Qeyroo sheek Adam tulaa

Qeyroo sheek Adam tulaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Qeyroo sheek Adam tulaa, School, Oromiyaa, `Alem Maya.

Dalagaa Xiqqoo Sawaaba GuddooSheer Godhaa Keeyrii Guddaa Kana Qooda Fudhadhaa Jzk1 Laa'ilaaha illallaah2 Radiitu Billaah...
11/04/2023

Dalagaa Xiqqoo Sawaaba Guddoo
Sheer Godhaa Keeyrii Guddaa Kana Qooda Fudhadhaa Jzk

1 Laa'ilaaha illallaah

2 Radiitu Billaahi Rabban Wabil islaami diinan wabi muhaammadin nabiyyaa.
Nama Jedhe Anatu Ufqabaaf Anatu Harka Qabee Jannata Seensisa Jedhan Rasuulli ﷺ❤

3 Shahaadaa yeroo 3 jettee Yoo Qabatte Rabbiin Qaaama Kee ibiddarraa Si Bilisoomsu
Rasuulli ﷺ❤ Hadiisa silsila sahiiha Albaanii Hadiisa Abi Hureeyraa Keessatti Namni Shahaada tana Yeroo Takka Jedhe Rabbiin Qaama isaa Harka tokko sadaffa ibiddarraa isa Bilisoomse, Namni Yeroo 2 jedhe harka Lama sadaffaa Qaama isaa ibiddarraa isa Bilisoomse, Namni Yeroo 3 jedhe rabbiin Qaama isaa Guutuu ibiddarraa isa bilisoomse Jedhan Rasuulliﷺ❤👇👇
Allaahumma Innii Ushhiduka Wa'ushhidu Malaa'ikataka Wahamalata Arshika Wa'ushhidu Manfissamaawaati Waman Fil Ardi Annaka Antallaahu Laa'ilaaha illaa Anta Wahdaka Laashariikalaka Wa'ashhadu Anna Muhaammadan Abduka Warasuuluka.

4 Du'aaii Yoo Jettee Guyyaa San keessa Duute jannata seentu.
Allaahumma Anta Rabbii Laa'ilaaha illaa Anta Kalaqtanii Wa'ana Abduka Wa'ana Alaa Ahdika Wawa'adika Mastaxa'atu A'uuzubika Min sharri Maa Sana'atu Abuu'u Laka Bini'imatika Aleeyya Wa'abuu'u bizanbii Fagfirlii Fa'innahuu Laa Yagfiruzzunuuba illaa Anta.

5 Sunnaa Raka'aa 4 zuhrii duraaf Raka'aa 4 Zuhrii booda Tiiyfatee nama Salaatte Rabbiin Qaama isaa irratti ibidda haraama godha jedhan Rasuulli ﷺ❤ Jaami'issagiir Keessatti Hadiisa Sahiihaan Kitaaba Shek muhammad Annasiruddiinul Albaanii keessatti

6 Hadiisa Abi Hureeyraa Irraa Odeeffame Keessatti Rasuulli ﷺ❤ Akkana Jedhan
Namni Guyyatti Yeroo 100 Akkana Jedhe,
LAA'ILAAHA ILLALLAAHU WAHDAHUU LAASHARIIKALAHUU LAHUL MULKU WALAHUL HAMDU WAHUWA ALAA KULLI SHEEY'IN QADIIR
Sawaaba Akka Nama Gabra 10 Bilisoomsee Argata, Akkasuma Gaarii 100 Barreessaniif, Akkasuma Hamtuu 100 Rabbiin Irraa Haqa, Akkasuma Guyyaa San Keessa Sheeyxaana Irraallee Isa Tiiysiti Hanga Dhihutti, Guyyaa San Keessa Namni Tokkoyyuu Kan Ibaadaa Isa Caaltuun Dhufu Hin Jiru Yoo Nama Isa Caala Yeroo Dhibbaa Ol Jedhe Taate Malee.

