08/06/2022
Yeroo kam iyyuu caalaatti Oromoon amma yeroo akkaan murteessaa ta'e keecha jira. Dhimmichi dhimma Oromoo fi Oromiyaati. Yeroo wal falmuu osoo hin taane yeroo waliin ta'anii falmachuu keecha jirra. Mana keenya Oromiyaa kan sabni keenya Oromoo keecha jiraatu ijaarrachuuf daboo wal waamuu qabna. Gamaa gamanaa walitti duuluu dhiifnee kan utubaa fidu utubaa, kan dagalee fidu dagalee, kan citaa fidu citaa fi kan hidda ykn quuncee fidu hidda(quuncee) fidee ijaarsichatti golaba gochuu qabna.
Ijaarsa Oromiyaa aarsaa hedduun itti kanfalame daboodhaan itti dachaanee ijaaruun yoona. Oromoo waan takkan isiniif dhaama waliin ijaaraa malee, wal diigdanii diinaaf qaawwa hin baninaa. Humna waliif taa’aa malee, humna wal hin buusinaa. Hayyootni Oromoo walitti dhufuun haa mariyatamu.
Seenaa abboota keenya jaarraa 16ffaa yaadadhaa. Jabaadhaa of humneessaa; wal humneessaa Oromoo fi Oromiyaa ijaaraa.
08/05/2022
ABSHIR GURBAA!
-
Si’ii mana kee ciisu
Waarii sitti marsanii
Akka hattuu - sarattuutti
Balbala kee cabsani…
Utuu dafqitee bultuu
Utuu hin hojjetiin yakkaa
Dukkanaan si hoofani
Duubatti hidhanii harka…
Gidiraa kee kolfani
Kabaja si dhorkani
Halkan tokko bulanii
Du’a sitti murani!
Utuu si dhidhiitanii
Akka kallee - akka kubbaa
Geessanii si ciibsani
Afaan hallayyaa gubbaa!
Hallayyaa boolla fagoo
Bakka allaattiin yaatu
Bakka waraabeessaafi bulguun
Foon kee cicciree nyaatu…
Bakka firri,
Jiraa kee hin barbaaddanne
Du’aa kee hin awwaallanne…!
Warri namummaa gatan
Warri okkotee cubbuu
Meeshaa qoqopheeffatan
Si keessaa baasuuf lubbuu…
Gaafa sitti aggaammatan
Warruma kaaniin qixxee
Duuti du’uma jettee
Dursitee hallayyaa lixxe!
Rabbi garuu si oolche
Dhumaatii sana keessaa
Abshir gurbaa hin boo’iinii
Maal abbaasheemmoo boossa!
Bor seenaa himuuf teessa
Of jabeessi yaa tiruu
Waaqa tokkicha malee
Kan bakkatti hafu hin jiru!
Warri har’a humna argatee
Firfirsu dhiiga hiyyeessaa
Gaafa isaan gatii baasan
Ijaan arguudhaaf teessa!
Maal abbaashee xuruurta
Maal abbaashee harqita
Baga lubbuudhaan hafte
Ni bari’a, in’ argita!
22/04/2022
"Duuba keenyatu qaroomaa fi qaramaadha"
Sabni Kuush barnootaa fi qaroominaan sadarkaa duraarratti argama. Kanaaf immoo ragaa guddaan siidaawwan umurii dheeraa qaban kan ilmaan Kuush'n bocaman ilaaluu fi akkaataa lakkoofsa bara Gadaa ykn Dhaha Oromoo (Oromo Calendar) beekuun gahaadha.
Nutis qaroomina warra keenyaatu nu qaree barnootaaf nu kakaase. Imalli keenya inni dhaloota qaruuf jalqabne ammas jabeessee itti fufa.
Ka'umsi keenya Oromiyaa guddoo yoo ta'e iyyuu, babalinni ykn latiinsi keenya hanga handaara lafaatti.
Jabeechaa baradhaa, jabeechaa hojjedhaa; gaafas kabajamnee tulluu gubbaa jiraanna.
UK, London
31/03/2022
Gotni yomuu hin du'u!
Hayyuu dureen ABO duraan abboo Galaasa Dilboo boqochuu isaan gafaan dhagahuu gadda guddatu natt dhaga'amee RIP.senaan isaan bilissuumma umaata oromoof bara dukanaa sana kessaa godhaanin ummaanni oromoo yomuu isaan yadaata
21/03/2022
Ammaas Darbii nuf jiraadhu gotiittii keenyaa
01/03/2022
Oromia Media Network Kabaja Hundeeffama Waggaa 8ffaa Baga Geessan!
OMN ega hundaa'ee Gadaa tokko tahe. Seenaa miidiyaa qabsoo Oromoo keessatti qooda olaanaa qaba. Keessattuu gurra ummata keenyaafi addunyaatiin gahuu keessatti shoora guddaa taphate. Bara 2018 gaafa biyyatti galerraa kaasees humna xiqqaadhaan miidiyaa Habashaa leecalloo hundatti dhimma bahan heddu iyyisiisaa madaala eeguu danda'ee ture. OMN dabalatee ijaarsi Oromoo alatti uggurame hunduu gaaf tokko Oromiyaatti deebi'uun hin oolu.
_
Ibsaa Gammadaa
Finfinnee, Oromiyaa
_