12/11/2025
Jamal Seennaa michuu koo
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jamal Seennaa michuu koo, College & University, Dubai.
12/11/2025
14/09/2025
πΌπ΄π΄ π½π°π° π³ππ±π±πΈππΈ!!
****
βπ±πππππππππ ππππ πππ ππππππ ππππππ ππ'ππππππ ππππππππ.
βπ·ππππ ππππππππ ππππππ πππππ ππππππππ, ππππππ ππππ’πππππ ππππππ πππππ'ππ.
βππππππ πππππ ππππππ ππππ ππππππ ππππππ πππ ππππππ, π πππ ππππππ πππππππππ πππ πππππππ π΄πππππππ πππππ ππππ ππππππ πππ ππππ ππππ.
βπ·ππππ ππππππππππ πππππ ππππππππππ πππππππππ ππππππππ π’ππππ πππ ππππππππ.
βπΊππππππ ππππ πππππππ πππππππ πππππππππππ, πππππ πππ ππππ’πππππ ππππ. πΊπππππ ππππππππ πππππ πππππ ππππππ ππππππ ππππππππ.
β πΉππππππ’π πππ πππππππππ πππππππ ππ’π’ππ π΄πππππππ ππππππ πππ ππππππππ.πππππππ ππππππππ ππππππππππ πππ πππππ.
π΄ππππ πππππ πππππ πππππ’π’ππππ ππππππ #π΅πππ πππ πππππ.
"π³ππππππππ πππππππππ"
π°ππ ππ’π π·πππ π πΏπππππππ π°πππππππ ππ π±π π π±πππππ πΏπππππ π°ππ πΆπ!
ββ€ β π³πππππππ ; π³ππππππππ π·ππππ π³π'ππππππππ β
ππΎ π΅πππ πππ & πππππ ππππππ πππππ’π’ππππ πππππππ ππππππ ππππ...β€οΈ
ππππππ ππ₯
#πΆπ°π»π°π°ππΎπΎπΌπ°π°!!
Anes MB with Facebook
14/09/2025
Jaarsa tokkotu ture. Jaarsi kun umuriinsaa waggaa 75 dha. Waggoota kana hunda osoo dhibee guddaa dhibamee hospitaala hin seeniin, fayyaa guutuudhaan jiraate. Booda guyyaa tokko baayβee dhukkubsatee hospitaala deeme. Haalli isaa ulfaataa waan taβeef sireerra ciibsanii oksijiinii(oxygen) kennaniif. Meeshaan oksijiinichi ittiin kennamu saβatii 24βf jaarsa kanarra ture. Bulee dhibeen itti fooyyofnaan hospitaalarraa baβee manatti akka galu murtaaβe.
Yommuu hospitaalaa baβuuf jedhu gatii oksijiiniifi walβaansa siif kennameef dolaara $500 kaffali jedhan. Jaarsi yoo kana dhagaβu hirqinfatee booβe. Namni wayii jaarsa booβu kana argee, βMaallaqa yoo hin qabaanne anuu isiniifan kaffalaa hin booβiinaaβ jedhe.
Jaarsi deebisee, βLakki ilma koo, ani maallaqa hin dhabne. Utuu kana caalaa na gaafatan taβees kaffaluu nan dandaβa. Anaan kan na boossise, qilleensan galgala tokko harganeef dolaara $500 kanin gaafatame, utuu Waaqayyoo qilleensan waggaa 75 guutuu tola harganeef maallaqa na gaafatee meeqa taβa laata? Qilleensan harganuuf, hirriban rafuuf, aduun hoβifadhuuf, miilan ittiin deemuuf, sammuun ittiin yaaduufβ¦utuun maallaqa gaafatamee meeqa taβa laata? Isa tola nama jaallatee, tola nama jiraachiisu gaarummaa Waaqayyootu na boossise malee maallaqa dhabeen miti. Ulfaadhu ilma koo!β jedhe.
Gaarummaan Waaqayyoo safara hin qabu!
