Kapiteenii tokkotu qobaa isaa markabaan galaanarra deema ture. Osoo deemuu bubbee hamaadhaan oofamee..karaa ofiii fedhe osoo hin taane, fedhasaan ala imalasaa itti fufe !
Osoodhuma deemaa jiruu.. bubbee jabaan kun bidiruusaa garmalee rukutuu waan eegaleef yaaddoo guddaaf sodaa hamtuudhaan roqomuutti ka'e.
..
Deemsa yeroo dheeraa booda markabni/bidiruun kun duraa caccabe. Bidurichi bishaaniin gad dhugamnaan Kaapiteenichi lubbuusaa baafachuuf cabaa bidiruusaatiirra taa'ee bishaanicha daakuu eegale..
Deemsa yeroo dheeraa booda bosona walakeessa bishaanichaa jiru tokko argee itti deemuun bishaanicha keessaa ba'e.
Baayyee dadhabee waan tureef bosonicha keessa ciisee eega boqoteen booda, ka'ee ichima barbaadee abidda qabsiifatee.. Nafasaas ho'ifatee..
Qarqara lagaa deemuun Qurxummii adamsee qabee nyaata qopheeffachuu eegale...
Haala kanaan namni kun yeroo dheeraaf bosona kana keessatti godoo ijaarratee jiraate.
Egaa kana booda namaan wal arguunsaa baayyee ulfaataa waan ta'eef, lubbuunsaa Jannata akka galtuuf Waaqayyoon kadhachuu hojii isaa Ganamaa, Guyyaa fi Galgalaa godhate. Yeroo beela'ummoo qurxummii..
* Guyyaa tokko qoraan cabsee godoosaa keessa tuulee, Abiddammoo bukkeetti qabsiifatee.. Qurxummii adamsee qabachuuf gara qarqara bishaaniitti gadi bu'e. Yeroonni qurxummii qabatee dhufu, qilleensi garmalee bishaanicharraa ka'u abiddicha qabsiisee.. qoraan inni godoo keessa tuullatetti qabsiise. Godoon isaas duraa gubatte. Gubachuu godoo isaa yeroo argetti baayyee gadde, akka daa'ima xiqqootti ofirra gad taa'ee boo'e..
"Waaqayyo maalif akkas na goote ?
Amma naman komadhu hin qabu, si malee yaa Gooftaa !"
jedhe.
Osoodhuma gaddaa jiruu.. Boo'uun furmaata waan hin taaneef yeroo lammaffaaf Godoo ijaarrachuu eegale..
Kana booda dhaga'ee kan hin beekne sagalee tokko dhaga'uu eegale.. Sagaleen kun baayyee itti dhiyaachaa waan dhufeef gara qarqara galaanaatti gadi bu'ee waansaa adda baafachuuf ilaaluutti ka'e. Sagalichi sagalee bidiruu/markabaati.
Amanuu hin dande
Biqilaa
Baga Geessan barri 2015 Bara Nagaa Kan Jaalalaa Kan Eebbaa Kan Tokkummaa Kan Bilisummaa isiniif haa ta'u
15/09/2023
Today,s Best photo
❤❤❤❤❤❤
Dhugichi Birmaduu isin Baasa
30/10/2022
Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii ta'e gochuutti hin laafnu!
Galaatiyaa 6: 9
And let us not be weary in well doing: for in due season we shall reap, if we faint not.
Galatians 6:9
11/10/2022
Hin duune wangeelaaf haarsaa Ta'e
Kunimmoo du'a miti jireenya malee
“Namni mucaa Waaqayyoo ta'e cubbuutti qabamee akka hin jiraanne in beekna; ilmi Waaqayyoo isa in eega, inni hamaanis isa hin tuqu.”
— 1Yoh. 5:18
“We know that whosoever is born of God sinneth not; but he that is begotten of God keepeth himself, and that wicked one toucheth him not.”
— 1 John 5:18
Waaqayyo gooftaan immoo, ''Warri jara gadadamoo irratti humnaan ka'an waan jiraniif, warri wanta barbaachisaa dhabanis waan aadaniif, amma ani ka'uufan jedha, gargaarsa isaan hawwanis akka argatan nan godhaaf'' in jedha.
Macaafa Faarfannaa 12: 5
And the Lord GOD said, Because there are those that rise up against the poor, and the needy are weary;and I will cause them to find it.
The Book of Psalms 12:5
Dhugichi birmaduu isin baasa The truth will set you free እውነት ነፃ ያወጣችኋል الحقيقة سوف تمنحك الحرية真相會讓你自由 האמת תשחרר אותך सत्य तुम्हें स्वतंत्र करेगा
Click here to claim your Sponsored Listing.