Walaloo

Walaloo

Share

Walaloo }™FB®√

23/01/2024

DHUKKUBBII DUGDAA
*********************
AKKAMIIN OF GARGAARUU DANDEENYAA?
1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa'aa sadii ol (yeroo hirribaa irraa kan hafe) siree irra ciisuu dhiisuu qabna.
2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu ( salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.
4. Waan dilallaa'aa ta'e ykn ho'aa ta'e bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.
5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaa'uudhaan dhukkubbii nutti cimsa.
6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna.
7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka'umsaa isaa baranii gagaarsaargachu
un gaariidha.
*************************************
YOOM GARA MANA YAALAA DEEMUU QABNAA?
■ Dhukkubbiin dugdaa torbanoota muraasaa ol nurra ture.
■ Yoo bobbaa ykn fincaan qabachuu dadhabuun jiraate.
■ Yoo ho'iinsi qaamaa (fever) jiraate.
■ Yoo rukkuttaa, kufaatii fi balaa adda addaa waliin kan walqabate ta'e.
■ Dhukkubbiin baay'ee hamaa yoo ta'ee fi yoo boqotanis gidduutti kan nama hin dhiifne yoo ta'e.
■ Dhukkubbiin dugdaa yoo gara miilaatti gadi dhufa ta'e, keessumaa yoo jilba gadi darbee dhukkube.
■ Yoo miilli laamsha'uu ykn adooduu (yoo tuqan namatti dhaga'amuu dhiisuu)n jiraate.
■ Yoo ulfaatinni qaamaa baay'ee hir'ate (ykn baay'ee huqqatan).
*******************
Fayyaan Faaya.

12/07/2022
Photos from Walaloo's post 27/06/2022
23/06/2022

, AVOKAADOO IRRAA WAAN ARGANNU KEESSAA,
*************************************
1. Qabiyyee soorataa gosaan adda adda ta'an of keessaa qaba. Isaaniis, Vitamin K, Folate,Vitamin C, Potassium, Vitamin B5, Vitamin B6 fi Vitamin E fa'i.
2. Nyaata coomaan (fat) baay'ee kan of keessaa qabu yoo ta'ee, coomni avokaadoo keessatti argamu akka cooma kanneen biroo kan nama miidhu miti. Onnee keenyaarrattis akka cooma warra kaanii miidhaa osoo hin taane gargaarsa taasisa.
3. Keemikaalota antioxidants jedhaman waan of keessaa qabuuf fayyaa ija keenyaaf tumsa guddaa kenna.
4. Dhukkuba buusaa (joint) kan arthritis jedhamu nurraa ittisuu fi dhukkubbii isaa nurraa xiqqeessuuf ga'ee guddaa qaba.
5. Nyaanni garaa keessatti keessumaa kan biqiltoota irraa nyaannu akka daakamu (better digestion) gochuudhaaf hedduu fayyada.
6. Avokaadoo namoonni nyaatan namoota avokaadoo hin nyaanne irra fayya qabeeyyii (healthier) kan ta'anidha.
*************************************
Fayyaan Faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Photos from Walaloo's post 23/06/2022

ASHAARAA KEENYA DHALOOTA DHUFUUF HAA KEENYU.

Photos from Walaloo's post 16/06/2022

Oomisha biqiloota uumamaafi ililliiwwaan bakka bareedinaaf oolan nubiratti argamaa buufata biqiltuu keenyaa dhuftanii wantoota barbaaddan akka fedhii keessaniittiifi gatii madaalawaa ta'een argachuu dandeessu akkasuma bakka fedhii keessaniitti isin qaqqabsiifna .lakka bilbilaa
0914048063/0910330890kanaan nu argachuu dandeessu.

14/06/2022

Guyyaan waaqayyoo dhihoodha dhugaan turee bulee mul'ata waan hundaa arguuf guyyaan waaqayyoo dhihoodha.

Want your school to be the top-listed School/college in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Addis Abeba
Adama
DECHASA