14/09/2025
Faayidaa Burtukaanaa
*******
1. Cirracha Kalee keenya irratti uumamuu ni ittisa
2. Hanga dhiiga diimaa qaama keenya keessaa akka dabalu ni taasisa.
3. Dhiibbaa dhiigaa keenya gadi buusuuf gaβee qaba.
4. Utaalloo irraa dafnee fooyyaβuuf nu gargaara
5. Dhiphina sammuu ni fooyyessa.
6. Soorata vitaamin Cβn badhaadhe dha.
7. Jajjabina lafee fi ilkaan keenyaaf ni gargaara.
8. Bullaa'insa soorataaf illee ni gargaara.
9. Dhibee onnee garagaraa ittisuuf gaβee qaba
10. Gosa kaanserii tokko tokko nurraa ittisa.
11. Hamma qaama keenya keessaa ni xiqqeessa.
12. Madaa garaa keenya keessaaf
13. Hanga sukkaara dhiiga keenya keessaa ni toβata.
14. nurraa ittisa.
14/09/2025
KALEE KEENYA QULQULLEESSUF/ HOW TO DETOXIFY KIDNEYS
****************************
Tokko tokkoon namaa kalee lama qaba. Kaleen keenya guyyaa gaafa dhalannee hanga guyyaa duunutti dhiiga dhimbiibuun xuraawaa gara garaa qaama keenya keessaa gara fincaaniin dhambamsiisuuf guyyatti sa'aatii 24 waggatti guyyaa 365 boqonnaa malee hojjatti. Kaleen dhiibbaa dhigaa fi hir'ina dhiigaa to'achuufis ni oolti.
Hojii xuraawaa dhabamsiisuu keessatti kaleen keemikaalota Alkoolii, nyaataa fi qorichotarraa fa'a dhufaniif waan saaxilamtuuf rakkoo yeroo yerooti irra gahuun kan ka'e dadhabaa deemun dhuma irratis hojii dhaabuu dandeessi.
Kaleen yoo dadhabde xuraawaan qaama keessatti kuufamuu irra kan ka'e dhibee gara garaaf saxilamuu, dhiibban dhiigaa ol ka'uu fi hir'ina dhiigaaf nu saaxila.
Yeroo ammaa namootni baay'een dhukkuba kaleen rakkachaati jiru. Kun kaleen isaa dadhabdee yeroo yerootti dhiksiisuuf /dialysis/ jecha qarshii kumatama baasa.Yaalii baqaqsanii bakka buusuuf /transplant/ carraan jiru xiqqaadha; gatiin isaas qaaliidha.
Kanaaf ,barreeffama kanaan akkamitti kaleen keenya fayya-qabeettii taatee akka turtuu fi warri dhibee kaleen rakkatanis akkamitiin kalee keessaan qulqulleessuun ishee haaromsuu akka dandeessan isinitti hima:
KALEE KEENYA QULQULLEESSUUF KAN OOLAN:
Fayyaa kaleef bishaan baay'isaanii dhuguun gaarii akka ta'e dhageessan ta'a. Eeyyee sirriidha yoo xiqqaate bishaan kubbayaa 8 guyyaatii dhuguun gaariidha. Mee bishaaniin alatti cuunfaawwaan kuduraalee fi muduraalee kalee qulqulleessuu, viitaminii fi albuudota fayyumma kaleef gaarii ta'an of keessa qaban isiniti hima:
1.Hundee diimaa/ beet
hundee diimaan ' antioxidants' fi 'nutrients' hamma asiidii fincaanii ol kaasan of keessaa qaba. Haalaa kanaan Cirracha kalee/kidney stone/ kan nutti fidan 'struvite fi calcium phosphate' isaan jedhaman akka kalee keessatti hin kuufamne dhoorka.
2.Loomii/lemon
Loomiin uumamaan amala asiidummaa waan qabuuf hamma 'citrine' fincaan keessati argamu dabala.Kun ammoo cirrachi kalee akka nutti hin dhufne ittisa.
Bishaan kubbaayaati loomii hanga firii 4 cuunfuun yeroo yerootti dhuguun gaaridha.
3.Firii Agamsaa/α΅α©α΅ α αα /cranberry
- Ujummoo fincaanii qulqulleessuun beekkama
- baakteeriyaan yureetiraa fi afuuffee fincaanii/bladder/ keessatti akka wal hin horre gochuun infeekshinii ujummoo fincaanii nurraa ittisa.
- 'calcium oxalate' kalee keessatti akka baay'inaan hin kuufamne gochuun cirracha kalee nurraa ittisa
4.Baala shoorbaa/α¨αΎαα£ α
α α/Parsley
- Carotenoids, iron, chlorophyll fi viitaaminoota gara garaa of keessaa qaba.
- Dhiiga qulqulleessuu fi kaansarii kalee nurraa ittisuu keessati qooda fudhata.