7 Namni Subii Jama'aan Salaatee Booda Hanga Aduun Baatutti Taa'ee Rabbiin Zakkaree Erga Aduun Baate Booda Ka'ee Raka'aa Lama Yoo Salaate Sawaaba Akka Nama Hajjiif Umraa Godhee Argata Jedhan Rasuulli ﷺ❤ Hadiisa Anas Irraa odeeffame Hadiisa Sahiiha Keessatti.

8 Akka Rabbiin Sawaaba akka Baay'inna Ummata Muslimaa Siif Katabu Barbaaddaa
Hadiisa Xabraaniin Gabaase
Shek muhaammadu Annasiruddiinul Albaaniin Jaami'issagiir Keessatti Sahiiha godhe keessatti Rasuuliiﷺ❤
Namni Dhiira mu'minaatiif Dubartii Mu'minaatiif Araarama Rabbiin Kadhate

Yaa Rabbi Dhiira Mu'minaatiif Dubartii mu'minaa Hundaaf Araarami Jedhee Rabbiin Nama muslimaa Hunda Irratti Sawaaba Katabaaf Jedhan. Sawaaba Hanga baay'inna nama muslimaa San argatta.

9 Waan Duniyaaf Aakiratti Si Rifachiisu Hunda Jala Rabbiin Najaa Sibaasa Yoo Jecha Tana Ganamaaf Galgala Yeroo 7 Jette Jedhan Rasuulliﷺ❤ Hadiisa Sadana Sahiihaa Keessatti
Hasbiyallaahu Laa'ilaaha illaahuwa Aleeyhi Tawakkaltu Wahuwa Rabbul Arshil Aziim

10 Duniyaaf waan Duniyaa Tana Irra Jiru Hunda Waan Siif Caalu Argachuu Hin Barbaadduu
Raka'aan lamaan Salaata Fajrii Duraa Lamaan Irra Caaltuu Duniyaaf Waan Duniyaa Gubbaa Jiruuti Jedhan Rasuulliﷺ❤

11 Sawaaba Miliyoona Tokko Argachuu, Hamtuun Miliyoona Tokko Sirraa Hir'achuu, Darajaa Miliyoona Tokkoo Akka Rabbiin Ol sifuudhu Barbaaddaa??
Zikrii Tana Jedhi Yeroo Magaalaa Ykn Suuqa Seente
👇👇👇👇👇👇👇
Laa'ilaaha illallaahu Wahdahuu Laa Shariika Lahuu Luhul Mulku Walahul Hamdu Yuhyii Wayumiitu Wahuwwa Hayyuun Laa Yamuutu Biyadihil Keeyru Wahuwa Alaa Kulli Sheey'in Qadiir.
Hadiisa Riwaaya Timizii
Sh.Mohammad Annasiruddiinul Albaaniin Silsila Sahiiha Keessatti Hasana Jedhaniin Keessatti Rasuulli S.A.W Akkana Jedhan.

12 Namni Suraatul Iklaas Yeroo Sadi Qara'e Sawaaba akka nama qur'aana guutuu Qara'ee argata.
Rasuulli ﷺ❤ Hadiisa Bukaariif Muslim gabaasan Hadiisa Abi Sa'iid Alkudriyyii irraa odeeffame Keessatti Sahaabotaan Tokkoon Keessan Halkan tokko kessatti harka tokko sadaffaa qur'aana qara'uu dadhabaa Jedhanii gaafatan.

Sawaabonni Eennuu keennatu kana danda'a jennaan Rasuulli ﷺ❤ Qulhuwallahu ahad harka tokko sadaffaa Qur'aanaati jedhaniin.
Yeroo Sadi Yoo qaraate ammo akka nama Qur'aana Guutuu Qara'eeti.

13 Bismillaahilazzii Laayadurru ma'a ismihii Sheey'un Fil Ardi walaa fissamaa'i Wahuwassamii'ul Aliim

Namni Ganama Yeroo Sadi Jedhe Guyyaa San Keessa Rakkoon Takka Isa Hin Tuuyxu, Akkasuma Namni Galgala yeroo sadi jedhe Halkan San keessa Rakkoon Takka Isa Hin Tuuyxu Jedhan Jedhan Rasuulliﷺ❤ Hadiisa Abi Dawud Odeesse Albaaniin sahiiha jedhe keessatti.

