · Fű.èè~♡dhà♤💔🎸 23/03/2024

TikTok · Fű.èè~♡dhà♤💔🎸 2024 likes, 51 comments. “ #ፍቅር➻ብቻ🖇ፍቅር➻ብቻ 🇪🇷 #ፍቅር➻ብቻ🖇ፍቅር➻ብቻ❤🥀🔐 🇪🇹vairalvideocomedia ❤💚❤ 🇪🇹vairalvideocomedia 🇪🇹...

23/03/2024

Mudannoo ajaa'ibaa!

Taatee hara'a halkan sa'a 4:40 irratti na qunnamte!.

Alahamdulilla🙏 kan Nama tiiksu rabbi.

Waraabessi akka yuuseen Nama hin nyaatu!

Waan hara'a naaf waraabessi Wal goone moo!

Salaata taraawiya booda addaasha irraa ka'ee gara Ganda gubbaa deemu eegale. ji'aas tahuu lafti caakkaadha waan taheef bilbiluma Koon ibsadhee deema jira ture.hanga daqiiqaa kudhani yeroon deeme bilbilli narratti dawwalamee ture akkuma bilbilamten silkii ifaan dhaame.bilbila kaaseetumaan lafa nin arkaa waan taheef deemisa koo itti fufe tarkaanfi 3 yeroon tarkaanfadhe waraabessi na dura deema jira.

Amma bilbila cufeen ifa ibsadhee laale.innis ija saa hamtuu Saniin ol godhatee na laale,anis harka qullaan jira waan taheef gad godhadhee yeroon dhagaa Lafaa fudhadhee takka tarkaanfadhe bitaa fi mirga Koo kan biraatis na cinaa guute dhadhaabata, Amma ifaa dhamsetiin gad taa'e,innis suuta mataa lafa kaahe gumgumaa oliif gad fiigu eegale.anis dafeetin ol ka'ee kanuma na cinaa dhabatu tokko likkitti dhagaan harkaa qabun haleele. Inni dhawame yuusuu eegale.kanneen biraa akkuma yuuseen dhufee naan marse.

Ani baatrii ifuu fi waaniin firraa qoladhuunis hin qabu ture.garuu hanga wayyaa dhagaan lafa guute jira waan taheef dhagumaanin kanuma natti as dhiyaatu haleelu jalqabe.akkasumaanu tarkaanfachuu na kute.bakkaan itti deemu gahuuf lafa caakkaa hamtuutu fuul dura Koo jira waan taheef gad deebi'uun furmaata jedheen murtesse.if duuba yeroon gad deebi'us oliif gadi fiigee Wal daddarbuu eegale. Akka Tasaa mana tokko naannawa San jira ture achitti goreen waa harkatti qabadha jedheen achii qajeele.

Ammas tarkaanfachumaahu na dhoorkee osoo xirrachaa fi biyyee facaasuu.amma dubbiin jaabatte dhimmi dhimma lubbu baraaruuti jedheen dhagaa fudhadhe kallattii mana Saniitiin isatti qajeele. yeroon tokko likkitti dhahe hundii ni fiigee.anis kallattuma manaa saniiniin Isa jala fiige dallaya waliin cabsine manuma biratti jalaa dhaabbadhe.

Yeroon dhaabbadhe of duuba gara galu dachiin isuma qofa.Hangaan Ani kana Jala fiigu kaanis na Jala fiigu jira.mana San namuu keessa hin jiru cufaadha muka wahii tokko achumaa fudhadheen itti gad deebi'e.Amma fa'a dubbiin jabduudha na duraa sosso'uu didee.namni jalqaba bilbile san lammaffaa deebisee bilbillaan akka lolli jabaate itti hime,daqiiqa 10 booda akkasitti dirmachuu natti dhufan.hanga isaan dhufan walumaan dhadhaabbana.ergas booda reebnee faffacaasnee bakka deemnuf ngyaan geenye alahamdulilla.

Dhaamsa Koo

Hawaasni keenya kan baadiyyaa jiraattan Gaafa manaa baatani bakka takka dhaquuf deemtan keessattuu yeroo halkanii baatriifi uulee/waa harkatti qabattan malee manaa hin bahinaa. Joolleen teeysanis halkan akka manaa hin baane hadaraa!

Rabbiin nu haa tiisuu!

Akka yuuseen Nama hin nyaatu!

Simarudin ✍️

Want your school to be the top-listed School/college in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Adama