-Dabalataan muduraan kun warra hir'ina dhiigaa, infeekshinii ujummoo fincaanii fi bokokuu garaatiin rakkataniif baay'ee fayyada.
=> Appilii, Jinibla, wayinii fi habab/watermelon/ faanis fayyumaa kaleef gaariidha.
Hub: kuduralee fi muduraalee kanneen haala nuf mijatuun nyaata keessati dabaluun ykn cuunfaa isaanii fayyadamuun ni dandada'ama.
Warri rakkoo kalee qabdan qoricha isinif kenname cinaatti kana fayyaadamuu dandeessu.
GALATOOMAA!! FAYYAA TA'AA!!
Β©οΈ Dr. Hamza Jemal
Associate Professor of Surgery.
14/09/2025
Fedhii Ofiin Ofirraa Baasuu (Seeggaa): Miidhaa Isaa Fi Furmaata Isaa.
==================================
Fedhii ofiin ofirraa baasuun(mastrubation) amala dhiiraa qofa osoo hin taane, dubartoonnis rakkoo kanaaf saaxilamoodha. Irra jireessaan rakkoon kun kan qeerroo yoo ta'es worroonni gaa'ela keessa jiranis rakkoo kanaaf ni saaxilamu.
Fedhii ofiin ofirraa jigsuun mataa isaatitti dhukkuba miti. Garuu sababa ka'umsa dhukkuboota qaamaa fi xin-sammuu hedduu ta'uu danda'a. Akkasumas araadaa hamaa keessaa bahuun ulfaatu namatti ta'uu danda'a.
Fayyaa Irratti Miidhaa Akkamii Fiduu Danda'a?
1. Afaaniifi qaamni namaa foolii badaa akka qabaatu taasisa.
2. Onneen namaa akka dhiphattu godhuun, hafuura nama kuta.
3. Gaafa bultitti seene fedhiin dafee akka irraa dhangala'u godha.
4. Ofitti amanamummaa nama dhabsiisa. Murtii tokko irratti ijjannoo qabaachuu nama dhoorga.
5. Hiri'ina dhiigaa waan fiduuf, qaama dadhabsiisa. Keessumattuu agartuu ykn ija dadhabsiisa.
7. Fedha nyaataa dhabsiisa.
8. Sammuu namaa waa qabachuu dhoorga, xiyyeeffannaa nama dhabsiisa, waa dagachuu namatti baayyisa.
9. Dallansuu, cinqii, hifannaa, of-jibbuu namatti baayyisa. Waan kana booda miirri of tuffachuu namatti dhagayama.
10. Hirriba namatti baayyisa, karoorafii gammachuu dhabuu namatti fida.
11. Obsa dhabuu, abdii kutuu, waan eegalan xumuruu dadhabuu namatti fida.
12. Qaamni namaa gar-malee akka huqqatu taasisa. Harkaa fi miilli akka nama hollatu taasisa.
13. Fincaan nama gubuu namatti fida. Afuuffeen fincaanii fincaan qabatee turuu dadhabuu fida.
14. Baayβina Sanyiin Kormaa gad buusun dhala dhabuuf ykn Maseenummaf nama saaxila.
Dabalataan Dubartoota Irratti:
β― Afaan gadaamessaa akka madaayuu godha.
β― Qaamni saalaa dubartii hooqsisuu itti fida.
β― Afuuffeen fincaanii michii/infekshiinii godhachuu fida.
β― Dubrummaa balleessuu danda'a. Kunis yeeroo hedduu fayyadamuufi miira hamaa keessa seenanii fayyadamuu irraa darbee darbee kan mudatuudha.
Walumaa galatti ofiin of gammachiisuun rakkoo gama xinsammuufi rakkoo fayyaa hedduu fiduu bira darbee araada hamaadha. Araada kanaan namoonni saaxilaman erga gaa'ela keessa seenanii, dhoksaanis ta'ee ifatti waan kana ni raawwatu. Sababa kanaanis gaa'elli jeeqamu hedduudha.
Falli Maali?