14 Bismillaah Tawakkaltu alallaah Laa hawla walaa quwwata illaa billaah Yeroo manaa baatu Yoo jette rabbiin Hamtuu irraa siteeysa, Rabbiin Siqajeelcha, Rabbiin Siif Gaha, Sheeyxaanaa irraallee tiiyfamta Jedhan Rasuulli ﷺ❤

Hadiisa silsila sahiiha Albaanii keessatti Hadiisa tirmizii akkasuma ibnu hibbaan gabaasan keessatti

15 Namni Guyyatti Yeroo 100 Subhaanallaahi Wabihamdihii Jedhe Diliin Isaa Irraa Harcaati Osoo Akka Hoomacha Bahritti Fakkaateellee Jedhan Rasuulliﷺ❤
Bukharif Muslim

16 Astagfirullaahallazii Laa'ilaaha illaa huwal hayyul qayyuumu wa'atuubu ileeyhi.
Yoo Jette rabbiin Siif Araarama Osoo Dilii Akka Nama Jihaada Irraa Baqatee Deebi'ee qabaatteellee Jedhan Rasuulli ﷺ❤

17 Abbaa Warraatif Haati Warra Halkan wal Dammaysanii Raka'ama 2 Salaatanii Yoo Hirribatti Deebi'an Halkan San Keessa Warreen Rabbiin Zakkaruu Baay'isan Isaannan Rabbiin Araaramaa fi Mindaa Guddaa Isaaniif Qopheesse Keessatti Galmeeffaman Jedhan Rasuulli ﷺ❤

وَٱلذَّ ٰ⁠كِرِینَ ٱللَّهَ كَثِیرࣰا وَٱلذَّ ٰ⁠كِرَ ٰ⁠تِ أَعَدَّ ٱللَّهُ لَهُم مَّغۡفِرَةࣰ وَأَجۡرًا عَظِیمࣰا
Al-Ahzab 35

Dhiiraa fii Dubartii Hedduminaan Rabbiin Zakkaran Rabbiin Araaramaa Fi Mindaa Guddaa Isaaniif Qopheesse.

SAHIIHA ABII DAWUD
ALBAANIIN SAHIIHA JEDHEEN

18 Akka malaa'ikan araarama siif kadhattu barbaaddaa?
Hadiisa Abi hureeyraa irraa odeeffame
Hadiisa bukaariin gabaase keessatti Rasuuliiﷺ❤namni bakka salaate irraa waan Hin deemneen yoo taa'ee rabbi zakkare malaa'ikaan Allaahummagfirlahuu allaahummarhamhu
Yaa Rabbi araaramiif
Yaa Rabbi rahmata godhif siin jetti Jedhan.

Yoo salaatee geessite Hin deeminii achuma taa'ii qur'aana qara'i Rabbi zakkarri

19 Hadiisa Jaami'issagiir keessatti Rasuulliﷺ❤ namni obboleessa isaa islaamaa yeroo namni isa duuba hamtuu isaa dubbatanii isa hamatan irraa deebise rabbiin Qiyaamaa ibidda irraa Isa bilisoomsa Jedhan.

20 Hadisa Sa'ad Irraa Odeeffame Hadisa muslim gabaase keessatti Rasuulliﷺ❤ Sahaabotaan tokkoon Keessan guyyatti sawaaba 1000 dalagachuu nidadhabaa jedhanii gaafatan booda sahaabboni yaa rasuulallaah akkamitti tokkon keenna guyyatti sawaaba 100 dalagachuu danda'a jennaan Rasuulliﷺ❤ Namni Subhaanallaahii yeroo 100 jedhe rabbiin Sawaaba kuma isaaf katabaaf, takkaa dilii kuma irraa dhiqa jedhan.

Sher godhuu obbolewwaan keetif Rabbiin waraa dubbisee waa hubatte itti fayyadamuu nuu haatasisuu hinshaa allah 🤲🤲🤲🤲

27/03/2023

Address

Oromiyaa
`Alem Maya

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qeyroo sheek Adam tulaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category