18/08/2026
mallaqaa gaari argachuu egaltu wantota gochui qabdu.......
👕 Uffata muraasa bitadhu, garuu kan qulqullinaa fi quality olaanaa qabu filadhu.
2. 🍽️ Nyaata qulqulluu fi gaarii nyaadhu; nyaata gatii xiqqaa fi faayidaa hin qabne irraa fagaadhu.
3. 🛏️ Siree fi boraatii kee fooyyeessi. Hirribni gaariin jireenya kee keessatti waan hedduu jijjiira.
4. ✈️ Maallaqa kee muuxannoo gaarii argachuufis itti fayyadami; meeshaalee qofa bitachuu irratti hin xiyyeeffatin.
5. 💰 Gorsaa fi karoora faayinaansii kee fooyyeessi. Namni sadarkaa kanaan si gahe, sadarkaa itti aanu irra si geessuu dhiisuu danda’a.
6. 🤝 Namoota gatii fi ilaalcha gaarii qaban, kanneen si guddisuu fi fooyyessuuf si kakaasan, baay'ee dhiyaadhu.