1. Ofiin ofirraa baasuun miidhaa qabaachuu isaa sirritti hubachuu.
2. Haraama ta'uu isaa beekuu.
3. Araada hamaa ta'uu isaa amanuu.
4. Kan darbeef gaabbuu.
5. Fuul duraaf itti hin deebi'u jedhanii murachuu.
6. Worri gaa'ela hin godhatin bultii ijaarachuu.
7. Kophaa ta'uu dhiisuu.
8. Sammuu ofii waan biraan biizii gidhuu.
9. Yoo ofiikee waan hojjettu hin qabaanne namoota biroo gargaaruu baradhu.
10. Bilbila keessa fiilmii saal-qunnamtii, sirba jaalalaa fi suuraa saala faallaa balleessuu.
11. Rabbiin waan kana keessaa akka nama baasu kadhachuu.
12. Bilbilaan wal-janajjanuu dhiisuu ykn xiqqeessuu.
13. Kutaa dhiqannaa fi mana fincaanii keessa turuu dhiisuu
14. Yeroo gara mana dhiqannaa deemtu muuziqaa dhaggeeffadhu. Kan amantii yoo taβee filatamaadha.
15. Hamma itti bartutti nama biraa wajjiin qaama dhiqachuu shaakali(Nama hedduu itti dhiyaattuufi amantu)
Araadi kun sammuu dargaggoota hedduu mancaasaa jira!
Galatoomaa!!! Fayyaa ta'aa!!!
Β©οΈ Dr. Hamza Jemal
Associate Professor of Surgery.
13/09/2025
guddaa π
βMucaa tokko Abbaa isaattu du'e namni tokko isaa waliin hin deemne reeffa awwaaluu:- baadiyya buusee abbaa isaa awwaaluuf dachii qotuu eegale...
Ni arge namtichi warra baadiyyaa re'ee tiksu tokko dhaqee bira gahee ni gaafate
Ψ§ΩΩ Ψ§ΩΩΨ§Ψ³"
Meerre ummanni: kan abbaa kee qofaa awwaaltu?
Ilmi waan abbaa isaa himuu hin feene jecha tokko jechuu eegale.........
ΩΨ§ ΨΩΩ ΩΩΨ§ ΩΩΩ Ψ§ΩΨ§ Ψ¨Ψ§ΩΩΩ"
Laahuwla walaa quwwata illaa billaa. jechaa qabrii abbaa isaa qofaa qota
Namtichi baadiyyaa sun gargaaruu eegale ni awwaalan harka isaa ol qabee icitiidhaan du'aa'ii godheef namtichi warra baadiyyaa kun san booda ilma namticha du'ee kana achumatti dhiisee gara re'ee isaa deeme......
Halkan san ilmi abbaa arge manaamaan abbaa isaa kan kolfaa jiru gammachuudhaan jannata firdoowsiin keessatti ni gaafate ilmi abbaa yaa abbaa maaltu mana kee achii siif godhe sababni maali??
Abbaan ni jedheen du'aa'ii namticha baadiyyaa san siwaliin qabrii tiyya qotee na awwale sani jedheen
mucaan ajaa'ibee barbaaduu eegale baadiyyaaf gaara bahe bu'ee hanga argatu takkatti argee gaafate
Ni gaafate rabbumaan naaf himi du'aa'ii akkam gooteef abbaa kiyyaaf qabrii keessatti?
ΩΩΨ― Ψ±Ψ§ΩΨͺΩ ΩΩ Ψ§ΩΩΨ±Ψ―ΩΨ³ Ψ§ΩΨ§ΨΉΩΩ
Firdoowsii ol aantuu keessattin isa argee?
Ni deebiseef ``a'araabiin´´ ykn namtichi baadiyyaa re'ee tiksu sun:- yaa ilma kiyya akkuma gabrichi rabbiin du'aa'ii kadhatuttin kadheef
yaa rabbii keessummaan kun sibira dhufe ana bira silaa dhufee niin keessummeessa ani arjaadha:-
Ati garuu arjaadha arjaa arjaarraati ati akkaan arjaadhaa ati hunda caalaa arjoomta kanaaf keessummaa sibara dhufaa jira kanaa arjoomi araaramiif jedhee rabbiin kadheef
Yaa rabbii qaama keenya Azaaba qabriii jalaa
ibidda jahannam jalaa najaa nubaasi
Yaa rabbii warra ummanni gaggaariin ""du'aa'ii"" godhaniif nu taasisi
yaa rabbii jannata al firdoowsiin nu galchi
Ψ’Ψ’Ψ’Ψ’Ψ’Ψ’Ψ’Ψ’Ψ’Ψ’Ω
ΩΩΨ¨Ψ¨Ψ¨Ψ¨Ω
Allaahumma AMIIIN
Yoo dubbiftee geessifte barreefama kana waan ajrii itti argattuun cufi fkn
Tasbiihaan
Aayataan
Click here to claim your Sponsored Listing.